Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Austraaliyaa Keessatti Guyyaan Gootota Oromoo, Ebli 15 Sirna Ho’aan Kabajame.
 


(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 18, 2010) Ebli 15 bara 2010, Qabsaawota bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo biratti guyyaan seena qabeessa tahee fi bara baraan yaadatamaa oolu. Guyyaan Gootota Oromoo, gaafa Ebla 17,2010 magaalaa Melbourne keessatti miseensotaa fi deggertoota ABOn sirna howwaa fi miidhagaan kabajame.

Ayyaannii kun kan qophawee koree Konyaa ABO Victoriaan yemmuu ta’u akka aadaa Oromootti eebba jaarsolii fi faaruu alaabaa Oromootii n eegalame. DT koree Kutaa ABO Australia J/Gammachuu Fayyeeraa fi DT koree Konyaa ABO Victoria J/Unmar Osman haala ayyaana guyyaa gootota Oromoo ilaalchisee haasaa godhchuun keessummoota ayyaana kana kabajachuu dhufan galateeffachuun haalaa fi sirna ho’aa akkaasiin Oromoon wal gahee gootota Oromiyaa fi Oromoof jedhcha lubbuu isaa kafale yaadachuu fi waadaa isaa haaromsuun kan irraa eegamu tahuu ibsanii jiru.

Sirna kabajannaa kana irratti guyyaa GGO ilaalchisee J/Gaashuu Lammeessaa miseensa Gumii sabaa fi BBA-ABOn ibsi bala’aan kennameera. Haasaa godhan  keessattis J/Gaashuun, qabsoo Oromoo daran jabeessuu fi dhaamsa Gootowwan Oromoo lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne kennanii kana bakkaan ga’uuf tokkummaan Oromoo daran cimuun dubbii furtuu ta’uu akeekanii, galii fi akeeka qabsoo Oromoo ilaalchisee dhaamsa jajjabduu dabarsaniiru.

Keessummoota afeeramanii  sirna kana irratti aragaman keessaas obbo Golee Baasoo haaluma guyyaa kanaa ilaalichisee haasawa gabaabduu godhanii jiran.

Guyyaan kun guyyaa akkan ho’aa ture , faaruun jaallan wareegamanii mata dureen “maal dhaamanii jaawwan qabsoof kufan” jedhu J/Jamaal Haruunii dhihate hirmaattota qophii kanaa hamilachiiseera.  Artistootni Oromoo qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gahee guddaa taphataa yoon ga’uun yaadatnoo lammii Oromoo guyya guyyaa ti. Akka kanaan ayyaana Guyyaa Goototaa Ebla 17,2010  magaalaa Melbourne keessatti tahe irratti Aristootni jallattootni qabsoo Bilisummaa Oromoo kan akka Obbo Afandii Siyyoo, Kumalaa Addunyaa fi Tesfaayee Dhimmaa faarulee fi walisa qabsoo wal duraa dubaan dhiheessuun hirmaattota kan bohaarsan turan.

Qophii guyyaa kanaa irratti qabsoo Oromoo gabbisuuf madda galiif kan qophwee meeshaaleen garagaraa gurgurtaa fi  caal-baasiitti dhihaachuun dingadee guddaa ABO ittiin utuban kan argamsiisan yemmuu ta’u keessummootni guyyaa kana irratti argamanis dirmatnaa Qabsoo Oromoof maallaqa guddaa qabsoo bilisummaa Oromoof gumaacha godhanii jiraachuu MOA gabaasa.

Ayyaanni guyyaa goototaa kun kutaa Australia magaalotii Adileed, Sydny fi Perth keessatti siran howwaa fi wal fakkaataan akka kabajame oole MOA-ABO gabaasa.



I.U.Of!!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 15, 2010

I.U.Of!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net