Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Odeessaa biyyaa

Sababa ayyaana iidaa godhachuun guyyaa arraa guutuu Harargee fii wallotti fincill diddaa gabrummaa haala oo'aan kabajamaa oole.

Amajjii 11, 2005 (Oromiyaa) - Akka kanaan Harargee Lixaa keessatti wayyaaneen torbaan kana guutuu uffata aadaa kan alaabaa ABO qabu qopheeffattan jechuun ayyaana kana han qisuuf barattootaa fii ummata oromoo kan lakkoofsa hin qabne hidhatti guuruun Harargeen guututti mana hidhaa taateeti jirti.

Ayyaana arraa bakkootiin itti kabajamaa oole:

1, Ummanni oromoo kan magaalaa Bordoddee fii baadiyaalee isii ayyaana iidaa kana sababfachuun fincila diddaa gabrummaa kan duraanuu itti jiran daran jabeessanii itti fufaa oolan,

haala kanaan uffata aadaa kan wayyaanee akka hin uffanne jettee turte alaabaa ABO tiin miidhagsanii diddaa gabrummaa isaanii mul'isaa oolan,ABOn dhaaba keenya kan haqaati,wayyaanee fii maxxanneen isii OPDOn diina ummata oromooti jechuun dhaadannoo isaanii dhageessisaa oolan,

2, Ummanni oromoo kan magaalaa Asabootii fii gandooliin baadiyaa hundi sababa ayyaana iidaa godhachuun fincila diddaa gabrummaa isaanii guyyaa arraa garsiisaa oolan, fincila kanaan akkuma warra bordoddeetti wayyaaneen uffata aadaa akka hin uffanne kan jettee dhoorkite diduun,uffata aadaa kan halluu alaabaa ABOtiin miidhagsameen ayyaanichaa oowwisaa oolan,

3, Ummanni oromoo kan magaalaa mi'eessoo fii baadilyaaleen isii xiqqaa guddaan odoo hin hafin ayyaana iidaa sababa godhachuun akkuma warra kaanii uffata aadaa kan halluu alaabaa ABOtiin miidhagsaniin ayyaana kabajachaa oolan. dhaadannoolee wayyaanee fii jala deemtuu isii balaaleeffattuufi tan ABO ittin faarsaniin ayyaanicha ayyaana addaa taasisanii oolan.

4, Ummanni fii barattoonni oromoo kan magaalaa Ciroo dhiibbaa wayyaaneetiin odoo hamilee hin cabin ayyaana iidaa akka hin kabajne jettee kan dhoorkite bifa isaanii danda'meen kabajachaa oolan.wayyaaneen akka ayyaanni kuni hin kabajamneef ummataa fii barattoota oromoo hammana hin jedhamne mana hidhaatte torbaan tokko guutuu itti guuraa jirti.haa ta'uu malee odoo kanaan hamlee hin cabsin,kan waraana isii warra dhalootaan oromoo hin tahin tigrootaa,amaara fii warra kibbaa fiddii nama mana isaatii bahe ajjeesaa jettee diqama itti laattullee ummanni odoo hin sodaatin waan dandahanii ayyaanichaa isaanii kabajachaa oolan wayyaanee itti balaaleeffachaa ABO ammoo faarsuun.

5, Ummata oromoo fii barattoota oromoo kan magaalaa Hirnaa wayyaaneen humna waraanaa guddaa irra kaayuun yoo manaa baatan isin ajjeessan jechuun akka ayyaana hin kabajenne godhuuf mana hidhaatti torbaan tokkoo ol itti guuraa jirti.

haa gootuu malee warri baadiyaatii akka magaalaa hin dhufne kan gootees bakka jiranitti ayyaana isaanii bifa gaariin dhaadannoo ABO dhageessinuu wayyaanee garaa gubanii ayyaana kabajachaa oolan,

6, Galamsoo fii Baddeessatti odoo humna waraanaatiin uffata aadaa irraa guuraa jirtuu,akkasumaan ummanni fii barattoonni ayyaana akka kabajachaa oolan gabaafame.gara baadiyaatti daangaa tokko malee waraana uffirra arihuun ayyaanicha ayyaana bilisummaa oromoo jechuun faaruulee ABO faarsituun kabajachaa ooluun isaanii barame. keessattuu bakkootiin Daaloo, Dikichaa fii lakkoofsi 16 waraanaa fii mancaan waardiyaa uffirraa qabuun waraanaa fii poolisii wayyaaneen uffirraa ittisanii ayyaana bifa gaarii kan bilisummaa jechuun kabajachaa ooluun isaanii gabaafame.ummanni naannoo Miicataa fii Machaaraatiis haaluma warra kanaatiin ayyaanicha kabajachaa oolan,

7.Ummanni Ona Doobbaa naannoo Biyyoo-Karaabaattii ayyaana iidaa kana sababfachuun fincila diddaa gabrummaa gaggeessaa oolan.haala kanaan uffa aadaa kan halluu Alaabaa ABOtiin midhage hidhachuun xiqqaa guddaan odoo hin hafin yaada isaanii ibsachaa oolan, sababa kanaan poolisoonni fadraalaatiifi warri OPDO hiriira ummataa kana gufachiisuuf yeroo carraaqan, ummanni poosisoota 3 fii gaafatamaa OPDO tokko tumuun caccabsanii hujii ala taasisan.

haala kanarraa kan ka'e waraana guddaa mikiinaa 2 ol galgala kana achitti wayyaaneen akka dimachiiftees gabaafame.

8, fincilli diiddaa gabrummaa kan sababa ayyaana iidaa kanaan gaggeeffame magaalotaa fii baadiyaalee armaan gadii kanattiis gaggeefamaa oole,

Caffee Baatee,  Kaarra-Mille,  Qobboo,  Laangeey, Calanqo, Dhangaggoo, Dirree-Dhawaa,  Harar,  Baddannoo, Awwadaay fii Haramaaya. bakkoottan kanatti akka uufata aadaa hin uffanne guyyaa arraa kana jettee wayyaaneen itti labsitullee jalaa diduun ayyaanicha uffata aadaa kan alaabaa ABO tiin miidhasameen fii dhaadannoolee gara garaa qabchuun guyyaa guutuu fincila isaanii gaggeessan.

9, Fincila warra kaanirraa addaa kan koollejjii Haramaayaa tii fii qotee bultoonni oromoo arra gaggeessan. sababa ayyaana iidaa kana godhachuun qophii qindoominaan godhamteen bakka iida itti salaatanii uffata Alaabaa ABO qabu uffatuu fii Alaabaa ABO guddoo gamaa gama qabuudhaan fincila isaanii yeroo jalqaban,waraanni wayyaanee fii poolisoonni itti bobbahanii barattoota hanga tokko humnaan yeroo qabanii hidhan, qotee bultoonni naannoo Baatee jiraatan gamtaan qottoo fii mancaa qabachuun itti dirmatanii mana sun cabsanii barattoota hidhaman guututti hidhaa baasanii bifa haaran hiriira fincila diddaa gabrummaa itti fufuun magaalaa baatee fii baadilee naannoo sunii hunda waliin gahanii maayyiiratti galgala wal eebbisuun barattoota fudhatanii gara manneen isaaniitti akka galanii gabaafame,

waraanni fii poolisiin waan gootu wallaaltee yeroo suniif akka achii baqatte ibsame.

ummanni oromoo fincila diddaa gabrummaa kan jalqabame daran jabeessanii hanga bilisummaatti akka itti fufaniis battalumatti wa'ada isaanii haarowfatan.

10, Konbolchaa fii baadiyaaleen isii sababa ayyaana iidaa godhachuun konbolchi konbolcha gaafa chaartarii taheeti oole.

ummanni fii barattoonni oromoo magaalaa konbolchaa fii naannoo isii uffata aadaa kan alaabaa ABO qabu fi filaa mallattoo alaabaa ABO qabu godhachuun, dhaadannoolee gara garaa tan ABO faarsitu fii wayyaanee fi jala deemtuu isii arrabsitu qabachuun magaalaa keessa ganama yeroo salaataa irraa jalqabanii guyyaa guutuu itti oolan.

gammachuu uammanni oromoo waliif qabuus itti mul'isaa oolan.

wanni isaan ja'anii Rabbi kadhachaa oolan keessaa yaa Rabbi ABO nuu moosisii nuun gahi. ABO faan milkii, ABO faan badhaadhinaa, ABO abbaa naga'aa fii gammachuu, ABO abbaa misooma dhagaatiifii dagaaginaa jechuuta jedhuun lallabaa wayyaanee fii jala deemtuu isii garaa gubaa oolan,

11, magaalaan Dadarii fii naannoon isiitiis humna guddaa waraanaatiin ukkaamsanillee ayyaana bira gaariin kabajachuun isanii gabaafame,

uffata aadaa kan yeroo ammaa Harargee keessatti akka wanjalaatti ilaalamaa jiru halluu alaabaa ABOtiin miidhagsanii faaruulee gara garaa waliin ayyaana miidhagafatan.ayyaana kanarratti wayyaanee fii jala deemtuu isii itti balaaleefachaa kan oolan yeroo tahu warri diinaa garaan isaanii gubachaa ooluun barame.

Kaaba Oeomiyaa

Sababa ayyaana iidaa godhachuun ummanni fii barattonni magaalaa fii baadiyaa Baatee jiraatan uffata aadaa kan halluu alaabaa ABOtiin miidhagsameen fincila diddaa gabrummaa isaanii arra gaggeessaa oolan. magaalaan baatee guyyaa arraa hafuura bilisummaa oromoo akka argataa oolte gabaafame,

bifuma wal fakkaatuun oromoonni naannoo Kamisee jiraataniis ayyaana kana akkuma warra baateetti akka kabajachaa oolan barame.

gaafa 09/10/06 halkan keessa hidhattoota wayyaaneen akka ummanni oromoo magaalaa dhufee ayyaana iidaa hin kabajne godhuuf bobbaafterratti waraanni bilisummaa oromoo Zoonii bahaa tarkaanfii irratti fudhachuun 2 ajjeesse 1 yeroo madeessu qawwee lama hidhannoo guutuu waliin booji'ee qabeenya WBO taasise.bakki tarkaanfiin itti fudhatamtees ganda Goobbee jedhamti.

 

INJIFANNOO UMMATA OROMOOf!!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net