Amajjii 15, 2005 (Oromiyaa) - Ona Doobbaatti fincilli diddaa gabrummaa jabaatee itti fufee jira. ummanni naannoo kana fii waraana mootummaa jiddutti lola taheen ummatarra warri madaawan 1,Obbo Usmaan Aammadoo 2, Obbo Musxafaa Ibroo yeroo tahan gara poolisaa irraa warri madaawan Abdii fii Waduu jedhaman yeroo ammaatti ummanni Ona Doobbaa keesatti naannoon Biyyaa-Karaabaa hidhannoo isaanii jabeeffatanii waraana diinaa dura gootummaan dhabbachaa jiran.
wayyaaneen ummata kana sobdee hidhannoo irraa hiiktee akka soomaaloonni itti duulu godhuuf toftaan manguddummaa jettee olii gadi fiigaa jirti, haa ta'uu malee ummanni oromoo naannoo sunii nuti toftaa wayyaanee waggootii dheeraaf barannee jirraa tanaan nu hin gowwoomsitan jechaa jiran.
Godina Harargee bahaatti warri wayyaanee poolisoota walitti qabanii ummanni oromoo akka uffata aadaa kan alaabaa ABO fakkaatii fii waanuma aadaa taheehu akka hin uffanne dhoorkaa jedhanii yeroo itti himan, warri poolisii nuti warra naga'a booreessu eenya malee nama uffata aadaa isaa uffatu hin eenuu yoo barbaaddan kuni hujii OPDO tii isiin jala haa deemmattuu jedhanii yaada dhihaateef akka harkatti didan gabaafame.
Jijjiga
Koroneelli wayyaanee kan dhalootan Tigraay tahe tokko turbaan dabre keessa jijjiga dhaqee warra mootummaa naannoo soomaaleetiin ummanni oromoo ajaja mootummaa didee waan jiruuf as keessaa baasuuf mal adda addaa itti uumaa lola akka ummanni soomaalee itti banee arihu godhaa jedhee yeroo ajaja dabarsu,
warri mootummaa soomaalee ummanni as jiru kuni ummata nagayaan kan yeroo dheeraa ummata soomaalee waliin turee akkamitti sababa hin jirre itti uumnee lola itti kaafne jechuun jalaa didanii akka turan gabaafame. kanumatti aanee Baacaaniis dhufee ummata walitti qabee ummanni oromoo ABO tahanii jiranii nama afaan oromoo dubbatuu fii oromoota nannoo kana jiran hunda toohannoon jabduun itti godhamuu qabdi, dhiheenya kana isaanii mi'a lolaa fii waraana makiinaa 3 asiin naqachaa jiru qabnee, kanaafuu waan nuun loluuf deemaniif tarkaanfii barbaachisu ummata oromoo kanarratti fudhachuu qabdan jechuun ajaja dabarsee jira.
Shawaa Bahaa
Magaalaa Bishooftutti ganda 06 fii 14 jiddutti kan argamu manni murtii wayyaanee guututti barbadaawe. kutaan 3 kan mana kanaa waan keessa jiru waliin daaraa yeroo taasifamu manneen itti dhihaatanilleen akka hubaman barame.
Mojo
Ona lumee Keessatti filmaata Araddaa deemisisuuf Lukkeen wayyaanee Darajjee Dheeressas jedhamu ummata araddaa Sharraa fi Dibaandibaa walitti qabee miseensi OPDO filamu qaba jedhee ummata filisiisuuf guyyaa 13/1/06 yalii godhameen ummanni kan barbaanne filanna malee miseensa ta'eef hin fillannu jedhee diduun Ummanni kan ofii barbade kennachuun waldhabiinsi bulichiinsaa fi ummata jiddutti uumamee yaliin poolisiin sodaachisuuf godhame osoo hin milkaahin ummanni kan ofii barbaade kennatee jira.kana irratti bulchaan Onaa Darajjeen Ummata Gandoota kanaatiin isin keessa warra raadiyoo ABO hordofaa nuun mormuuf ummata kakaasuutu jiraa yoo nuti tarkaanfi Darajjee Lammaa irratti fudhatame hin fudhachiifne jedhe dhaadatee deemuun beekkame
.Finfinee
Waraanni namoota afaan oromoo dubbatan qabuufiis ta'ee basaasuuf kuma shantamii lamaatu magaalaa finfinneetti ramadamee jira, kanaaf ummanni oromoo akka of eeggatu jechuun warri poolisii kan hadooddiin oromummaa itti dhagahamtu ummata oromootiif dhaamanii jiran.
INJIFANNOO UMMATA OROMOOf!!
|