Amajjii 6, 2006 (Oromiyaa) - Barattoonni yuniversitii kibbaa gaafa guyyaa bara haaraa, Amajjii 01, 2006, sirna ho'aadhan kabajne jira. Kollejjoota Yuniversitii kibba jala jiran keessaa jechuunis 'main campus' fi koollejjii qonnaa akkataa armaan gadiitti kabajameera.
Innis: Main Campus
Borattoonii Oromoo 'Yuniversiitii kibbaa, 'main capus' gaafa guyyaa bara haaraa, amajjii 1,2006, ware booda sa'a 5:30 hanga harkan sa'a 11:00 tti magaala Awaasaatti haala hoo'aa fi tokkummaadhaan kabajne jira. Gaafa guyyaa kanaa barattoota Oromoo bara kana gara Yuniversiitii kibba dhufaniin illee baga nagaan dhuftan jennee tokkummaa barattoota Oromoo duran jiru waliin wal-barsiifamee isaan illee tokkummaa ture kanatti baay'ee akka gamadan fi itti seenan ibsaanii jiru.Guyyaa kanas gama barattoota dura jiraniinis haa ta'u barattota haaraadhaan yaada adda addaa waliif gumaachinee jira.
Ayyaana kana irratti barattoonni 1000 ol ta'an yogguu hirmaatan, barreefamoota, baacoo fi markkimakisota adda adda kan haala, rakkina fi dhumaatii ilmaan Oromoo fi biyya Oromiyaa ilaalatu qabatanii waliin, tokkummaa dhaan kabajneera.
Barattoonni hedduun huffata aadaa fi alabaa ABO tiin faayame uffatani ayyaanicha midhagsaniiru. Ayyanni kunis akkuma aadaa Oromootti eebbaan erga jalqabee booda barattoota fi Qabsaa'ota Oromoo Oromummaaf wareegamaniif yaadannoon haala adda ta'een godhameera. Ayyaana kana irratti tokkummaan keenyaas ta'ee kan Oromoota maraa waanjoo gabrummaa ofirraa cabsuuf murteessa akka ta'e hogbaruulee adda addaan ibsameera. Yeroo ayyaana kana mooraa mana bunaa magaala keessa jiru tokko keessa tti kabajaa jirrutti humni waraanaa fi poolisiin mootummaa wayyaanee mana bunaa sana marsu illee sodan fi shakkii tokko malee yaadaa fi ergaa keenya waliidabarsinee jira.
Osoo humni waraanaa fi polisiin feederalaa karaa (dandii) irratti nutti naanna'aa fi nu sodaachiisuuf carraaqqii godhuu, mana bunaa kanaa kaasinee hanga mooraa koolejjichaa (kaampasi ) seenutti weedduu qabsoo weedisaa qallee jirra.
Koolejjii Qonnaa
Baratoonni ynvereesttii kibbaa monaa koolleejii qonnaa awaassa keessa jiran ayyanaa waggaa harawaa Amajjii 1/2006/ sirnnaa ho'aa dhaan kabajaanii olaan. Kabajaa ayyaanaa kanaaf ganaamaa irraa jalqqabaanii alaabaa ABO tif abbaa gadaa doormmii isaanii keessatti fannisudhaan baga ittiin si ga'ee baga ittin isin ga'ee waliin jedhaa olanii jiruu. Ayyaniichaa sabaabeefaachudhaan galgalaa guyyichaa waltajjii qopha'ee irratti baratoonni 450-500 ta'an argamuudhaan qophii adda addatiin wal bu'aarssaa bulan. Waltajjichaa alaabaa ABO fi alaabaa abbaa gadaa dhaabanii shamaa dimaa magariisa dimaa ta'ee qabsiisanii yaadannoo wareegamtootaa goototaa oromootiin banuutti hansanii sirnnichaa akkumaa aadaa oromootti boraantichaa eebbisiisun kan jallqqabaan yoo ta'uu ibsii fi seenaan ayyanichaa, walaloon, gaafii fi deebiin, badhaafnii, sirbboonni qabsoo, baacooniifii tabnnii gaggabaaboon barnootaa dabaarsan ayyaniichaafi midhagiinaa warraa kenne keessaatii. Hirmmattonni ayyanichaa sirnna kabajaa ayyanaa kanaa irratti tokkummaa isaanii cimsanii qabsoo ummataa isaanii cinaa hiriiruu dhaaf/dhabbachuu dhaf waadaa isaanii haromsani jiruu. Qabsoo ummata Oromootiifis kallachumaa ABO cinaa iriirusaanii ABOn kallachaa qabsoo Oromootii jeechudhaan ibsaanii jiruu. Kanatti dabalanii wan qabsoon irraa barbbaddu hundaan dhaabaa isaanii ABO cinaa akka iriiran ibsanii jiru. Sirna kabajaa ayyanaa kanaa irratti baraatoonni yaadaa adda adda dabarfataanii, ummata Oromoo marafiis wamichaa qabsoo godhanii jiruu. Dhuma irratti faaruu alaabaa Oromiyaa farsuu dhan akkumaa eebbaan jalqaban waltajjichaa akka aadaatti eebaan goolamaaniis barattoonnii tabaan, sirbaaf wallee qabsootiin bu'aaraa bulaanii jiru.
Walumaagalatti, yaada fi dhaamsii barattoonni kun guyyaa ayyaanichaa ibsaa turan, hoogbaruu adda addaatiin haata'u malee, rakkinaafi midhaa mootummaan wayyaanee Oromoota irratti fudhachaa jiru kana ni balaleffanna kan jedhu dha. Guyyaa Ayyaana kana kabajanis yaada barattoonni moora lamaanii calqisiisan keessaasi dhaadanoole ykn ibsoon ijjannoo armaan gadii ni argamu.
1) Barri haarawaan (2006) bara bilisumaa akka nuuf ta'u, nuti barattoonni Oromoo Yuniversiitii kibbaa, barattoota oromoo sadarkaa ol-aanaa, sadarkaa lammaffa fi tokkoffaa akkasumas ummatta Oromoo waliin ta'uudhaan, qabsooni fincila Oromiyaa kessatti gageefamaa jiru haala cimina qabuu fi tokkmmaa ta'een akka ittifufu wareegama barbachisaa hunda ni kafala, galmaaniis ni geenya.
2) Dhiigni Alamaayyoo Garbaa fi barattoota Oromoo wareegaman maraa akka dhangala'eeti hin hafu, akkasumas hidhaa fi ajjeechaan uummata Oromoo irratti geggeefamaa jiru ni balaalefanna, gumaa isaaniis ni baasina.
3) Yoomiyyuu gaafiin ABO gaafii uummata Oromooti, Oromiyaa kan bulchuu qabu alagaa osoo hin taane ABO ta'uu qaba.
4) Tarkaanifiin hidhaa fi ajjechaa mootumaan wayyanee Oromoota irratti fudhachaa jiru, daraa qabsoof nu cimisa malee Yoomiiyyuu ofiduuba nu hin deebisu.
5) Barachaa qabsoofinna qabsaa'aa baranna, qabsoon keenyas hanga bilisumaatti, wareegammi keenya hanga lubbutti.
6) Tokkummaan keenyas ta'ee uummata Oromoo bilisummaa keenyaaf barbachisaa fi murteessa waan ta'eef tokkummaan ni gurmoofna dhaaba (kan akka opdo) fi namoota uummata Oromoo qarshiidhaan gowwomisee kutaa fi Amanitiidhaan nu qoodu ni balaaleffanna, tokkummaa keenyaanis dhaaba bilisumaa uummata keenyaaf falmu, ABO, waliin ni hiriira.
7) Gocha yeroo amma kana jal-deemtuu mootumaa wayyaane 'opdo'n uummata keenya dhabilee siyaasa Oromoo kan bilisa ta'an ABO deegartan jechuun, ajjeesaa mana hidhaatti guuraa, biyyaa baasaa jirtu kana cimisinee ni balaaliffanna.
-
Gadaan gadaa biliisummati!
IUOf!
-