Guraandhala 2, 2006 (Oromiyaa) - Walga’iin Jeneraalota Waayyanee qofti baayyinaan keessaatti argaman wiixataa eegalee/1.29.2006/ hanga ammaatti Abbaa Duulaan geggeffamaa waan jiruuf naannoo Waajjira
Caffee isaanitti eegumsi cimaan geggeffamaa jira.
Abbaan Duulaa /Minaasee W/Gorgis/ Uummata naannoo Booranaa gowwoomsuuf yaaluu dhaqu illee Uummati naannoo Booranaa ajjefnee dhumna malee jedhanii qophaa’aani akka eggatan dhaga’ee akkuma dhaqeen siree qabaniifi mi’a isaa olgalfatee isaa jiruu informationa kana dhaga’ee shufeerii isaa gatee ofii isaatiif konkolataa kafatee naasuu guddaa irraan kanka’ee gaazixeessitoota isaa illee gatee gale.
Mana Barumsaa Misiraaq Axxaqaala’i kan jedhamutti guyyaa 1.31. 2006 Meeshaan yoo badeef akkasumas nageenyii naannoo kanaa yoo bora’eef itti gaafatamna jedhaatii maatii keessan fidaatii mallaatteessisaa jennaan Barattotni barumsas hinbarbaannuu maatii keenyas hin finnu yeroo jedhanitti Barattoota nama 20 ol qabanii hidhaanii jiru.
Jaartiin Mellas Zeenaawwii Azeeb Masfiin kan jedhamtuu Xaa’oon ana arka galee jira jettee kan dhaadhachaa jirtu irraa qarshii isaaf ramadamee ofiisheef dhimmaa dhuunfaa irraa olfachuudhaan konkolaataa Ittisa Biyyaattiin gurraachaa akka jirtu dhagamee jira.
Namtichi perezedaantii Mana Hawaalaa kan maqaan isaa Gizaany Hilmaa jedhamu kan ajjefameef qarshii atamee sana waan mormeef ajjefamuun isaa Ummata Amaaraa waan naasiseef gumaan isaa hin afu, isa Uummata Oromootti dhufeetu nutti dhufaa jira jedhanii balaaleffachaa jiru.
Goodina Wallaggaa Lixaatti namoota basaasaa jiran keessaa kan maqaan isaanii nuf
abeeksifamu jedhan 1ffaa Mangistuu Indaaluufi Fitsum Tasfaa’ee kan jedhaman yeroo ta’uu fistum kanaan duras loltuu isaanii turee amma immoo manatti eega galee kan caaluu ta’ee jira waan ta’eef gochaa isaa kana irraa of qusachuu akka qabu jiraattoonni naannoo sunii dhaamaniru.
Gaafa 2/2/06 irraa eegalee waliigala Oromiyaatti wayyaannonni kisaaraa siyaasa fi gama hundaan isaanirra gahe irraa kan ka'e barsiisota Sadarkaa lammaffaa guyya kudhaniif akka walgahii gchuuf qophaahaa jiran keessa beektotni saaxilani!!
Walgahii kanarrattis ejjennoo barsiisota Oromoo Fincila Didda Gabrummaa Uummatni Oromoo addattuu barattootni Oromoo gaggeessaa jiraniratti qaban guddoo waan isaan sodaachiseef olola bal'aa walgahii kanarratti gaggeessuun ejjennoo siyaasaa rakasaa wayyaanee fudhachiisuun ejjennoo jijjiirsisuuf akka ta'e beekamee jira!!
Haa ta'u malee haala hirmaannaa barsiisota Oromoo FDG kanaarratti gochaa turanii jiraniin waan itti milkaahuu dandahan akka hin taane keessa beektotni saaxilanii jiru!!
Goodina Arsii Aanaa Gololchaa irraa Sabboontuun dubartii Oromoo Dambal jedhamtu FDG uummata Oromoo bifa addaan jabaatee akka hanga bilsummaatti itti fufuu qabuu fi gama isheen wareegama hanga itti dandeettii qabdu baasuuf akka qophii taate ibsaa Uummatni Oromoo bakka jiruu sagalee tokkoon gabroomfataa kana isa dhumaaf ofirraa darbuuf daran socho'uu qaba jechuun dhaamsa lammummaa dabarfattee jirti!!
FDG Uummanni Oromoo gaggeessaa jirutti rifatuun wayyaaneen karaa jaleewwan ishii uummata oromoo hidhaa fi reebbitiin dararuun itti fufee jira.Haaluma kanaan Ganda Burraaqsaa keessatti namni Aahimad Abdurhamaan jedhamu Sadaasa 2005 irraa kaasee qabamee hidhamee tumamuu akka dararamni hamtuun irratti raawwatamaa jirtu yoo ta'u jarreen kana godhanis poolisoota Abdallaa Aammee fi nam biroo tokko ta'uun beekameera.
Haaluma walfakkaatuun Manguddoo ganna 65 kan ta'a Aadde Faaxumaa Galmoo akka malee tumanii mana hidhaa seeraan alaatti akka dararaa jiran hubatameera,Kan kana godhus abbaa araddaa Kortuu Mahaammad Abdurhamaan ta'uun saaxilameera.
Barattoon magaala Amboo torbaan darbee keessa human warana wayyaanettin qabamaan essa akka isaan ga’aan dhabameera.Maqaan isaanis akka armaan gadiitti
1. Barataa Tasfayee Beekaa 2. Barataa Baqalaa Beekaa 3. Barataa Habtaamuu Gaaromsaa
4. Barataa Qannoo Taachee 5. Barataa Taadalaa Teessoo 6. Barataa Rattaa Mokonnon
7. Barataa Taamiraat Ebisaa 8. Barataa Simanyii Dayaas 9. Barataa Iminet Hayiluu 10. Barataa Baqalaa Wadaajoo 11. Barataa Halaminaa Caalaa 12. Barataa Geexee Dadanaa 13. Barataa Asheenaafii Mattaassaba 14. Barataa Fiqaaduu Caalii jedhamu.
Barattoonni maqaan isaanii armaan olitti caqasame kun Bakka buuteen isaanii haga ammaatti kan beekame hin jiru, kanaaf qaamoota amnasty international, ICRC fi kkf iyyaa iyya dabarsaa jechuun sabboontonni Oromoo dhaamu.
Godina Wallagga bahaa keessatti FDG jalqabame itti fufee jira. Akkuma kanaan gaafa 02/01/06 ummanni ona Jimmaa Raaree magaalaa Waayyuu fi naannoo ishee loltuu wayyaanee karaa irratti cufuudhaan falmaa ooleera. Haaluma kanaan namni afur yommuu wareegamu nammoonni hedduun madaa'aniiru. Ummanni aanaa Jimmaa Raaree, Guduruu fi Abbaayyi Coomman yeroo ammaa loltuu wayyaaneedhaan hedduu dararamaa jira.
Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Yaayyoo Hurrumuu Ganda Aantoo fi Caancoo keessa jiraatan qonnaan bulaa Oromoo irraatti namoonni dhalootaan ilmaan Tigiraay ta’an yeroo adda addaa miidhaa gurguddaa utuma irraan ga’aniyu gaafa guyyaa 18/04/98 A/l/H ilmaan Tigiraay namootni maqaan isaanii
1. Yemaanee Yohaannis fi 2. Kibroom Maarii kan jedhamanu mana jireenyaa dargaggoo Taarikuu jedhamu deemanii gajaraa fi qottoodhaan rukutan irraa kan ka’e sabboontotni Oromoo naannoo sanaa jiraatanu utuu nu harkaa nyaattuu nu nyaattaa? Jechuudhaan mana jireenyaa ilmaan tigiree maqaan isaanii caqasamee qabeenyaa jiruu wajjin ibiddaan barbadaa’eera. Akkuma kanas ammas ganduma kana keessaa midhaan xaafii tuullaa 14 kan tigirootaa fi tuullaa lama kan Oromoo ergamtuu wayyaanee kan ta’e irratti tarkaanfii fudhatameen midhaan tuullaan 16 abiddaan barbadeeffamee jira.
Tooriiban kana keesa iti fuufudhan annolee heedu galee manotaa jaala deemitootaawaayanee heeduun guubaate jiraa -polisin taasgaabeesuu yale huuminaasaati olii ta'eraa
Diddaa guduuruutti ta´e irratti Wayyaaneen Oromoo ajjeesuu itti fuftee jirti. Bifa kanaan namoota du´an keessaa: Mirreessaa fi Birruu Tasammaa namni tokko ammoo mataa isaa irratti rasaasaan rukutamee ambootti ergameera, Oromtichi kun maqaan isaa Dassalany Callanqaa jedhama.
Wayyaanoonni hardhatti 2/2/2006 jaarsummaa qabdee sobuuni fi guyyaa harshaa waraana ummata guduruu irratti waraana itti dulchitee jirti.
Horro keessa bakka Hoomii jedhamutti waraanni itti duuletti ummannii itti gamaa fi gamanaan itti iyyee waraana marsee arihuun isaaniif gamnaan baqatanii bahanii jiru, lukkeewwan wayyaaneen itti jiranis adabni itti kennamee jira.
Waraanni gara kombolchaa jirus itti hin milkofne dha, ummannii gamaa fi gamanaan itti iyyee of keessaa arihaa jira.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!