Amajjii 21, 2006 (Oromiyaa)
Harargee DHihaa
Machaaraa
Amajjii 18,2006 barattootni M/B/Machaaraa daree hunda keessatti marroo tokkotti boordii kutaalee hunda keessatti akkasumas deeskii irratti "ABOn Abdii Biyyaa/Oromiyaati!" jedhanii barreessanii mararfannoo dhaabsa kallacha qabsoo Oromoo ta'eef qaban ibsatanii mormii Wayyaaneef qaban ifatti agarsiisanii jiru.
Lukkeewwan Wayyaanee haala kanatti rifatuun ijoollee irra naannahuun maaltu kana barreesse jechuun ijoollee shororkeessuu yaalanillee barattootni dubbii isaaniif bakka dhowwatanii yoo feetan barumsichi nuttaa hafu jechuun yeroo ammaa gochaa ergamtoota wayyaaneen barumsi haalaan akka hin adeemne godhameera.
Gama biraan gaafa Amajjii 8,2006 Machaaraa irraa namoonni hidhamanii jiru:
1. Ajuub Abdallaa
2. Mangistuu Tolaa
3. Jamiyaa Abdallaa(dubartii miila tokkoo nama gaafachuuf deemtee mana hidhaa biratti maaltu si fide jedhanii hidhanii hiraarsaa jiru)
Gama biraan Poolisiin mana hidhaa kanaa namoota kana akka malee rakkisaa jiru Poolisii Aammee Mahaammad ta'uun hubatamee jira;namni kunis gochaa isaa kanarraa akka of qusatu akeekkachiifna.
Daaroo Labuu
Gaafa Amajjii 10,2006 namoota miidhaan irra gahee Mana yaalaa Galamsoo galanii jiran hanga ammaa akka miidhama Wayyaaneen irra geessifte irraa hin damdamanne himama:Haala kanaan ;
1. Bayyan Amiinoo garmalee miidhamuun hanga ammaa Mana Yaalaa ciisee jira.
2. Jawaadi Alii
3. Taajir Aahimad
4. Mahaammad Awal Jamaal kanneen miidhamanii mana yaalaa galanidha.
Baddeessaa
Wayyaaneen bakka kanattis Oromoota hedduu hiitee dararaa jirti:Kanneen keessaas kan maqaan hanga ammaa nu qaqqabe :
1. Anuwaar Usmaan
2. Abdallaa Mahaammad
3. Zakiyaa yoo ta'an waliigalli hangi Oromoota hidhamanii jahatama(60) akka ta'u hubatamee jira.
Sabboontonni naannoo kanaa hidhaa fi dararamni nutti heddummaatullee qabsoorraa duubatti nu hin deebisu jechuun murannoo qaban dhaammataniiru!
Injifannoon Ummata Oromoof!
-
|