Amajjii 19, 2006 (Oromiyaa)
Kibba
Fincilli diddaa gabrummaa bifa hundaanitti fufee jira.akka kanaan barattooni u.k.mooraan Qonnaa guyyaa arraa jechuun 19/01/06 waraanaan marfamanii akka warra mooraa main campus kaleessa fincila godhaa oolan sun godhuu dhoorkinaan fincila isaanii morna mornaa fii nyaata lagachuun itti oolan.
Mooraan diillaatiis fincila godhaa oolteen waraanni wayyaanee itti seenee barattoota hedduu akka madeesse gabaafame.
Finfinnee
Finfinnee keessatti fincilli diddaa wayyaanee barattootaan itti fufaa oole.akka kanaan naannoo siddis kilootti arra jeequmsi guddaan jiraachuu keessa barameera.
Harargee
Harargee keessatti fincilli odoo addaan hin citin akka itti fufaa jiru beekkame.
haala kanaan wayyaanee fii ummata jidduu yeroo ammaatti hiriiron takkalleen akka hin jirre gabaafame.
Mi'oota lolaa
Wayyaaneen karaa Jabuutiitiin mi'a lolaa galfachuu jalqabdeeti jirti.duraanille hanga tokko akka karaa kanaan hin galfanne dhoorkamtullee,amma yoo nu diddan karaa Soomaali laandi buufata keenya jijjiirra jettee waan doorsisaa jirtuuf jarriis irraa callisee amma kunoo mi'oota galfachuu jalqabdeeti jirti.
Akka kanaan makiinaalee ORAL gara 120 kan tahu buufata jabuutiitiin gaafa 18/01/06 halkan buuftee bakka bikkaa duus jedhamtutti kuusuun waraanni jabuutii akka rakkinni irra hin geenyyeef bakka sunitti eegaa jira waardiyaa irraa qabanii.
Akkasumatti makiinota waraanaa kan mi'oota lolaa itti fe'achuuf olirraa fidan gara 25 kan wal hirkisuufi kan tokko tokkoo bakka bikkaa duus jedhamtu sunitti walitti qabanii eeggumsa waraana jabuutiitiin tikfamaa jiran hanga mi'a sun fe'atanitti.
Gaafa 18/01/06 barattoonni uneversitii kibbaa mooraa main campus jedhamtu jiran hiriira fincila diddaa gabrummaa haala oowwaan gaggeessaa oolan.
fincila qindoominaan godhame kanaan dargaggoo fii shamarran waliin tahanii dhaadannoolee armaan gadii kana Afaan oromoo,Amaara fii Ingiliisiin dhageessaa oolan.barattoota u.k. maadhee urjii walabummaa.
- Hireen murteeffannaa ummata oromoo hujitti haa hiikamu,
- ABOn dhaaba haqaa ummata oromooti,
- Hidhamtoonni siyaasaa hundi haa hiikkaman,
- Waldayaan mancaa tuulamaa haa banamu,hoogganni isaa haa lakkifaman,
- Wayyaaneen shoorarkeessituu gaafa Afrikaati,
- Barachaa qabsoofna,
- Oromiyaan haa bilisoomtu dhiiga ilmaan isiitiin,
- OPDOn ummata oromoo bakka bu'uu hin dandeessu,
- Minaaseen oromoo miti, oromoo bulchuu hin danda'u kan jedhu dhageessisaa oolan.
Harargee keessattiis fincilli odoo hin dhaabbatin itti fufaati jira.
magaalaota akka Calanqoo fattiis. guutuu Harargeetti ummataa fii mootummaa jidduu hariiroon yeroo ammaatti hin jirtu
Wallo
waraanni wayyaanee kan Boree taa'u odeessa warra oromoo tahan qabamanii hidhamuu isaan kan SBOn dabarsite turte irraa kan ka'een shakkiin seentee akka shoorarkaa guddoo keessa jiran gabaafameera.
Buusii maadhotaa.
akkaitti wal amananii hojjatan dhibdee takka turte ,kanaaf ammoo sboN akka koodii tti dabarsuu sun maallaqa xiqqaa san laaluu ossoo hin tahin hujii murteysituu fi amansiiftuu keysa tti dalguu nama dandeysisuu sun tu laalama natti fakkaataa ,tanaaf laffifnee yo laalu baanne gaarii dha je,een yaada.mallaqni kun xixiqqaa fi bakka adda faffagoorraa kan walitti qabameedha.maadhonni gara boodaa kana jaaraa jirru warra hujii cimaafillee bobbahu tahanii argamu, mee ulfinni itti kennamee nuu haa qillensa rra ooluu je,een ulfinaa fi jaalalaan isin hubachiifadha. akka kanaan:
maadheen Hanga Galii, Dabbaal 01, Garrii bilisummaa, Nadhii, Qabsoo Haqaa, Ciisa Dhaba, Galaan Karaabaa, Anaannataa Sabaa, Afa Baas Bilsummaa, Qabsoo Furtuu Bilisummaa ,Kufa Kaas, Diina Raas Odaa, Turu Hin Badduu, Gooroo Qalloo, Gooroo Liibee, Abdul Qaadir Jeylaan, Masnoo Sabaa, Dirree Saqaa, Dabbaal, Jiloo Qocoo fi lakkoofsi 2 walii galli maallaqaa qarshii 855. qabsoo bilisummaa oromoo tan ABOn hoogganamtuuf arjoomuu isaanii kabajaan isin beesifna.
1. Gaafa 16.1.2006 Qo/Bulaan naannoo Anboofii U/ magaalaa Anboo waliif galuudhaan Hiriiraa nagaa bahuudhaan kan hidhamee nuuf haahikamu, kan nama keenya ajjeese itti nuf hagafatamu,mirgi hiree mirteffannaa Kenya nuuf haakabajamu, ABOn nu haabulchu malee alagaan maqaa geddeeratee nu bulchuu hin qabuu D/r fi Profeeserota ni qabna namni kutaa ja’aa nu bulchuu hin qabufi kan biroo yeroo qabatanii ba’anitti Humni guddaan naannoo sana mmarsuudhaan U/yeroodhaaf lakkofsi isaanii hin bekamnee kan hidhan yeroota’uu namoonni akka mana walii hin dhaqnees dhorkaniiru.
2ffaa M/ barumsaa haqaaqi bakka jedhamtus guyyum kanaa fincilli guddaan kan ture yeroo ta’uu barattoota hidhanii maatiin isaanii waan jedhaan akka basaasaniif namoota itti ramadanii basaasaa jiru waan ta’eef hundumtuu kanaan booda afaaniin osoo hin ta’in garaafi onnee dhaan hojjechuu qabe.
3ffaa Naannoo kotobee M/Barumsaa Wandaraadii jedhamtuutti Barattoota dhibbaa ol (100) badii tokko malee isin siyaasa ordoftu malee barumsa miti waanta’eef waggaa tokko tokko adabamtaniittu jedhamee maqaan isaanii maxxanfamee jira.
4ffaa Ona Najjoo Ganda Qotee- Bulaa konnoo kuulii jedamuufi Gandoota Baadiyaa Aanaa Najjoo keessatti Manneen Gandaafii Kan Abbootii Gandaa basaastuu W/nee ta’an gubaajiru. aarii kanaan Q/-Bulaa Baadiyaa badii tokko malee mana hidhaatti guraa jiru.
5ffaa Achum Ona Najjoo Barsiisota 19 ol ta’anii fii Kanneen biroo kumaatamaan lakkawaaman hidhamanii darararamaa kan jiran yeroo ta’an, galmeen isaanii amma yoonaatti hilaalamaa kan hin jirre yeroota’uu kessumaa immoo kan barsiisota nama19 salphaatti akka hin qoratamnee jedhaanii irratti mari’achaa jiru.Isaan keessaa akka fakkenyaatti B/s Biraasaa Tafarraa, B/s Balaachoo, Bs/ Mangistuu fi k.k.f yeroo ta’uu Caaltuu Taammiruu Mammoo kan jedhamtuu duraan abbaa ishee hidhaanii kan gadhiisan yeroota’uu usuu isheen waan tookko hin balleessin bakka obboleessi kee Daawwit jiru nutti himi jechuudhaan hidhanii dararaa kan jiraniidha.
17.1.2006 Garjiitti namicha tokkoon ijoolleen mana keetti baqattee jedhanii tumanii lafa gangalchanii du’aafii jireenya gidduutti argama jeequmsi hiriirri guddaan Kan adeemsifamee kaleessa waaree booda /17.1.2006/ti ademsifamee Ummati hedduun hidhamee kaan immoo akka warri keessaahee dubbatanitti warra miidhaan gurguddaan irra ga’ee ni dhoksan jedhan.
18.1.2006 Mana barumsaa Najjootti bonbii darbachuudhaan ijoollee barattoota Nama Shan madeessaniru jedhanii gabaasan.
INBJIFANNOO UMMATA OROMOOf
-