Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Murtii fi kutannoolee Kora Xiqaa ABO Dhiha USA

 

Nuti miseensoonni ABO Kutaa Dhiha USA keessatti argamnu konyaalee adda addaa irraa Ebla 17 – 18, 2010 magaalaa Seattle, Washington keessatti walitti dhufuun haala QBO, haala dhaaba keenya ABOn keessa jiruu fi walumaa qalatti haala adunyaa irratti marihannee jira.

Korri keenya kana irrattitii hawaasa Oromoo naannoo Seattle, California, Denver fi Portland irraa dhufan waliin ibsa miseensa GS ABO J. Odaa Xasee irraa kenname dhageefachuun gaaffiilee jirtuuf deebisaa qubsaan erga kenname booda QBO dhaaf haala gammachiisaa taheen gumaachinee jirra. Ayyaanuma guyyaa gootootaa kana irrattiis barnoonni cimaan hawaasaaf kennamee jira. Galgaluma walgahii hawaasaa kana irratiis Artistoonni oromoo Callaa Carcar, Shoolee tafarraa fi Mahdi Gaabon argamani hawaasa gammachiisani jiru.



Kora miseensota ABO irrattis ibsa hoggana ABO irraa kenname fi barnoota adda addaa akkasumas yaadoota marii hujjii konyaalee keenyalee irratti bal’inaan marihannee walgahii keenya milkii fi injifannoon xumurannee jira.
Murtii fi kutannoolee:

  1. Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO dhaan gaggeefamuu guutumatti karaa dandayame hundaan gargaaruu fi kaayyoo gootowan Oromoo itti wareegaman bakkaan gahuuf waada keenya haaroomsina.
  2. Roorroo fi darara mootummaan Wayyaanee gara jabinaan ummata keenya irratti gaggeessaa jirtu balaaleefannaas.
  3. Murtii du’aa fi hidhaa gannoota dheeraa, mootummaan shorarkeesituun wayyaanee fi kittilayyooni isaani gara jabinaan ilmaan Oromoo irratti Oromummaa isaaniin qofaan irratti dabarsite ni balaaleeffanna.
  4. Tarkaanfii WBOn diina irratti fudhachaa jiru ni deeggara. Karaa dandayame hundaaniis bira dhaabbanna.
  5. Dhaabni keenya ABOn haala akkaan rakkisaa tahe keessatti qabsoo gaggeessaa jiru dinqisiifachaa, dhiinnan keessaa fi alaa irraa tiysuuf murteeffanne.
  6. Daangaa qaxxaamuruun rakkoo mootummaan wayyaanee baqatoota Oromoo biyyoota adda addaa keessa jiraatan irratti raawwatu  dhaabbanna. Mootummoota biyyoota baqatoonni Oromoo keessa jiraataniis akka haala mirga namaa dhiitu kana irraa of qusatan gaafanna.
  7. Mootummoonni aduyaa fi dhaaboonni mirga dhalanamaaf falman hundi roorroo ummata Oromoo irratti gahaa jiru, dura dhaabbatanii, mootummaa shorarkeesituu Wayyaane Meles Zenaawiin dhaan durfamtu akka dura dhaabbatani ummata cunqurfamoo firoomfatan gaafanna.
  8. Ummanni keenya beela, hiyyummaa fi doofummaan waadamaa osoo jiruu lafti waa biqilchee ummata keenya beela irraa baasuu dandayu, mootummoota tokko tokkoo fi abbootii qabeenyaaf  Wayyaanee fi kittilayyoonni isaani OPDOn gurguramaa jiraachuu ni balaaleefanna. Gurgurtaan kuuniis, kan Oromoo biratti gatii hin qabnee fi kabajuuf dirqama itti hin qabne tahuu beeysifna.
  9. Rakkoolee qabsoo hunda obsaa fi murannoon keessaa bahu dhaan injifannooleen galmeefaman sadarkaa firii argamsiisuu fi itti fufiinsa qabsoo tanaaf wabi tahuu irra gahaa jiraachuu dinqisiifachaa, itti fufiinsa kanaafiis gama keenyaan qabeenya, dandeeti fi karaa dandayame hundaan bira dhaabbanna.
  10. Ummata Oromoo amantii, gosaa fi haala adda addaan qoqooduun hujjii diinaa tahuu isaa itti ammannee, gama keenyaan haala akkanaa kana damaqiinsaan akka ofirraa eeggannu fi duras dhaabbannu murteefanne. Ummanni oromoo dhiiga tokko, biyya takkaa fi hiree takka qabaachuun isaa beekkame, kanneen faalla kanaa hojjatan keessaa fi alaaniis akka ofirraa eegnu murteefannee jira.
  11. Tokkummaa dhaaboota Oromoo walaba tahan waliin dhaabbachuun barbaachisaa waan taheef, dandayamu akkaata heeraa fi seera dhaabichaa hin faalleesine tokkoon human walitti tokkoomsuu irratti akka hogganni keenya hojjatu dhaammachaa, dadhabamu ammo akka xiiyyeefannaan isaani diina qofa irratti tahu waamicha lammummaa dabarsina.
  12. Ummanni Oromoo roorroo diinnan keenya itti aggaamatan fi aggaamachaa jiran hunda dura dhaabbachuun qabsoon gochaa jiru hedduu abdachiisaa fi gammachiisaa tahuu itti ammanna. Ammas hamma hiroo ofii murteefatutti qabsoo diddaa gabrummaa akka itti fufu gama keenyaan waan nurraa eeggamu hunda ni goona.
  13. Ilmaan Oromoo kanneen diinaaf meeshaa tahani ummata keenya rakkoo seenaan nama gaafattu hojjachaa jiran hundi, gochaa isaani kana irraa akka of qusatanii gara mooraa qabsootti deebi’uun diddaa gabrumaa ummata isaani waliin finiinsan waamicha lammummaa goona.
  14. Kalachi qabsoo bilisummaa WBOn tarkaan fin dhiheenya kana fudhataa jiran ittin boonna, fulduras bakka fi yeroo barbaachisetti mirga Oromo kabachiisuuf jabinaan akka hojjatamu dhaamna.

 

Injifannoo Ummata Oromoo!
            Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Kora Xiqaa Kutaa Dhiha USA
Ebla 17- 18, 2010

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net