Amajjii 25, 2006 (Oromiyaa) – Amajjii 25, 2006 barattoonnii fi namoonni Maccaa fi Tuulamaa mana hidhaa wayyaanee keessatti dararamaa jiran mana murtiitti dhiyaatanii turan. Namoonni isaan irraatti ragaa bahanis bakka jiran hundaa dhufanii Draamaa mootummaan wayyaanee qindeesiteef taatota tahanii oolani jiru.
Ragaa baatonni kun harki sagaltama ilmaan tigree, kaan ammoo walmakaa fincaan ilmaan habashaa garii Oromoo warra seenaa hin qabne dha. Waan jarri jechaa turanis abbaa seeraa fi ummata achitti argame kofalchiisee, ajaaibsiisee jiras. Darbees ammoo shira mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo qulqulluu irratti raawwachaa jirtu sirriin saaxilee jira.
Namonni kun lakkoofsaan hedduu yoo tahan irra caalaan isaanii namoota barumsa hin qabne karaa gubbaa jiraatan tahuu isaani irra taree nama irratti ragaa bahan illee bifaan kan hin beekne tahanii argaman. Raajii raawwatamaa oolan keessaa:
-Abbaa Seeraa: Eenyurratti ragaa bahuu dhufte?
-Ragaa Bahaa: Ebeluu irratt (maqaa barreeffate dubbisaa)
-AS: Ebeluun kam mee natti agarsiis.
-RB:Hin beeku.........Raajii dha!!
-AS: (Baay'ee kolfee mataa raasaa) maaliif dhufteree?
-RB:Poolsiin nawaamnaani.
-AS:Yoo ebeluun boombii darbu argite?
-RB:Hin agarre garuu lammata irratti akkaataa itti darbatani waraabuuf kiiloo 6 gaafa deeman polsiin nageessee akkasiin darbanne yoo jedhan dhagaheera.
-AS:Akkamiin jarri kun boombii dhukaasuu isaanii beektare?
-RB:Afaan cufamee waan dubbatu dhabe.
-AS:Boombiin sun eessaa akka dhufe waan beektu qabda?
-RB:Anillee hin beeku, garuu akka naaf himametti Amboo irraa bitame.Maccaa fi Tuulamatu qarshii 2700 kennee sana keessaa qarshii 500n bitame.
-AS:Maccaa fi Tuulamni maal?
-RB: 'Dirjittii'ABOti nuun jedhan......Ajaa’iba!!
-AS:Boombii kana eenyutu bite?
_RB:Nama bite hin beeku, garuu ebeluun (Maqaa dhahee) hiikee akkataa itti dhuka'u warra dhukaasetti agarsiise.
-AS:Ati kana hundaa akkamiin beekte,ykn hennaa kun hundi tahu eessa jirta?
-RB:Poolsiitu nattihime.
-AS:Osoo hin argiin akkamiin jecha namaan raga namattii baatare?
-RB:Callisuu malee homaa. Abbaan Seeraas jechoota isaa barreessee bira tare.
-AS:Kaasettii kana keessaa isa kam agarte (ppolsiin kaasetta hedduu Maccaa fi Tuulamaan fide jedhee dhiyyeesse jira.)
-RB:Kaasetta olkaasee kanafaa jedhe.
-AS:Afaan maalliin kan sirbame dha?
-RB:Afaan Oromoo.
-AS:Dhaggeeffattee jirta?
-RB:Lakki.
-AS:Akkamiin beektere?
-RB: Afaan Oromooti jedhanii nutti waan himaniif.
-AS:Waa'ee maalii akka tahe maal beekta, kaasetti hunda keessaa akkamiin kana adda baafatte, mallattoo nutti agarsiisuu dandeessa?
_RB:Akka waan afaan cancalameetti ukkaamamee hafe.
-AS: Atiwoo maal maal agarte?
-RB:CD, compuutera,Barreeffama, suura...
-AS:CD fi computera keessa maaltu jira?
-RB:Isallee hin beeku.
-AS: Suuraan ati garte kan maaliit?
-RB:Suura yeroo ayyaana isaanii kabajatan ka’ani dha jedhan.
-AS:Barreeffamni agarte afaan maaliin barraahe, dubbiste?
-RB: Hin dubbifne, garuu afaan Oromooti.
-AS: Eenyutu barreesse seeta?
-RB:waanan irraa beeku hin qabu.
Egaan gabaasa naannoo irraa nu dhaqabe keessaa ar’aaf hamma tokko isiniif barreesine diraamaan kun Amajjii 26, 2006 kan itti fufu waan taheef xumura isaan irra gahan ammoo Rabbi walumaan nu dhageessisinnaa?
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|