Amajjii 10, 2005 (Oromiyaa) - Aanaa Ciroo araddaa madhichoo lakk.9 keessatti galgala kaleessaa(8/1/2006) hidhatoonni wayyaanee nama mahaamad aliyii jedhamu isaa fuudhee aruuzaara jiru meeshaa fi maallaqa maqaa horii ABO tti jedhuun qarshii 10,000 ol ta'u irraa saamani jiru.
----------------------//-------------------
Godina Hararge lixaa keessatti sochii FDG godhamaa jiru waan itti fufeef wayyaanee fi jala deemtotin ishe tarkaanffii suukkanneessa uummataa fi barattoota rratti fudhachaa jiran. akka kanaan guutuu gdinicha keessati hidhuu, tumuu fi akkasumas ukkaamsani dhabamisiisun iti fufanii jiru. haala kanaan aanaa qunnii magaalaa baddeessaa keessatti namoota 68 magaalaa ciroo keessattii namoota 200, daaroo labuu keessattii namoota 200 ol akkasumas baratoota mana barumsa sad. 2fffaa carcar ciroo irraa gara warra jisaanittti galan uummata kaakaasuf dhufrtan jedhanii hidha jiru. fakkeenyaf aanaa mi;eessoo keessatti magaalaa bordoddeettii gara mana hidhaa magaala mi'essotti baratoonni baay'een geefamaniiru. isaan keessaa barataa ahimad mussaa, ahimad ibro , adam umar, akkasumas jirattota irraa tufaa saafisaa, ashaa hadhoo, kan jedhaman keessatti argamu.
----------------//----------------
Daaroo labuu keessaa namoonni hidhaman obbo gammachuu(burus arraddaa) ,ayuub , abduramaan amiyyuu, husseen suleeymaan,mahaamad saanii , kan jedhaman akka malee uleen tumamanii akka warrri isaanii hin laalle dhoorkamanii jiran.
------------------/--------------------
Baddeessa irraa namoota hidhaman Najiib Mahamad, Abdalaa Mahamad , Ahimad Kadiir Husseen, fi ka biroo waluma galati barattota 34 yoo ta'u haawwan(dubartoota ) keessaa kan hidhaman Saadaa Abraahiim, UluufaaBbilloo kan jedhaman keessattii argamu. Barsiisorta keessaa Nuureddiin Abdukariim, Ahimaddiin Durrii, fi ka biroo walumaa galattii namoota 66 kan ta'an hidhamanii mana hidhaa wayyaanee keessatti hiraarfamaa jiran
------------------//-------------
Aanaa masalaa magaalaa masalati namoonni hidhaman 24 yoo ta'n isaan keessa Abdulaziiz Aamad Alii, Ashirafuu , Maamad Xiqqoo, Dachaas Abraahim, Caa;ltuu Jamaal, Raama Ammada, Naziir zarhuun, kan jedhaman keesati argamu.
Walumaa galatti godinicha keessati iddoolee adda adaatti duulli uffata aadaa balleessuu wayyaanonni iti fufanii jiran. Baratoonni fi dargagoonni aadaa balleesun orommuma balleessu waan ta'eef hin dhiifinu jechuudhan warana fi hidhatoota wayyane wajiin walti bu'aa jiran. Haaluma kan too'achuudhaaf huminoota dabalataa waraana konkolata 6 magaala Ciro keesa qubachiisanii jiru.
------------------//-----------------
Moottummaan wayyaanee yeroo gara garaatti ummata Oromoo fi Somaalee walitti buusa ture. Ammas itti jira. Keessumattuu aana Mi'eesso kessatti ummanni Oromo aka isaan FDG ummanni oromoo Naannoo bira itti jiru hin gooneef ummata Somaalee hidhachiisee ficisiisa jira.Aanaa kana keessati ji'a Muddee bara 2005 gama dhumaa nannoo Aannannoo jedhamututti namoota sadi hidhattoota Somaaletiin ajeefamanii jiru. Isaanis Alii Aammee Sulee, Abdulkariim Ahimad, Umar Abraahim Sadaay yoo ta'u namnni Alii Arabaa jedhamu rasaasan madaa'e jira. Haaluma wal fakkatuun Sanbata darbe(7/1/2006) konkolaata Mullu irraa gara Mi'essotti demtu dhukaasa itti banuun barataa kutaa sagalii kan ta'e Yaasiin Hassan jedhamu ajjesani jiru. Namoonni lama madaa'anii jiru.
------------------//-----------------
Gama biraatiin guyyaa kallesaa 1/8/2006 namoota lama qawwee waliin qabanii eega hidhaniin boodatti Mmi'eesso irra gara Karchallee Cirootti fiduuf yemmuu deeman shamaranii fi dargagoonni naanichaa dhagaadhaan konkolaata hidhamtoota fe'ee demu dhoorkanii , dhagaadhaan waraanna federaalaa tumuudhaan dachaasanii jiruu. Kanatti aaranii namoota lameen Abdii Abrooshee fi Juharee Muummee jedhaman qawwe erga irra fudhatanii booda achuma maba hidhaa Mi'eesootti dachaasanii jiru
Injifannoon ummata Oromoof!!
|