Amajjii 7, 2006 (Oromiyaa) - Fincila diddaa gabrummaan kan walqabate ummata nagaa mana hidhaatti guuranii seeraa ala gidirsaa jiraachuun itti fufee jira. Akka gabaasaan lixa wallaggaa magaalaa Mandii irraa nu dhaqqabetti ummati oromoo magaalaa Mandii fi naannoo ishee lakkoobsaan nama 150 ol ta`an hidhaatti guuramanii buufati poolisii aanichaa iddoon waan walhankaateef laastikii irraa godoo ijaaruun mooraa bulchiinsa aanichaa keessatti guuruun dararama hiriyyaa hinqabne irraan geessisaa akka jiran hubatamee jira.
Namoota hidhaa jiran kana keessaa akka fakeenyaatti maqaa dha`uuf :
1.Obbo Qajeelaa Abdataa nama daldalaan jiraatu
2.Obbo Kabadaa Jeetoo nama daldalaan jiraatu
3.Obbo Yohaannis Guddinaa hojjetaa
4. Obbo Amantee Teessoo nama hojii teknikaan jiraatu
5. Obbo. Henook Daagim nama daldalaan jiraatu
6. Obbo Dabalaa Abdiisa hojetaa waajjira qonnaa
7. Obbo Buusaa Barsiisaa
8. Obbo Taganyee qannooBarsiiss
9. Obbo Hirphaa Disaasaa fi namoota gara biroodha
Keesummatti obbo Hirphaa Disaasaa nama mana nyaataa qabuu daldalaan jiraatu fincila baratoota Oromoo keessaa harka qabda jechuun mana daldala isaa keessatti Wayyaaneen nama sagal taatee reebdee lafee harka isaa cabsuun du`eera jettee nama isheen bakkeetti gatte ture. Sana booda firroti isaa lubbuun keessa jiraachuu arganii mana yaalaa Gimbiitti geessanii tajaajilamee erga deebi`ee booda otuu harki isaa cabee jiruu mana hidhaatti darbattee hiraaresaa jirti. Manni murtii aanaa mana sibuu obbo Hirphaa mirga wabiin gadi lakkifnaan poolisooti seeraa ol of gochuun mana hidhaa keessatti rakkisaa jiraachuun isaanii hubatameera.
Obbo Qajeelaa Abdataa erga wayyaaneen biyya qabattee kaasee jireenyi isaa guutuun mana hudhaa ta`e jechuun ni danda`ama. Keessumaa bara 1996 mooraa woranaa wayyaanee magaalaa Mandiitti argamu Birgeed jedhamuu keessatti waanta dhala namaa irratti hinraawwatne mara irratti raawwatanii sana booda qarshii kuma 20 saamuun waggaa tokkoo fi torban sadii mana hidhaa gara garaatti gidirsaa turuun gadi lakkisanni jiru. Rakkinni harka wayyaaneetti obbo Qajeelaa Abdataarra ga`e galmee UN Comiission for humaan right tti kanaan dura kan gabaasamee jiru caalaa dhaabatoonni mirga dhala namaaf falman fi Torture balleessuuf falman kan akka TASSC birattis beekamee jira.
Injifannoon Ummata Oromof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|