Amajjii 26, 2006 (Oromiyaa) – Amajjii 25, 2006 mana barumsa Ambo sad 2ffaatti lukkeen wayyaanee lubbuu barattoota gaga’uuf yoo yaade illee otoo hin milkaa’iniif hafeera wantichi akkana ture ganama keessaa naanoo sa’a 2:30 irratti qormaanni waan jiruuf seensa barattota irratti eeganii ta’e jedhanii ittiin barattoota qabuu fi reebuuf jecha Boombii barattoota jidduutti dhukaasan, dhukaasni kun balaa inni geesise hin jiru garuu kana sababeeffachuun barattota seenaa jiran addaan kutanii qormaata akka hin fudhanne godhani jiru.
Akka yaada isaanitti boombii kana isntu dhukaase jedhee dararuuf ture. Akkuma beekamu ofii balleesanii namatt qabachuu kan bare wayyaneen ittin ummata oromoo gowomsuuf carraqu iyyuu ummanni naanno Ambo irratti beekatee jira kanaafu kuni sochii keenya tasuma iyyuu hin laaffisu. Jedhu.
Wayyaaneen waan hedduudhan Ummata Oromoo gowomsuuf yaala:
Guyyaa 24/1/2006 Dhadachi mani murtii nama gaafa guyyaa 9/11/2005 ta’e jedhee Barataa Jaagamaa Badhaaneefi Kabbadaa Badhaas M/B Amboo sad. 2ffaa tti ajjeese irratti du’a murteessera garuu mani murtii haamurteessu malee kuni hojiitti hin jijjiramu, wayyaaneen ittiin uummata oromoo tasgabbeessuf yoo ta’e malee dhuguma murtoo kanatti hin amanu erga murtoo kanatti amanee yoo ummata amansisuuf yaade. Bakka itti Barattoonni kun du’anitti geeseee haa ajjeesu kaa, nuti ummanni Oromoo naannoo Amboo gochaan wayyaanee kun duubatti nu hin deebisu ilmaan oromoo wareegamaa jiran kan Amboo duwaa otoo hin taane oromiyaa hunda irratti kanaafuu dhangala’uun dhiiga isaanii kuni harameera /gumaan/ ba’eera kan jennuu gaafa bilisummaan dhuftedha. Kanaafuu bilisummaa jaalle wan hawwanii otoo hin argiin nafan nuti warrijirru bilisummaa arginee argisiisuuf FDG keenya itti fufa.
********
Amajjii 26, 2006 (Oromiyaa) - Yunversiitii kibbaa keessa tokko kan taate koolejjii Wandoo Gannati keessatti gaaafaa Roobii 25-01-2006 ganama sa’aatii 2;00 hanaga galgala sa’aatii 6;00 ti gaddaan olame. Barattoonni Oromoo koolejjii kanatti argaman marti nyaata fi aree(barnoota)dhabudhaan gidiraa fi gocha gara jabummaa mootumaan wayyaanee uummata Oromoo irraan ga’aa jirtu kana balalaefataniiru.
Barattoonni hedduunis suura jaalewan wareegamanii fi alaabaa Oromiyaa qabachuun mooraa koolejjichaa keessa naana’aa olaniiru.dhumarrattis diddaa gabrumaa gootota barattoota fi uummata Oromoo tiin jalqabame hanga galma ga’utti duubatti hin deebnu, qabsoon issaanii hanga guyyaa bilsumaatti akka itti fufu ibsanii , yoomiyyuu mirga lammii issaanitiiaf uummata waliin akka hiriiranii waanjoo gabrumaa ofi irraa cabsan ibsanii jiru. Akkasumas uummanni Oromoo martillee reebicha, hidhaa fi ajjeechaa osoo hin sodaatiin gara kutanoo fi tokkummaa dhaan diddaa gabrummaa jalqabame hanga galmaan ga’utti akka itti fufu waamicha godhaani jiru.
**********
Wayyanonni waan qabanii fi gad dhiisan dhabuun yeroo ammaa Oromoo sabboonaa kana dura maatiin isaanii dhimma Oromoo waliin wal qabatee falmaa godhanii fi of irratti abdatu hunda hidhuu itti fufanii jiru. Haala kanaan fincila diddaa gabrummaa Oromoon itti jiru dhaamsuuf tattaaffii godhanis ittu jabaate malee furmaata ta´uufi hin dandeenye, Haala kanaan Arsii fi Baha Shawaa keessaa namoota adamsanii qabuun itti fufee jra. Namoota qabamanii hidhamuun bakka buteen isaanii dhabame keessaa:
1. Semiraa Ahimed-adaamaa irra, haadha manaa Huseen Abbaa seeraa, dhimma Oromootiin biyyaa akka bahu dirqamee biyya ambaa jiru.
2. Zamzam Gammachuu
3. Kadijja Hasan-Asallaa irraa qabanii hidhuun ammatti bakka isaan bu´an hin beekamu, maatiin dubartoota kana bakka buutee isaanii dhabee rakkachaa jiru.
Ammas wayyaanonni naannoo sanatti bakkoota Zewayii fi Shashamannee tti fuulleffatanii namoota sabboonoo Oromoo hidhuuf akka karoorfatan keessa beektonni ni dubbatu.
Injjifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|