Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Hireen Murteeffannaa Ummata Oromoo Hamma Mirkanaa’uti QBO itti fufa

Amajjjii 22, 2006 (Toronto) – Guyyaa Har’aa kana sabboonoonni Oromoolakkoofsaan hedduu tahan magaalaa Toronto, Kanada, keessatti walgahuudhan QBO biyya keeysaa fi alatti geggeeffamaa jiru irrati maree bal’aa godhatan. Walgahii tana irrati qondaaloonni ABO Kutaa Kanadaa fii qondaalonni Konyaa ABO Mul’is Abbaa Gadaa –Toronto argamuudhan hirmaattota walgahichaaf sadarkaa yeroo ammaan tanaa QBO biyya keessaa fi alatti irra jirtu ibsa bal’aa kennanii jiru. Hirmaattoniniis gaafii gara garaa tif deebi ifaa argataniin booda maree bal’aa deemsisan.

Walgahii seena qabeessa tahe kanarratti Oromooni hirmaatan sadarkkaa QBO yeroo amma irra jiru kana keessatti Oromoonni akka dhuunfatis tahe akka gamtatti gahee isaanii yeroon itti kennan amma tahuu sagalee wayyabaan waliigalanii jiru. Kanuma irrati hundaa’uudhan bifa dhuunfatti qooda laachuu caalaa gamtaan qooda laachuun bu’aa qabeeysa tahuu irrati waliif galuun QBO suduudaan garggaaruuf jaarmaya Caayaa Adda Bilisummaa Oromoo tahe kan “Bakkalcha” ja’amu moggaafachuun qondaalota fuulduraaf caayaa kana hooggananiis filatani jiru.

Hirmaattonni wal gahii kanaa haala qabatamaa QBO yeroo ammaa ilaalchisee xiinxala bal’aa gaggeefatanii ibsa ejjannoo armaan gadii kana dabarfatan

1) Ajjeechaa fi hidhaan daangaa hin qabne mootumman wayyaanee badii tokkoo malee garaa jabiinaan Barattootaa fi uammataa keenyaarraatti raawwaataa jiru ni baalaaleffanna!

2) Gootowwan barattootaa Oromoo fi ummatni keenya kanneen biroo mirgaa fi bilisummaa isaaniif jechaa diddaa gabrummaa isaan daangaa hanga daangaatti finiinsaa jiran onnee guutuun ni deggerra! ,Waan barbaachisuunis bira ni dhaabbanna!

3) Finniccilli diddaa gabrummaa guutummaa Oromiyaatti finiine kunis hanga Oromiyaan bilisoomtuttii ciminaan akka itti fufu ni deggerra!

4) Namootni gochaa suukkanneessaa fi garaa jabinaan ummata keenyarraatti raawwatan hatattamaan murtiitti akka dhiyaatan Mootumoota Addunyaa gaafachaa, haalli amma ummta keenyarraatti raawwatamaa jiru kunis hatattamaan akka dhaabbatu cimisnee gaaffanna!

5) Haaluma wal fakkatuun Biyya ollaa keessaatti gochaa gooleesitummaa Mootummaan Wayyaanee Baqqattoota Oromoo biyyoota Keniyaa, Sudaan, Jabuutii fi Yeman keessatti adamsee ajjeechaa fi ukkaamsuun dhabamsiisa jiru ni balaalefanna! Haalli kunis akka dhaabbatu waajjirri UNHCR, Mootummoonni biyyota kanaa fi kanneen dhimmi ilaalu hatattamaan gargaarsa barbaachisaa ta`e baqattoota keenyaaf akka godhan ni gaafanna. Nutis waan barbaachisuun bira ni dhaabbanna!

6) Rakkoo fi gidiraa nurraatti raawatamaa jiru kana jalaa ba`uuf ummatni Oromoo martii kan duraanii caalaatti akka QB isaa ciminaan finiisu ni dhammanna!

7) Ilmaan Oromoo lukkeewwan diinaa ta`uun seenaa dhiifatama hin qabnee ummata keenyaarratti raawwataa jiran yeroo utuu hin kenniin qalbii jijjiirrachuun afaan meeshaa waraanaa/Qawwee/ harkka isanii jiru diinatti galagalchuun ummata isaanii waliin akka hiriiran ni gaafanna!

8) Dhaaba keenyaa ABO waan barbaachisuun cimisuuf qophoofnnee jirra.

9) WBO irree fi gaachana ummata Oromoo kan ta`e falmaa inni diinaa waliin godhaa jiru dinqisiifachaa ammas waan barbaachisuun tumsuudhaaf waadaa seenna!

10) Qoqqobbii gargaarsaa jaarmiyaaleen waldaa gargaarsaa addunyaa fi mootummootni gamtooman mootummaa abbaa irree Itoophiyaarraatti dabarsanii cimiseen ni deggerra. Akkasumaas mootummootni biyyoota addaa addaas tarkaafii wal fakkaataa akkasii akka fudhatan ni gaaffanna.

11) Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo kan Bilisummaa saba Oromoo fi walabummaa biyyaaf qabsaa`u hundi diina biyya keenyaa fi lammii keenya weeraree kanaratti akka xiyyeeffatu ni gaafanna.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!!!!!

Bakkalcha,

Caayaa ABO, Toronto, Kaanadaa

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net