Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Oduu Fincila Diddaa Gabrummaa - Oromiyaa

Gurraandhala 3, 2006 (Oromiyaa) - Kaleessa guraandahala 2-2006 bakka hoomii jedhamutti waraana wayyaanee fi ummata gidduutti walitti bu´insi ta´een ummanni itti iyyee walii dirmatee itti bobbaahee falmaa godheen namni tokko yeroo wareegamu namni tokko ammoo madaaheera. Wayyanonnis humna ummataa sodachuun haala rakkisaa keessa galanii haala rakkisaa ta´een baqatanii bahanii jiru.

Guduruus akka waraana wayyaaneen qabatametti jira. Rakkinni jaarusmmaan furma jedhames waan furame hin jiru, Rakkoon siyaasaa jaarsummaa kan gaggeessuu qaama dhimmi isa hin ilaallanne malee namni ajajee nu ajjeesise akkamiin jaarsa ta´ee nutti dhufa jechuun of irraa deebisaa jiru. Namoonni hedduu bosonatti galanii jiru, wayyaanees waraanni ABO jira jettee WBO guduruu keessaa akka barbaadaa jirtu hubatameera, WBOtti qabattee ummata akka hin rukkunnees sodaa isaan qaban nuuf ibsu. Waan jaarsummaa fashalee jira ummannis of irraa gootummaan qolachaa jira.

Namoota naannoo finca´aatti hidhamanii jiran gudurutti dabarsuun bakka hin beekamne geessitee jirti. Kana keessa barsiisaa tokkoo fi miseensota ONC afur akka argaman hubatamee jira.

Godina Lixa Shawa

Godina lixa shawaa aanaa dandii magaalaa Gincii keessatti m/barum,saa sadarkaa

2ffaa Gincii irratti gaafa 23-5-98 A.L.H sa’aa 9:00 irrattii ergamtun wayyaanee

OPDO kutaa baratoon baratan irratti bombii darbate baratoota sadii/3/ mada’uun

Isaanii bekameera OPDOn wara cimmoo ta’aan baratoota keessaa fiiluun isiintu

Darbate finciila kanas isiintu qindessee jechun mana hidhaattii darbachaa jirtii

Baratoota hidhaman keessaa muraasnii

1. DIROO GUUTAA

2. BIRHAANU ARAARSAA

3. LALISAA CAALAA

4. TASHAALA FIQIREE

5. KAASAHUN LAGGASSAA yamu ta’aan gaafuma kana galgala sa’aa 2:30 irratti waajjiira Polisii Gincii irratti bonbiin darbatameera qabeenyiis barbadaa’uun isaa Beekameera tarkaanfiin kun kan fudhatame qaama koree tarkaanfii KBBO Go/li/ Shawaa aanaa dandii magaalaa Gincii keessattii argamun ta’uun isaa beekameera.

Oromiyaa Kibbaa, Shaashamaannee

Shaashamaannee Godina taassifna Aanolee Godinoota Oromiyaa Arsii, Baalee fi Shawaa irraa kudhan walitti deebifnee maqaa jedhanii uummata qooduun walitti buusuuf garoii maqaa Arsii Kibbaa fi garii ammoo Laangaanoo moggaafna jechuun wayyaanonni karaa jaleewwan isaanii shira dalagaa jiru. Uummanni gochaan Bulchiinsota naannoo kanaa shira ittiin uummata walitti buusuuf qindeeffame waan ta’eef akka irratti dammaqee yaalii wayyaanotaa gatii dhabsiisu dhaammataniiru!

Gara biraan ammo Kantiibaan Shaashamaannee Damissee Shittoo fi ilmaan Habashaa kan ta’an Gizawu Mulgeetaa(I/G Biiroo Barnoota Magaalaa) fi Mulgeetaa Leggesee (I/G Ijaarsaa fi Dandeettii) wal ta’an ilmaan Oromoo naannoo kanaarratti shira raawwataa jiru.

Akkuma kanaan dura gabaafne Kantiibaan Magaala Damissee Shittoo Uummata Oromoo ijoollee waliin gara 30,000(kuma soddomaa) naannoo Awwaashoo irraa buqqisuun lafa ilmaan habashaa waliin hiratanii jiru. Uummanni naannoos buqqaafamuu isaatti qunqunfatee dubbataa jira.

Namni amma I/G Biiroo barnootaa ta’e kun Gizawu Mulgeetaa kanaan dura yeroo mana barumsaa ture sabboontota barattoota Oromoo irra miidhaa cimaa waan geessiseef har’a gaafa sochiin barsiisota Oromoo isaanitti cime sabboontota barsiisota Oromoo akka miidhuuf aadaa, afaanii fi seenaan Oromoo akka hin dagaagneef akka dura dhaabbatuuf ol fudhatame.

Kanaaf jarreen kana yaroo gabaabduutti akka gochaa farra QBO irraa akka deebi ’ an sabboontotni naannoo akeekkachiisanii jiru!!

Oromiyaa Dhihaa, Guduru, Abbayii Coomman

Aanaa Guduruu naannoo adda addaatti FDG jabaatee itti fufee jira:

Naannoo Tulluu Abiib wayyaanonnii jaleen ishee araara jaarsummaa jechuun itti hiiquu yaaltullee ofirraa faccisee qaanessee deebiseera.

Naannoo Looyyaa Qidaameettis tattaaffii jaleewwan wayyaanee fashaleessuun uummanni bulchiinsa keessan hin beeknu jechuun qaanessee ofirraa deebiseera.

Naannoo Waatiyyootti uummatnii fi barattootni FDG karaa nagaa gaggeessan wayyaanonni waraana itti erguun gara jeequmsaatti jijjiiruun konkolaataa Bulchiinsa Aaanaa akka gubatee fi tokko ammo akka caccabe himama. Haa ta’u malee tarkaanfii gara jabeenyaa wayyaanonni fudhataniin namni sadii haga afurii  ajjeefamee haedduun madaahee jira.

Naannoo Daduutti uummanni odeessa gara biraa irraa dhagahuun waraana itti dhufu ofirraa deebisuuf dargaggoonni heddumminaan goodaa Imbaaboo lafa Minilikii fi Taklehaymanot lafa Oromoo irratti wallolaaniitti eeboo fi cuubee qabatanii guyyaa guyyaa ofirraa eegaa oolu!!

Naannoo Hoomii fi Hacaaneettis uummata ayyaana kabajatuu fi FDG karaa nagaa gaggeessu wayyaanonni maaliif sirbitani ayyaanarratti, kaan ammoo maaliif FDG itti hirmaattan jechuun uummata irratti roorrisaa jirti!! Waraana wayyaanee hoomiitti arihanii baasan irratti nama tokko wareegamee tokko ammoo madaahaniiru.

Dhuma irratti uummanni Oromoo harka wal qabatee FDG karaa nagaa gaggeessuun kaayyoo QBO hanga galma gahuu akka qabuuf jaleewwan uummata keessatti dhalattanii diinaaf karaa saaqxan gochaa isaaniirraa akka dhaabbatan hubachiisanii jiru!! Yoo kana hin ta'iin uummanni tarkaanfii sirreessaa akka fudhatu akeekkachiisaniiru! 



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net