Amajjii 12, 2005 (Oromiyaa) - Fincila didaa garbuman ta’a jiru wal qabate hidhaa, hari’uu fi reebichii motuumaa wayyaneen ta’a jiru naannoo adda addaan itii fufee jira. Haluma kanan torbe darbee fi torbe kana keessaa ona/Aanaa Guduruu fi ona/Aanaa Abbay coomaanitii hidhaa fi reebichii itti fufee jira. Ona/Aanaa Abbay coomaanitti mana barumisaa Acanee Sadarkaa tokko fi giddu galeesaa keesatii baratoonii Oromoo fincila kasaaniin ijooleen keesaan motumaa irrati fincila kasaniruu jechuu yerooti sabsii irra jiran kanatii ijolee keesaan fida jechuun matiin ijjolee mana hidhatii darbatamanii jiru.
Issan keessaa:
1. Obbo Leellissa Oboroo Ijiolee issa Misgana Leelissafi Magarsaa Leellisaa Wajjin
2. Obbo Darajee Barii mucaa issa Roshaa Darajee Wajjin
3. Obbo Gadafaa Barii Mucaa issa Bayanee Gadafaa wajjiin mana hidhatii darbatamaniiru. Ijoolota hidhamaan kana keesaa Magarsaa, Roosha fi Bayyaneen Umriin issani hidhaafi akka hin geenye fi wagaa 15 gadii ta’u issanii beekameera. Matiin ijoolee kana qarshii kuma kuma shaan malateesan malee akka mana hidhatii hin baane godhamanii jiru. Ijooleen isaanii immo wabii qarshii 600 fi 500 akka gafatamaa jiraan beekameera. Qotee bultoota Oromoo kana kan hiisise ashkaree wayyanee kan ta’e Shankoora Garbaa yeroo ta’u akka poolisii ta’e kan jara kan qabe immo bulcha aanaa sanaa kan ta’ee fi mata’a (guboo) fudhachuun kan beekamu kitilayoo wayyanee katama Bakalchoti. Haluma kanan Mannen barnoota aanaa sana gutuma gutuutii cufamee jira. Yeroo amma kana Magalaa Finca’atii wayanoonii baha baradha jechuun mikrafooniin iyya akka jiraan hubatameera. Baratoonii Oromoo garu baradha jechu keesaan dura gafii Oromoo debisaa akkasumaas Baratoonii Oromoo mana barumisaa Finca’aa irra kan ta’an Barataa Leellisa Coomman, batataa dajanee Tarfaaf fi Adunya kan jedhamaan Konkolata Warsha Shukkara Finca’a lakk. gabate 02434 ukkamsamanii gara aanaa Jimma Horooti kan fudhatamaan amma debi’anitii maqa barumsaa nuti ka’u hin qabu jechuun dhadata jiru. Aana dhuma kana keesatii baratan Poolisiiota wayyane Mohammod Yassinifi Polisii tarafika kan ta’e Dhugasaa jedhamaniin Reebamee kana ture Gamachuu Lameesaa midhaan itti jabate dadhaba akka jiru hubatameera. Haluma kanan Gurii issa tokko duuduu fi dhiga finca’aa fi tufaa akka jiru bekameera. Aana kana keesumatii Wayyanoonii gafa nama hidhanii saboontoota Oromoo biratii wanti hara’a ta’e kun yoo SBOn darbee abba odeefanoo kana dabarsee beekna jechuun nama dorsisaa jiru. Muki Eleektrikaa bakka tokko tokkoti cita wan jiruuf kanaa bodaa uummata gandaa mukii cititee kabne hina jechuunis dhadataa jiru. Badiyya keesaa deemaniis ijoolee keesaan nura dhowadha ba’a baradha jedhanii qotee bulaa dorsisaa jiru. Uummatnii Oromoo garuu ibidaatii ijoolee keenya hin basnuu jecha jiru. Gareen immo reefa ijjolee keenya gara manatii nu debisuuf nu soba jiru lakkii jecha jiru. Wayyanoonii ummata baratootaa fi mana kireesanii jiraanis yeroo issan bari’ataanfi jeqaani galaan nuti hin gabasnee jechuun dorsisaa jira.
Guduuruu keesaatiis Aanaa Kombolchaa fi Daduutii bakka bu’oota Kongireesii Biyyoolessa Ummata Oromoo fi Farra mootuuma jechuun qotee bultoota Oromoo mana hidhatii gura jiru. Beektoonii Oromoo kun fala akka ta’u hin dandeenye dubachaa jiru.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|