Nuti Oromootin biyya Jarmanii magaala Munshiin jiranu guyyaa haadha Ebla 18 bara 2010 yadannooo guyyaa gootota Oromoo godhachuun ibsa fi barumsaa guyyaa seena qabeesa kana irratti haala gaariin gaggeeffachuu dhaan Guyyaa gootota Oromoo Oromoota magaala kana waliin ta’uu dhaan sirna ho’aan kabajannee jirra.. Haaluma kanaan ibsa fi barumsa kenname gadi fageenyaan hubatine yaadannoo kana milkii garii xumurachuu dhaan ibsa ejjennoo armaan gadii sagalee tokkon dabarfannee jirra.
Gadaan gadaa Bilisummatti!! injifannoon uummata oromoof!!
Ebla 18,bara 2010 Munich-Germany