|
(Madda Oduu ABO /MOA/ Finfinnee, Caamsaa 15 2010) Filannoon Wayyaanee gabaa kaardii filannoo hoo’aatiin hoo’e; guyyaa filannoo immoo buufata filannoo mormitooti itti baay’atan irraa korojoo filannoo akka hatamuuf poolisooti amanamoo bobbaafamuun gabaasame.
Maddi Oduu ABO, MOAn, Oromiyaa keessa naanna’ee akka gabaasetti, deeggartooti Wayyaanee fi lukkeen isaanii , OPDOn naannoo filannoo deeggartooti mormitootaa itti baay’atan irraa kaardii filannoo tokko Birrii 400.00 baasanii bitaa jiru.
Hojiin akkanaa naannoo baay’inaan itti dalagamaa jiru keessaa tokko magaalota Oromiyaa ta’uu kan mirkaneesse gabaasaan MOA, keessaayyuu magaalota akka Adaamaa, Dirree Dhawaa, Jimmaa, Amboo, Shaashamannee fi Walisoo keessatti gabaan kaardii filannoo daran hoo’ee akka jiru hubatamee jira.
Kaardii filannoo kana Birrii 400.00n nama gurgurate, kan dubbise gabaasaan MOA, namni kun maaliif akkka sagalee isaa gurgure yoo gaafatu, “an kaardii kana kanan gurgure warri OPDO waan na doorsiisaniif malee, kanan deeggaru OFDM ture. Ammoo yookaan nutty gurguri, yookaan immoo nu faladhu naan jedhan; isaan tola filacduun sin dhhuu irra dursee itti gurgurachuun fedhe,” jedhee jira.
“Gochaan tun yakka ta’uu otuu beektuu maaliif kana goote?” jedhee gabaasaan MOA yoo gaafatu, namni maqaa isaa ibsuu hinfeene kun deebii kenneen, ” kan bite mootummaadha; kan hidhus mootummaadha. Eenyu sodaadheen gurguruu dhiisa? Otuu mormitooti ni bitu ta’ee illee, mootummaa sodaatta. Amma garuu, OPDOn ofii bittee, ofii na hiiti jedhee hinsodaadhu,” jedhee jira
.
Godina Jimmaa keessatti yakki akkanaa dalagamaa akka jiru kana dubabtan barsiisaan tokko immoo akka bilbilaan gabaasaa MOAtti himanitti, OPDOn akka sagalee isaaniif kenninu ajaja keessaa dabarsanii jiru. Kana malees, barsiisota mormitoota deeggaran gara baadiyyaatti erguufi guddina dhoowwachuuf qophiin keessaan akka xumurame saaxilamee jira.
Gabaasti Amboo fi Naqamtee irraa argame immoo akka hubachiisutti, dabballooti OPDO barsiisota doorsisanii akka deeggarsa isaaniif hiriira bahan gochuutti jiru.
Gamuma walfakkaatuun guyyaa filannoo naannoo mormitooti itti baay’atan irraa korojoon akka hatamuuf akeekamuun beekamee jira. Akka hojiin hannaa kun milkaa’uuf immoo naannoo biifatoota mormitootaatti poolisooti amanamoo akka ramadaman ajajni kennnamuun gabaasamee jira.
Mormii fi diddaan akka bara 2005 akka hinuumamne gochuuf Wayyaaneen waraana Agaazii uffata poolisii uffatan kumaatamaan ramaduun illee gabaasamee jira. |