Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Haala kabaja ayyaana Amajjii magaalaa Jimmaa
Amajjii 2, 2006

1. Bartoonni Koolejjii barsiisota jimmaa 31/12/05 halkan keessa sa'a lama (8:00) irraa eegalanii kabajachuu jalqabanii, Amajjii 1,2006 guyyaa guutuu sodaa tokko malee kabajachaa oolanii jiru. kana malees garee gareen ta'uu, gartuun gara maasaraa abbaa jifaatti haala ayyaanichaa illee uummata naannoo beeksisuuf yeroo deeman, gartuun inni gara saqqaa tii fi magaala naannoo jirtuutti deemuun uummata hubachiisaa turaniiru. kana malees alaabaa ABO uffachuu Magaala jimmaa keessaa deemmu ayyaana kana kabajatanii jiruu.

2. Baratooto Yuniversiitii jimmaa, mudde 31,2005, halkan keessaa sa'a ja'a(12:00) irraa eegalanii rookkettii dhukaasuun ayyanicha kabajuu jalqabanii, achii irratis gaafiif deebii qopheesuun halkan sana guutuu akka bilisummaa faarsanii fi sirbaa bulan. Amajjii 1,2006 hanga sa'a jaattii(12:00) mooraama Yuuniversiitichaa keesatti erga kabajatanii booda gara hawisoo isteediyeemii jimaatti, garee garee, tiishertii fi wayaa aadaa akkasumas alaabaa ABO qabatanii bakka hawisichaatti argamani, bakka sanatti ega Uummataf ilee ergaa barbaachisu dabarsan, Sirba Gootota Oromoo fi ABO faarfatuu sirbuun qabsoof garaa kuteenya isaanii erga diinaafis ta'e firaaf erga ibsanii, sodaa tokko malee isteediyeemii keessaa ba'uun garee gareen qoodamanii magaala jimmaa keessa naanna'uun alaabaa ABO uletti fannifatanii deemuu, bari bilisumma barana, ABO, jechuunii fi faaruu tokkummaa faarffachaa gara dalicha Yuniiversiitichaatti deebi'anii jiruu.

Guyyaan kaleessaa dhugaa dubbachuuf yoo ta'e magaalli jimmaa guyyaa bilisomtee oolte jechuun ni danda'ama, haalli baratoonni keenya keessa oolan kana yoo fakkaatu, poolisoonni Oromiyaa illee baratoota duukaa yeroo isaan sirbanii fi baratootaan jabaadhaa yeroo jedhan diinni arge illee haalli hundi akka isaaf dhumate hubachuu isaa caalaa haamleetii citee jiraa.

Kanaaf barrii haaraan kun baraa bilisummaa akka ta'ee fi akka ta'u mirkanaa'aa jira.

Baratoonni kun ibsa ejjennooillee haala bara haaraa kana ilaalichisanii baafatanii jiru, isan yeroo itti aanutti siniif gabaasa.

Barri Bara Bilisummaa!

Bara milkii, bara guddinaa fi dagaagina Uummata Oromoo itti arginu haata'u!

Injifannoon Uummata Oromoof

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net