|
(Madda Oduu ABO /MOA/ 05 Ebla 2010) Ayyaanni guyyaa Gootota Oromoo gootota Oromoo yeroo adda addaa mootummoota habashaa adda addaa jalatti dumanii fi dararaman, ammas itti jiran yaadatu sirna hoo’aan kabajame.
MOAn akka gabaasetti, ayyaana guyyaa goototaa gaafa Ebla 30, 2010 magaalaa London keessatti kabajame kun gootota Oromoo yeroo garaa garaa keessatti wareegaman yaadatuuf kan qophaawe.
Ayyaana kana illaalchisee Obbo Barsiisaa Guutamaa, ibsa gabaabaa kennan keessatti, goototni Oromoo mirgaa fi bilisummaa saba isaaniif jecha lubbuu isaanii kennan sadarkaa ol’aanaatti yeroo yaadataman, ilmaan Oromoo bilisummaa Oromoof jecha wareegamaa fi aarsaa adda addaa kafalanis gootota Oromoo ta’uu isaanii hubachiisaniiru.
Ob Barsiisaan itti dabaluunis, “Goototni Oromoo bilisummaa saba isaaniif kan lubbuu isaanii kennan, mana hidhaa Wayyaanee dhoksaa fi beekamaa keessatti dararmaa kan jiran, qabeenyaa isaanii saamamanii warra hiyyooman, lafa isaanii irraa buqqa’anii bakka dhaqan dhabanii biyya isaanii keessatti baqattoota warra ta’an, biyya isaanii irraa ariihamanii biyya ambaa keessatti rakkachaa kan jiranii, ammaan tana murtiin du’aa fi hidhaa waggaa dheeraa irratti darbee warra abdii jireenyaa dhabanii fi du’a eeggachaa jiran dabalata,” jedhaniiru.
“Gootottoni Oromoo hedduu dha; aarsaan kafalamaa tures waggoota dheeraaf. Kanaaf guyyaa kun seenaa Oromoo keessatti bakka guddoo fi kabajaa ulfaataa kan qabuu dha,” kan jedhan Ob Barsiisaan, “Guyyaa goototaa Oromoo yeroo yaadannu wareegama ammaan dura ta’e, kan amma itti jirruu fi wareegama fuldurattis hanga Oromoon bilisoomtutti nu eeggatu hubachuu qabna,” jedhaniiru.
Ayyaana kana irratti akka ibsametti, sababni guyyaan goototaa kabajamuuf keessaa inni guddaan, sochiin Oromoo essaa ka’ee eessa akka gahe hubachuuf, sadarkaan amma irra jirru maal akka ta’ee fi hireen saba keenyas maali akka ta’e walhubachiisuudha.
Kana malees, guyyaan goototaa kun yeroo kabajamu ilmaan Oromoo wareegaman qofa yaadatuu utuu hin taane, kan ammaan tana ummata Oromoo irra gahaa jiru beekuu fi tooftaa diinni itti dhimma bahee addaan qoodee bitaa jiru hubachuun, dura dhaabbatamee kaayyoon goototni kufaniif bakkaan gahu irratti akka hojjatamus dhaamamee jira.
Kaayyoo goototni keenya kufaniif bakkaan gahuu keessaa inni guddaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo deeggaruu fi Oromuummaa (Oromo nationalism) dagaagisuu dha. Goototni keenya kan wareegaman Oromummaaf. Orommummaa (Oromoo nationalism) jechaan biyya tokko, afaan tokko fi aaddaa tokko qabaachhu irratti ammanuu jechuu waan ta’eef, nutis akkuma gootota keenyaa Oromummaa qofa irratti ammannee waliin hiriiruu akka qabnu ibsaniiru.
Oromummaa dagaagsuun jechuun wal barsiisuu, walirraa barachuu, beektota keenya kabjnee fi kabachiisuu, hooggantoota QBO kabajuu, Oromoota hin hubanne kakaasnee gara Qabsoo Oromootti fiduu dha. Kunis dirqama tokkoon tokkoo keenya waan ta’eef, maatii keenya irraa jalqabnee hundi keenya bakka jirrutti itti bobba’uu akka qabnu hubachiisaniiru.
Itti aaansee, Obbo Baqqalaa Wasanuu, duri irraa kaasee hanga har’aa diinni Oromoo walitti dhufeenya Oromoo hin fedhan. Nu jala bu’anii sochii keenya hordofaa turan, ammallee kanumatti jiru. Kana hubannee diinaaf qaawaa kennuu hin qabnu jedhaniiru. Ilmaan Oromoo bilisummaa isaaniif falman irratti wareegama gahaa ture kan ijaan argan ibsanii, kanas ta’u sadarkaa qabsoon Oromoo amma irra jiru kan nama jajjabeessu ta’uu isaa hubachiisaniiru. Oromoon tokkummaa isaa jabeeffatee yoo qabsoo itti fufe bilisummaan fagoo miti jedhaniiru.
Dhuma irratti hirmmattotta ayyaana kana irraatti argaman kabajaa gootota Oromoof qaban ibsanii, kaayyoo isaan kufaniif bakkaan gahuuf dirqamni Oromummaa guddootu nurra jira. Kanaaf tokkoon tokkoo keenya kana hubannee yeroo kam iyyuu caalaa jabaannee waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. Dhuma irratti hirmaattotni ayyaana kana irratti argaman dungoo qasiisuu dhaan daqiiqaa tokkoof gootota mirgaa fi Bilisummaa Oromoo wareegaman yaadatanii, ayyaanni kun milkiin xumurameera.
Kaayyoo gootowwan wareegamanii bakkaan ni geenya! Wareegamtooti keenya bara baraan ni yaadatamu!
|