Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


ODUU SOCHII FINCILA DIDDAA GABRUMMAA

Amajjii 8, 2006 (Oromiyaa) - Barattoonni Asasaa fincila diddaa gabrummaa guyyaa 25/4/98 alh magaalaa asaa keessatti bahani.

Gootonni barattoota Asaasaa guyyaa 25/4/98 magaalaa asaasaa keessatti hiriira bahuun dhaadannoolee dhageessisaa oolan, haala kanaan

  1. Mirgi hiree murteffannaa ummata Oromoo haa kabajamu!
  2. Hidhamtoota siyaasaa Oromoo haa hiikaman!
  3. Hooggantooti waldaa maccaaf tuulamaa haa hiikaman!!
  4. Oromoon ofii of haa bulchu!
  5. warri Oromoo seeraan ala hidhanii fi ajjeesan seeraaf haa dhiyaatan! Kann jedhan akka dhageessisaa oolan dubatama. Haala kanaan barattoti hedduu mana hidhaatti guuramanii hidhamani jiru isaan keessaa:
  1. Usman Amaan
  2. Waliyyii Amaan
  3. Abduru Gobanaa
  4. Kalil Jeylan
  5. Abduraman Amin
  6. Kadir Amin
  7. Adem Jildo
  8. Husen Cirriso
  9. Musaa Buttaa
  10. Gammachu Bonaa
  11. Amaan Abdurqadir
  12. Abduraman Amin
  13. Kamal Mohamed
  14. Musa Jawaro
  15. Abu Kadir
  16. Husen Guddata
  17. Hajii Korosu
  18. Jamal Husen
  19. Mohamed Dadafo
  20. Damee Hamddesso mana hidhaa keessatti gidirfamaa fi midhaan hedduu irra gahaa jira. Kanaaf qaamni dhimmi ilaalu warra fannoo dimaa, amnastii fi qaamooleen mirga dhala namaaf falman akka isaan dawwatan sabbontonni Oromoo iyyatu

Barattoonni asaasaa maxxannee ta´anii lukkeele jala figuun garaa isaanii gutuuf tattaafatan keessaa:

  1. Diggaa Tucaa
  2. Musxafaa Amenoo
  3. Alima Mohamed
  4. Bashe Guyyee
  5. Mashoo Amboo
  6. Nageeshoo Leencoo
  7. Abdurqadir Waressa
  8. Amaanaa Ambdii
  9. Abboo Gariyyoo
  10. Abdaa Kattaraa jedhaman dha

Hojjettoota lukkee wayyaanee waliin ta´uun barattoota qabsiisaa jiran ammoo:

  1. Adem Usmaan
  2. Baqo Caccoo
  3. Kadir Huseen
  4. Dabalu
  5. Kadir Juraa
  6. Kadir Jula
  7. Aman Haji
  8. Eda´o Barisoo
  9. Mudi Tuke jedhaman dha.

Barattoonni Oromoo Asaasaa jabinaan diddaa isaan muldhisan kun mana murtiitti dhiyaatanii yeroo sagalee isaanii kennan maaliif jeeqxu jedhamanii gafatamnaan nut ihn jeeqne, mirga gaafanne, ummanni Oromoo baroota hedduuf harqoota gabrummaa baatee hacuucamaa fi hidhamaa, ajjeefamaa, biyyaa arihatamaa, qabeenya isaa irratti ajajuu dhabee, beela, dhukkuba, fi jiruu fi jireenya gad aanaa addunyaa irraa jiraatu sababni isaa gabrummaa dha, kanaaf bilisummaa Oromoof hardhas, Borus ni qabsoofna! Jechuun ejjennaa isaan ibsanii jiru.

Ibsa ejjennoo baasan keessattis akka barattoonni Oromoo Oromiyaa mara keessa jirani fi barattoonni hin hidhamne marti tokkummaan fincila diddaa gabrummaa ummata Oromoon jalqabame kana jabeessanii itti fufan gaafanna, Ummanni Oromoo hojjetaan, daldalaan, qotee bulaan jabaatee mirga keenyaaf falmuun didee mana hidhaati akka nu baasus abdii qabna jedhaniiru.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Injifannoon Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net