(Madda Oduu ABO/MOA/ 28 Ebla 2010) Guyyaan Gootota Oromoo,Ebla 15, sirnaa fi yaadannoo addaddaatiin Oromiyaa fi addunyaa keessatti kabajamaa jira. Ayyaana Ebla 15 kan baatii Eblaa walakkeessa irraa kaasee kabajamaa jiru kana irratti hayyootii fi sabboontoti oromoo haala addaddaan gootota eenyummaa saba Oromoo badiinsa jalaa oolchuuf lubbuu isaanii jijjiirraa hinqabne kennanii, Oromummaa mul'isan kana yaadachaa jira.
Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Afrikaa, Eshiyaa bakk addaddaatti ayyaanni kbajamaa jiru kun, seenaa guyyaa Gootata Oromiyaa sadarkaa addunyaatti baasuutti jira. Keessayyuu, Oromiyaa, dirree falmaa keessattis ayyaanni kun haala addaatiin kaajamee akka jiru maddi Oduu ABO/MOAn gabaasee jira.
Ayyaana Guyyaa Gootota Oromiyaa, Ebla 24 bara 2010 magaalaa Atlanta Georgia keessatti gaggeeffamee fi kabajame irratti Miseensi GS fi dubbi himaan ABO J.Dr.Bayan Asoba, argamuun haalqa qabatamaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi deemsa araaraa ammatti ABO tokkoomsuuf ta’aa jiru irratti ibsa bala’aa kennanii jiru.
Dr Bayan ibsa isaanii kana keessattis qabsoon bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee sadarkaa amma jirurra akka ga’e, deemsa dheeraa kana keessattis kufaa ka’insi baayyee akka turee fi ammattis mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo rakkolee walxaxoo baayyee keessa jiraatellee, qabsichi yeroo kamuu caalaa haala amansiisaarra akka jiruu fi fuldurri isaas ifaa ta’uu ibsanii jiru. Itti dabaluunis ABO tokkoomsuuf deemsi araaraa deemaa jiru yeroo ammaa kanatti haala jajjabeessarra akka jiruu fi dhiheenyattis xumura akka argatu abdii qaban addeessaniiruu.
Dr Asaffaa Jaallataas mata duree “Oromummaa: National identity and politics of Liberation” mata duree jedhu jalatti waraqaa qaronnaa kan dhiheessan yoo ta’u, waraqaa isaanii kana keessattis hawwaasni tokko sabboonummaa enyummaa ofii qabaachuun isaa qabsoo bilsummaa gaggeessu keessattis ta’es jireenya hawwaasummaa keessatti hangam barbaachisaa akka ta’e bal’inaan ibsanii jiru.
Namni sabboonummaa hin qabne eenyummaa isaanii boonuu waan hin dandeenyeef, aadaa isaatti waan qaanfatuuf, afaan isaatti waan leeyya’uuf yeroo hunda of dhiisee alagaa ta’uu filata. Diinnis yeroo baayyee namoota of lagatan akkasiitti dhimma ba’uun lammii isaaniirratti duulchisuu fi rakkoon har’a Oromoonni gariin diinaaf meeshaa ta’anii saba isaanii cunqursaa jiru jedhan. Xalayaa qorannaa kanas liinkii kana xuquun guutummaa isaa dubbisaa. http://works.bepress.com/asafa_jalata/ .
Dr. Mohammed Hasanis “Sabni tokko seenaa isaa barachuun maaf barbaachisa?” Mata duree jedhu jalatti barnoota bal’aa hirmaattota kora xiqqaa kanaaf kan dhiheessan yoo ta’u haasaa isaanii kana keessattis; sabni tokko qabsoo bilisummaa gaggeessu keessatti, jireenya hawwaasummaa isaa keessatti, hambaa seenaa dhaloota boriif kaa’ee darbuu keessattii fi dhaloota har’aaf gochaa kaleessaa himuufii keessatti seenaa isaa darbe barachuunii fi bifa hin boorofneen ol kaawwachuun hangam barbaachisaa akka ta’e ibsan.
Kanaan wal qabsiisaniis sabani seenaa isaa hin beekne tokko muka hidda hin qabne waliin wal fakkaata jechuun seenaa ofii beekuun hangam barbaachisaa akka ta’e camsanii ibsan. Itti fufuunis rakkoon har’a mooraa qabsoo bilisummaa sakaalee qabee jiru, rakkoolee waggoota dheeraa dura qabsoo kana duukaa ture, garuu bifa isaa jijjiiratee jiruudha jedhan. Fakkeenyaaf jedhan.
Haalli har’a qabsoon bilisummaa oromoo keessa jiru, rakkoo ummanni Oromoo waggaa 130 dura keessa ture waliin wal fakkaata jedhan. Waggaa 130 dura: mootonni Habashaa Oromiyaa weeraran: Meeshaa Jabanaa fi gorsa warra dhihaan Oromoo lolaa turan, har’as akkasuma.
Waggaa 130 dura Oromoon lafuma isaa irratti weerartoota Habashaaf garba ta’e, dachee isaa waliin gurgurame, qee isaarraas buqqa’e. Har’allee akkasuma lafa isaa waliin gurguramaa, ykn dachee isaarraa kafaltii tokko malee buqqa’aa jira. Waggaa 130 dura Oromoo lolaa ture, garuu hoggana gamtaa’ee fi tokkummeen lolaa hin turre. Har’allee akkanumatti jirra. Jechuun fakkeenya baayyee kaasanii ibsa itti kennanii jiru.
Kana keessaa ba’uufuu jedhan Dr.Mohammed Oromoon karaa dheeraa deemaa ture sana of booda mil’atee deemsa isaa fuula duraa sirreeffachuutu irraa eegama jedhaniiru. Kana gochuufis humna isaa, isa bittinnaa’ee ijru walitti qabuun moraa qabsoo bilisummaa Oromoo itichuu fi gabbisuu qaba, ammatti ABO tokkoomsuuf yaaliin araaraa ta’aa jirus daandii qajeelaa waan ta’eef jajjabeeffamuu qaba jedhaniiru.
Guyyaa Gootota Oromoo Hawaasni Oromoo Atlanta Georgia fi naannoo isaa, akkasumas kutaalee Amerikaa biroo Alabama Tennesii irraa dhufanii sirna hoo'aan kbajatan irratti Dr Asaffaa Jaalataa warqaa qorannoo dhimma guyyaa Gootota Oromiyaa irratti xiyyeeffate dhiyeessanii jiru.
Dr Asaffaa Jaallataa mata duree “CELEBRATING OROMO HEROISM AND COMMEMORATING THE OROMO MARYTRS’ DAY (Guyya Gootota Oromiyaa)” jedhu jalatti waraqaa qorannaa kan dheessan yoo ta’u, haasaa isaanii keessattis; Goototni Oromoo kaleessa bilisummaa Oromiyaaf jecha lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne baasanii fi kanneen har’a darbaa jiran, mana hidhaa garboonftaa keessatti hiraaramaa jiranii fi kanneen dirree qabsoo keessatti diina waliin wallaansoo wal qabaa jiran martuu salphina namummaa jibbanii daandii sana filtan waan ta’eef yoomuu ni kabajamujedhan.
Itti fufuunis nutillee har’a kanaaf walitti qabamnee hojii boonsaa isaanii yaadachaa, faajjii walabummaa isaan dhiisanii kufan ol kaasnee qabsoo isaan jalqabnii irraa kufan sana fiixa baasuuf waadaa keenya keessa deebinee haaromsachaa jirra jedhan.
Dhuma irrattis qabsoon bilisummaa Oromoo goototni Oromoo itti wareegaman kana fiixaan baasuuf mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti nagaa fi tasgabbiin yoo jiraate qofa. Kanaafuu yaaliin araaraa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ta’aa jirus jajjabeeffamuu qaba jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru. Waraqaa qorannaa kanas liinki armaan gadii kana banachuun guutummaa isaa dubbisuu ni dandeessu.
http://works.bepress.com/asafa_jalata/ |