Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oromoonni Biyya Sa’udii Arabia jiraatan Ayyaana guyyaa goototaa bara 2010 sirna howwaan Kabajatan
 


(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 12, 2010) Sabboontotni ilmaan Oromoo biyya Sa’udii Arabia jiraatan naannoo  jaraatan bakka adda addaatti guyyaa gootota Oromoo kabajachuu MOA naannoo sanii gabaase.Akka kanaan:-

Jaarmiyaa Oromoota naannoo Waadii Dawaasi

Akka MOA ifa godhetti  Oromooti  gamtaan jaaramanii Jaarmiyaa Waadii  Dawaasi guyyaa gootota Oromoo sirna howwaa fi haala gammachiisaan kabajachuu beekame.

Kanatti dabaluun tokkummaan Oromoota Waadii Dawashr gaafa Ebla 15,2010 ayyaana guyyaa goototaa sababeeffachuun walgahii guddaa godhachuun isaanii gabaafame.Guyyuma kana bakka bu’aan ABO Jaal Injiiner Muhaamad Hajiin argamuun ummataaf ibsa bal’aa kennii jiru.

Walgahii tahe kana irrattis haasawaan dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi haala ummata keenyaa irratti ta’ee jjira,kana irrattis dabalees qophiin aadaa Oromoo tahuun walaloolee adda addaa,geerarsa,mammaaksaa fi taphooti adda addaa taasifamuun gabaafame.

Guyyuma kana walgahii kana irratti gumaachi maallaqaa qabsoo bilisummaa Oromoo tumsuu fi tinnisu guddaan ummata irraa kennamuun akka dhaaba ABOf galii tahu taasifmuu MOA gabaasa.

Walgahii tahe kana irratti ummati milkoominaan gaggeefate yaada tokkoo fi haamlee guutuun ibsa ejjetnoo ABO jabeessuu fi qabsoo bilbilisummaa Oromoo tumsu baafachuun xumruu isaanii gabaasi madden keenya irraa argame ifa godhu.

Tokkummaan Orommota  Mekka

Ebala 22, 2010 Oromooti  tokkummaa Oromoota Mekkaa jala jiran guyyaa gootota Oromoo sababeeffachuun bakka tokkotti walitti dhufanii walgahii guddaa godhachuun madden keenya mekkaa irraa gabaasu. Sabboontoti ilmaan Oromoo guyyaa kana walitti qabaman haasaa qabsoo oromoo jajjabeessuu fi tokkummaa Oromootaa cimsu adda addaa taasisuun guyyaa gootota Oromoo guyyaatti qabsoo Oromoof waadaa haaromsinu kan jedhuun waadaa saba isaaniif qaban jabeessuu fi haaromsuun maallaqa gumaacha qabsoo tumsu guddaa dhaabaaf gumaachanii jiru.

Kana irratti dabaluun guyyuma kana sabboontoti ilmaan Oromoo ibsa ejjetnoo baafachuun walgahii guyyichaa milkiin xumuran.


Tokkummaan Oromota  Al kharjii

Gama biraan tokkuummaan Oromoota Al Kharjii guyyaa gootota Oromoo kabajachuuf gaafa Ebla 28,2010 wagahii godhatan.Waamicha walgahii tahe kana irratti haala guyyaa kanaa fi kaayyoo goototi Oromoo irratti wareegamaniif bakkaan gahuu irratti erga haasaa godhaniin booda gumaacha qabsoo bilisummaa Oromoof oolu maallaqa sa’udii guddaa gumaachuun MOA gabaase.

Konyaa ABO Riyaad

Miseensotii fi degertootiin ABO konyaa Riyaad keessa jiraatan gaafa Ebla 29,2010 guyyaa gootota Oromoo ayyaanfachuun sirna howwaa fi milkiin xumuratan.

Guyyaa seena qabeessa kana haala gammachiisaan kanneen qindeessan konyaan ABO Riyaad,  Suuraan Gotichaa Angafaa j/ Elemoo Qilxuu caal baasiif dhihaatee akkaan hawaasa gammachisee sagantcha haala addaan midhagse MOA naannicha irraa gabaasa.Walgahii kana irratti caalbaasii tahetti dabalamee tinnis qabsoo bilisummaa Oromoo cimsu horiin guddaan dhaaba ABOf galii tahee jira.

Konyaan ABO Riyaada sirna ayyaana kanaa yaala boonsaan erga kabajatee booda ibsa eejjetnoo qabsoo bilisummaa Oromoo cimisu dabarfachuun milkiin xumurachuu isaa gabaafame.





I.U.Of!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net