(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 5,2009) Caayaan dubartoota Caayaan Utubaa ABO qophii bashannanaa kan Do`ii, Walaloo. Mammaksaa fi Sheekoo adda addaa of keessa qabu qopheessuun gaafa Fulbana 26, 2009 yeroo jalqabaaf Magaalaa Lakkuu, Minisotaa Waltajjii Hawaasa Oromoo (Oromo Community Center) keessatti agarsisaan jiru. Qophii kana irratti nami gara 300 olii irratti argamuun qophii bashannana kana dawatanii jiru. Qophii kun akkuma aadaa Oromoo manguddoota dubartoota Oromoon eebaan banamee, faaruu alaabaa da`imaan dhiyaateen fi Baga nagaan dhuftan Dura Teessuu Caayaa kanaan baname. Agarsiisi hundaan kan eergaa gurguddaa of keessa qabuu fi nama bashannansiisu ture. Agarsiisi isaan waamichaa akka hadholii, hadhamanoolii fi obboleewaan Oromootti godhan keessaa: tokkumaan sababa keenya akka tiksamu , dhabooliin Oromoo bilisummaaf qabsa`aan gargaaruma ilaalchaa qaban irraa kan ummata isaan dursuun akka waliin diina Oromootti qabsa`aan fi ilmaan Oromoo alaagaaf meesha ta`aanii hojjatan immoo meeshaa isaan diina isaani Wayyaaneetti akka deebisan ture.
Jaarmayaa shamaraan Oromoo Magaalaa Lakkuu Minisotaa keessatti argamaan kan “Addooyyee Minisootaa” jedhamee beekamuu sagantaan keennamee waa`ee jaarmayaa isaanii ummataaf ibsuu fi hucuu aadaa Oromoo uuffachuun bakka qophii kanatti argamuun qophii kana heeduu bareechuun shamaraan keenyaa fi harmooliin halka walqabachuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo finiinsuuf qophii ta`uun isaan mirkaneesse jira.
Ilmaan Oromoo bakka kanatti argamaan qophii qopha`ee qofaan osoo hinta`iin dhangaa nyaata aadaa Oromoo dubartooti Oromoo qopheessaniintti gammadan jiru. Dhuma irratti yaada mangudooleen, dubartooti, shamaraanii fi hiramatooti kennaan keessa qophiin akkas hamilee ummata keenya kakaasuu fi waamicha oneeti nama cobu kana of keessa qabu kun akka fuladuratti yeroo yeroon caayaan kun ummata keenyaaf dhiyeesuu fi yaadi daraan qabsoo kanaaf isaan kakaasu dhiyaachuun qophiin isaan xumurame.