Amajjii 18, 2006 (Oromiyaa) - Gootonni Baratoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiisota Jimmaa waamicha nyaata laguu jaallatamaa dhaaba isaanii ABO irraa godhameef gammachuun fudhatanii kuno har'a amajji 18, 2006 ciree irraa jalqabanii laguu nyaataa gageessaa jiru, kana malees mataa haaddachuun gadda obbolaan isaanii qabsoo irratti lubbuun isaanii dabarteef gochaa jiru. laguun nyaataa kunis kan itti fufuu ta'ee uummanni Oromoo hundii fi saboonni cunqurfamtoonni biroon akka isaan cinaa dhaabatanii gaafatanii jiru. ooltee isaanii fi bori maal irraa akka ga'e bal'inaan isinii gabaafna.
Baratoonni keenyi huundee bilisummaa keenyaati!
Kana malees qaama hinbeekamneen doorniin baratoota bilooketiin lama gaafa amajjii 16, 2006 sa'a 3:30 pm iratti gubatee barbadaayee jiraa. baratoonnis bakka ciisichaa fi bultii dhabanii rakkachaa jiru. kun immoo waan tokko illee otuu hin taane wayyaaneen ofii ishee abidda itti qabsiiftee ABO yokaan kan biro jechuuf shira qaphaa'e ta'uu isaa uummanni hubatee mootummaa balleesituu kana waliin ta'uun ufirraa darbachuu barbaachisaa beekuu qabnaa! Barattoonni Tigree yeroo darbe barattoota Oromoo waliin walitti bu´anis ergamni akkanaa akka kennamuufi malu ummanni dubbata.
*********
I. Ibsa Ejjennoo Tukkummaa Baratoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa
Akkumma beekamu uuummatni Oromoo human koloneeffatata habashaa wal-fure dirqiidhaan bituu yaalaa jiru irratti fincila diddaa gabrummaa erga labsee jaarraan tokko darbee jira.
Hunda caalaa mirgi hiree ofiin murteeffanaa kabachiifachuuf gaaffii inni dhiyyeessaa jiruhumna EPRDF, partii TPLFn gaggeeffamuun ukkaamsuuf yaaliin godhamaa jira, kan caaluuf kan nama kakaasuu fi yakki sanyii balleessuu dalagamaa jiru immoo kan daran mootummaa kana irraa nama fageessu dha. kunis qabsoo fincila diddaa garbummaa yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa keessatti boba'aa jiru irraa hubachuun ni danda'ama.
Kana irraa ka'uudhaan nuti baratoonni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Kollejjii Barsiisotaa Jimmaa waliin ta'uun ibsa ejennoo armaan gadii baafannee jira.
1. Gaaffiin Uummata Oromoo mirgi ofiin of murteeffacuu kaasaa jiru haa kabajamuuf!
2. Namoota gaaffii biliisummaa kaasuu isaaniin hidhamanhundi haa hikaman!
3. Oromoota sababa ABO'n gidiruun haa dhaabatu!
4. ABO'n dhaaba gaaffii dhugaa qabatee ka'e waan ta'eef haalduree tokko maleeUummataa isaa keessatti bilisaan akka socho'u haa mijaa'uuf!
5. Uummata qoqqoodanii bulchuuf yaaliin godhamu haa dhaabatu!
6. Namootni Oromoo ajjeesan seeratti haa dhyaatan! warren wareegamaniifis beenyaan haa kafalamu!
7. Guyyaan boorii Amajji 18,2006 eegalee guyyoota itti fufan lamaaniif nyaata lagachuun gochaa faashistummaa wayyaanee ni balaaleffanna!
II. Waamicha qaama adda addaaf
1. Paartiileen Oromoo hundi hatattamaan uummata haraka walqabatanii garaagarummaa gidduu keessan jiru baasuun Uummata Oromoof tokkummaan akka qabsooftan.
2. Oromootni humna waraanaa fi Poolisii wayyaanee keessatti argamtan hundi meeshaa keessangara diinatti akka galagachitan.
3. Kabajamuun mirga uummata Oromoo kabajamuu mirga sabaa fi sablamoota cunqurfamoo biraaf bu'uura waan ta'eef saboonni biroon qabsoo uummanni Oromoo godhu kana cinaa akka dhaabattan.
4. Oromoon hundi (baratoonni, hojjetaa mootummaan, daldalaan Barsiisaan, Qotee bulaan,beektootni,Weellistoonnii , Namootni amantii biyyaa keessaa fi ala jirtan salphinni kana caalu waan hin jirreef, hanga kabajamuu mirga Oromootti harka wal-qabannee haa kaanu. Fincila diddaa garbummaa haa gaggeessinu!
5. Oromoon Dantaa hiika hin qabneen gowwomtanii wayyaaneef basaasaa jirtanii fi Oromoo dabarsitanii kennaa jirtan, kana booda Uummata keessan wajjin ta'uun wayyaanee balleessuu irratti haa xiyyeeffaannu jechaa waamicha keenya kan Oromummaa isiniif dhaamna!
Qbsoon keenya Hanga Bilisummaatti!!!
Qabsaawaan ni kufa Qbsoon itti Fufaa!!!
Gadaan gadaa Biliisummaati!!!
Tokkummaa Baratoota Oromoo Yuuniversiitii Jiimmaa fi Kolleejjii Barsiisota Jimmaa Irraa.
|