(Madda Oduu ABO,Amajjii 2,2009) Ummanni Oromoo biyyaafi aangoo abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuuf falmaa bilisummaa isaa jabeeffachuu akka qabu Koreen Hojii Jaarmiyaa fi Siyaasaa Naayiroobii, ABO hubachiise.
Koreen Hojii Jaarmiyaa fi Siyaasaa Naayiroobii, ABO ayyaana WBO fi bara haaraa, 2009 sababeeffachuun dhaamsa dabarseen, ummati Oromoo diina qe’ee isaa keessaa buqqisee baasuuf amma illee waan tokkummaa isaanii sharafan jabeessanii eeggachuufi qabsoo isaanii daran finiinsuu qaban.
Ummanni Oromoo waan qe’ee isaa irraa isa buqqisetti gamtaan duuluu malee wali irratti duuluu akka hinqabne kan hubachiise, dhaamsi KHJSN, “bara haaraa dhufuttis tokkummaan falmaa bilisummaa finiinsuu qaba,” jedhee jira.
Guutummaan Ergaa Koree Hojii Jaarmiyaa fi Siyaasaa Naayiroobii, ABO akka armaan gadiiti:
Dhaamsa Koree Hojii Jaarmiyaa fi Siyaasaa Naayiroobii, ABO
Kabajamtoota Manguddoota Oromoo!
Kabajamtoota Miseensota ABO!
Walumaa gala xiqqaa guddaa otoo hin jedhiin Oromotni guyyaa kabajamaa fi ulfaataa kana nu waliin yaadattanii ooluuf armatti argamtan hundaa! Itti aansuun keessummoota waamicha keenya kabajjanii armatti argamtan! Baga Waaqni tokkummaan, wal-jaalalaa fi kabajaan guyyaa WBO kana akka waliin ayyaaneffannee oolluuf ittiin nugahen isiniin jedha.
Jaallan! Manguddootaa, dubartootaa, dargaggootaafi shamarran Oromoo!
Guyyaan har’aa kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti sirna ho’aa fi ulfaataan akka kabajamee ooluuf wanneen isa godhan keessaa inni duraa WBOn QBOf of kennee bobbaarra=2 0golee Oromiyaa adda-addaa keessa jiru, yoo xiqqaate guyyaa itti wal-argee muuxannoo horatan wal-jijjiirratan, guyyaa itti waliin iddoo tokkotti gammadanii oolan ta’uu isaati. Guyyaa kana qabaachuufi guyyaa caasaan bobbaa isaanii hubannoofi muxannoo itti wal-jijjiiran akka qabaataniif hogganootni dhaabaa durii keessattu jaallan Shinniggatti wareegaman kan keessatti argaman guyyaan kun guyyaa WBO ta’ee bara baraan akka kabajamu murteessan. Yeroo sanaa eegalee, guyyaa WBO kana: Amajjii tokko, waggaatti al-tokko akka kabajamu murtaahee jira.
Akkaataa dhahaa ykn kalandara Oromootti Amajjiin tokko guyyaa itti barri moofaan dhumatee barri haaressi tokko jedhee eegaluudha. Kana waan ta’eef, akkuma Sabnii fi biyyi fedheyyuu kalandara mataa isaa qabu addunyaa kana irra jiraatu bara haarayaatti kabajatee oolu hundaatti nuuf walumaagala Saba Oromoofis Amajjiin tokko guyyaa itti bara moofaa keessaa gara bara haarayatti tokko jennee seennuudha. Guyyaa kana yennaa kabajnu, gama kaaniin hundeeffama QBO, ABOn durfamu dabalatee, baatii itti qabsoon hidhatnoo Waraana Bilisummaa Oromoo (WBOn) itti eegalee fi yeroo itti WBO didhaalee (challenges) hedduu keesse seene20keessaa dandamatee bahuun qabsoo isaa sagalee tokkoon deebisee finiinsuu itti eegale waan ta’eefis haala addaan yaadanna. Kana malees, kanneen boroo baay’een seenaa(QBO) waliin walqabatan baatii keessa eegalan waan ta’eef waan kana hunda walitti qabuun bakka tokkotti bara haarayaa waliin guyyaa WBO jedhamee akka kabajamu eega murtaayee bara Amajjii 01/1981eegalee, Dhaaba keenya ABO fi miseensota dhaabaa, Sabboontota Oromoo hunda warra biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan biratti guyyaan kun sirna ho’aan guyyaa WBO jedhamee bara-baraan kabajamaa jira. Kanaaf, nutis guyyaa eebbifamaa kana marsaa 29ffaaf har’a Amajjii 01/2009 sirna miidhagaan kabajnee ooluutti jirra.
Kabajamtoota manguddoota Oromoo, miseensota dhaabaa, keessummootaa fi jaallan sirna miidhagaa kana irratti argamtan hundaa!
Waltajjii eebbifamaa kana irratti sirna kabaajaa guyyaa har’aan cinaatti waay ee Qabsoo Bilisummaa Oromoo maal irra jira? Maal keessa qaxxaamuree asgahe? Isa jedhu wal-yaadachiisuun akka Saba Qabsoo Bilisummaa irra jiru tokkootti waan gochuu qabnuu fi dirqama Oromummaa bahuun nurra jiraatuu wal yaadachiisuufis waan nu gar-gaaruuf, kan darbe yaadannee, kan boru gochuu qabnus walii akeekuuf waan nu gargaaruuf wal-yaadachiifnee darbuun bar-baachisaadha.
Kabajamtoota ilmaan Oromoo sagantaa kana irratti argamtanii fi keessummoota keenya hundaa!
Akkuma QB Saba kamiiyyuu bu’aa-bahaa, kufaa-ka’aa lakkuma bilchinnii fi hirmaannaa Saba isaanii yennaa guddachaa deemu dhumarra Bilisummaa gonfatan hundaa, QBO ABOn durfamus bu’ii-bahii baa’iyee keessa qaxxaamuree as gaheera. Bu’ii –bahiin Qabsoo Bilisummaa keenya mudachaa tureefi jirus, kan diinota innikkaatiin Qabsoo keenya irratti uumamee kaasee haala jiru callaa as gabaabsinee=2 0yoo ilaalle eeguma murni warra Tigiraay Mallas Zeenaawwii aangoo Impaayerichaatti bahanii ganna 17 as waan baa’iyeen QB keenyas ta’e hawaasa keenya qoruuf yaalan hojjetamaniiru. Kanneen keessa warreen mataa-mataa ta’an yoo tuquun barbaadchise, akka armada gadiiti.
1) Wayyaaneen eega lola Eertiraatti bantee akka yaaddee fi hawwitetti milkaahuu dhabdee as deebiteen humna waraanaa ishee duraanuu sirna hin qabne, warreen dhukkuba HIVn faalaman kuma 45 gahan walitti qabdee dhukkuba kanaan Saba Oromoo Oromiyaa keessaa xiqqeessuuf waraana dhukkuba kanaan faalame kana Oromiyaa keessa facaasanii kunoo lola Biology wayyaaneen Saba keenyatti banteen sadarkaa argamee hin beekne tokkootti sabni keenya lafarraa dhumaa jira.
2) Qoteen bulaa Oromoo kan takkaa lafti isaa maseenee hinbeekne ta’e jettee Wayyaaneen saba keenya hiyyoomsitee harka laachisuuf sagantaa qabduun dikee lafa isaa waliin walhintaane, kan lafa sana maseensu biyya alaatii galchisiisuun dirqiin qotee bulaatti raabsitee, dhumni isaa lafti s ilaa waan itti darbatan biqilchu, waan itti facaasan liqimsuun firii dhorkachuun naannooleen takkaa beela ijaan argee hin beekne otoo beelahanii argaa jirra,
3)Daldaltoota Tigreerree warreen poortii fi gumuruuka biyya sanaa keessaa meeshaa ashuura malee fe’atanii gur-guratan irraa kan hafe, warri kaan akka socho’uu hin dandeenye gibira itti guddisuun akka isaan dadhabanii dhiisan gochuun sochii dal-dalaa keessaa saboota kaan ala gootee saba ishee callaan dhuunfattee jirti.
4) Barattoonni Oromoo gaaffii mirgaa kaasanii universiitii hanga ilemantariitti jiran barnoota irraa ari’amaniiru, kaan hidhamaniiru, kaan immoo ajjeefamaniiru. Kun cubbuu Impaayera sanaa Wayyaaneetiin saba keenya irratti ta’e jedhamee xiyyeeffatamee hojjetamaa jirudha.Gama kaaniin QBO ABOn durfamun dhabamsiisa jechuun yaaliin isheen eega aangoo Impaayera sna bulchuu qabattee booda yaalaa turte takkaallee akka ishee milkeessuu hin dandeenye kanuma ijaan argaa jirru kanadha.
Waan hundaa caalaa kan nama ajaa’ibsiisu, yennaa Sabni keenyaa fi barattoonni keenya QBO ABOn durfamu kun qabsoo isaanii ta’uu hubatanii fincila diddaa gabrummaa keessaan finiinsaa jiran kanatti warreen diina tarsiimoo, ergatnoo Wayyaanee ta’anii kan isheen dhabamsiisuu qabeenya Impaayerichaa miiliyoonaan itti dhangalaastee milkii dhabde milkeessuuf, warreen QBO ABOn durfamu keessaa fedhii fi hawwii dhuunfaa guuttachuuf heeraa fi seera dhaabichaa cabsuun achi bahaniin QB keenyaa gaadi’amee sochii dhorkamaa ture ifatti yennaa beekamu;Keessaa iyyuu yeroo dheeraatii eegalee warreen miseensa dhaaba kanaa ta’anii garuu mataa dhokfatanii dhaaba kana keessaan akka rirmaa nyaachaa warra turaniin yeroo dhiyootii as qormaata QBO mudateefi tarkaanfii uummatni keenya laatan Qabsoo kanaa itti dhagahamuun, sabboontonnii fi jaallan kaayoo dhaabichaaf ofkennaniin dura dhaabbannoo farreen keessaa gar-gaarsa Wayyaanee ta’anii QB keenya dhabmsiisuuf yaalan irratti godhameen yaadnii fi hawwiin murna diigmayaa kun maseenee akka hafu ta’eera.
Tarkaanfiin akkasii tika QB isaaf keessaa f i alaan hawaasni keenya fudhateen QBS keenyaa diigdotaa fi ergamtoota diinaa irraa baraare kun dhuguma Saba kaayoo fi galii Qabsoo Bilisummaa isaa sirnaan hubateen kan fudhatame ta’uu ifatti yennaa nu agarsiisu, tika kaayoo keenyaaf tarkaanfiin akkasii ittifufuu akka qabu jabeessinee hawaasa keenya hubachiisuu barbaanna.Yennaa akkas jennu maqaa gantoota kaayoo ganda ykn godina ykn gosa tokko keessaa bahaniin yakki Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti dalagame kun yakkamtoota dabaafi shira sana hojjetan irraa kan hafe, hawaasa Bilisa godinichaa, gosichaa ykn gandichaa akka hin ilaalle hawaasni keenya as jirtanis, akkasuma hawaasni keenya biyya keessaa fi biyya alaa jiran hundi akka gaariitti hubatanii namoota fayyaaleyyii murni diigmayaa kun maqaa gandaa fi gosaan Saba Oromoo keessaa achi baasanii qobxeessuun itti dhimma bahanii bolola dhuunfaa mataa isaanii guuttachuuf yaalaa jiran kana kallattii hundaan ofitti qabdanii Oromoo gamtoomsuu fi tokkoomsuu irratti hojjechuunis ammarraa eegalee dirqama nu eeggachaa jiru ta’uu hubannee akka irratti hojjechuu qabnu yennaa dhaammannu akka hojiitti hiiktanis amantee guddaa waan isin irraa qabnuufidha.
Wanni g uddaa fi dagatamuu hin qabne tokko Saboonni Addunyaa kana keessaa Bilisummaa isaanii Qabsaahanii gonfatan hundi saba jaaramee, Qabsoon Bilisummaa Sabni isaa godhu kaayoo fi akeeka isaa sirnaan hubate ta’uu isaaniiti. Kanaafuu hawaasni keenya biyya keessas, asis ta’e Addunyaa kaan keessa jiru hundi eega Qabsoo Bilisummaatti nu geessu ABOn durfamu kana ijaan argeefi gurraan dhagahee kaasee, akka qaama Saba Qabsoo Bilisummaarra jiru tokkootti anis dirqama Oromummaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo narraa eegdu maalan bahee? Maaltu nahafaa? Jennee kan itti jirru jabeessinee, kan nurraa hafe immoo qaama dhimmi ilaalu gaafannee kaayeffannee guuttachuuf yaalla taanaan, namoota Oromoo ta’anii yeroo ammaa kana dirqama Oromummaa QB isaan irraa eegdu sirnaan hinbeekne, kanneen diinaaf meeshaa ta’anii hojjechaa jiran jalaa baasnee, gara jaarmayaa Qabsoo Saba isaatti as deebi’ee akka jaaramee dirqama Oromummaa isaanii akka bahan yoo goone Bilisummaan keenya fagaatee nutti mul’atu dhiyootti akka arguu dandeenyu shakkii tokkollee hin qabu.
Kanaaf, uummatni keenyi dammaqee waayii Qabsoo fi Qabsoon Bilisummaa maal akka barbaaddu hubate, namoota keenya fayyaalummaan jaarmayaa dhaabaatii ala of godhanii taa’aa jiru jaarmayaan ammatamanii dirqama dhalootaan dhaalmayaan nutti dhufe kanatti xumura gochuuf qabsoo keenya humneessuufi jabeessuutti bobba’uu qaban. Humna godhachuufis irratti hojjechuun dirqama ilmaan Oromoo dammaqan hundaa ta’uu jala muree yennaa dhaammanu akka hojiitti hiiktan amanteen keenya guddaadha.
Dhumarratti kaniin irradeebi’ee dhaammachuu barbaadu: Uumamni dachee kana irra jiru hundi ni dhalata ni du’a , garuu seenaan hin du’us, hin badus bara-baraan jiraata. Inni bara hojjechuu qabuu fi waan hojjechuu qabu hunda qul-qullummaan hojjete bara-baraan yennaa yaadatamu; hojii hojjetee dabre keessa deebi’ee yoo ilaales hanga lafarra jirutti itti gammadaa jiraata. Dhaloonni boodaan dhufanis seenaasaa dhaalanii hojiitti hiiku. Akkaata kanaan hojiin nama sanaa bara-baraan jiraata. Fakkii gaariitiinis yaadatamaa hafa.
Akkasuma namni seenaa badaa Saba isaa keessatti qabus, seenaa badaa qabuun bara-baraan yennaa yaadatamu, kan seenaa isaa dhaalu garii ta’e jdhee hin argatu garuu yeroo hundumaa seenaa badaa hojjetamu hundaaf akka fakkeenyaatti ka’ aa jiraata. Kun immoo jiraattis abaaramanii ekeraan ofiis akka abaaramaa hafu hayyamuu jechuudha. Kanaaf amma dandeenyetti uummata keenya seenaa akkasii irraa baraaruun hojii Waaqnis Sabni keenyas jaalatu, qabsoo bilisummaa saba keenyaa shakkiifi mamii tokko malee finiinsuu ta’uu dagachuu hinqabnu. Bakka jirruttis, waan qabnuun WBO cinaan haa dhaabbannu!!
GADAAN GADAA BILISUMMAAT!!!
INJIFATNOON UUMMATA OROMOOF !!!
Koree Hujii Jaarmayaa fi Siyaasaa Naayiroobii, (KHJSN), Amajjii 01/2009