Korri Miseensoota ABO Kutaa Baha Kaanaadaa Injifannoon Xumurame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 19, 2010)Kora Miseensoota ABO Kutaa Baha Kaanaada kan Ebla 18,2010 magaalaa Toronto ti gaggeeffame irratti miseensoonni dhaabaa kan kutaa baha kaanaadaa fi bakka bu’oonni Caayaale ABO hedduminaan irratti argamanii jiru, Bakka bu’aan dhaabaa kan kora kana irratti argame miseensootaaf ibsa kenne MSHG,ABO fi GDDA J/Tamaam Yusuf haala yeroo kan QBO irratti ibsa bal’aa hogganaan kenname irratti miseensoonni marii gaggeeffataniin QBO galiin gahuuf qooda isaan irraa eeggamu guutummaatti kan gumaachan ta’uu isaanii irbuu kaleessa saba isaaniitiif galan irra deebi’anii haarayoomfatan.
Korri kun itti fufuun gabaasa konyaalee irraa gale irratti marii gaggeesseen hujii fuuldura jiru irratti jabinaan hojjachuuf tarkaanfilee fudhatamuu qaban akeekuun sagntaan kora kanaa kan duraa xumurame. Sagntaa lammaffaa irratti Workshopi barnoota siyaasaa kan BJBA tiin qophaaweetu dhihaate workshopii kana irraa miseensi hundi hamilee guutuun qooda fudhate. maayyii iratti korri hujiilee lafa kaayyate hundaahu waan raawwateef injifannoolee ciccimoo galmeessuun isaa mirkanaawee sirnaan xumurame. Ibsa Ijjannoo kora kanaa fuuldura isiniif maxxansina.
IUOf
Gadaan Gadaa Bilisummaati
KKBK
Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.