IJOO DUBBII
BAGA AYYAANA GUYYAA GOOTOTA OROMOO GEESSAN!
Beekumsaafi Qaroomina Jaarmayaa WARRAAQSAAn Haaqabsoofnu!
Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa seenaa sabboonsaa barayyuu
leellifaman hedduu qabna. Seenaa keenya duubatti deebinee qorachuun
keenyas waan dabaa callaa baafnee ittiin gaabbaa jiraachuuf otuu
hinta’iin, seenaa sabboonsaa keessaa waan egeree dhaloota keenyaa daran
jabeessu yayyabachuuf ta’a. Baroota 1970moota keessa waan qabsoon
bilisummaa Oromoo galmeesse keessaa tokko, qabsoo diddaafi fincila
ummata keenya walitti deebisanii adda tokko jalatti ijaaruuf walitti
dhufuu danda’uu sabboontotaa ture. Yeroo sanatti ijaaramanii qabsaa’uuf
walitti dhufuu san akka laayyootti kanneen ilaalan jiraachuu malu.
Garuu, jaaramuuf walitti dhufuun sun bu’aa bahii akkamii keessa akka
darbe kanneen beekan warreenuma waan san keessatti kallattiin
hirmaataniidha. Dhugaatti, jaaramuuf walitti dhufuunuu, qabsoo Oromoo bara dheeraaf faffaca’ee tureef, hiikkaa addaa qaba. Jaaramuuf walitti
dhufuun sun jalqaba qabsoo bilisummaati; jaaramanii waliin turuun immoo
guddina qabsoo bilisummaati. Kana hunda keessa darbanii, jaaramanii
waliin hojjachuu danda’uun milkaa’ina injifannoo qabsoo bilisummaati.
Kanaaf, barri jaarmayaa sun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti
bara Jaarmayaa Warraaqsaa ta’uun yaadatama. Qabsoon bilisummaa Oromoo
sadarkaa jaarmayaa warraaqsaa dhaqqabuun, waan karaatti hafeefi
sadarkaa badii irra dhaqqabee ture dandamachisee, akka deebi’ee
dhalatu
taasisee jira. Jaarmayaan Warraaqsa bilisummaa Oromoo kunis, haga
akeeka bilisummaaf jabaatee, qaroomee hojjatetti galii isaa maayii akka
dhaqqabu hinmamsiisu.
Dhalooti keenya yeroo guyyaa gootota Oromoo yaadatan kanatti, jaarmayaa
isaanii beekumaafi qaroominaan jabeeffachuu irratti xiyyeeffachuu
qaban. Qabsoon jaarmayaa hinqabne, akkuma humna hinqabaanne, jaarmiyaan
beekumsaafi qaroominaan hinhojjannes dafee galii isaa hindhaqqabu.
Marayyuun Dr Mahaammad Hasan, ayyaana guyyaa Goototaan dahatanii
dhaloota keenyaaf barsiisaa jiranis, jaarmayaa jabaafi ititaa qabachuu
malee waanti bilisummaa Oromoo dhugoomsu akka hinjirreedha. “Jijjiirama
dhufu irraa bu’aa argachuuf sabni keenya jaaramayaa isaa jabeeffachuu
qaba. Sabni qabsoo isaa hinjabeeffanne, hinsodaatamu. Bilisummaan
manatti namaaf hindhufu; bilisummaa kan namaaf fidu, jaarmayaa jabaafi
qaroodha. Garuu, kan jaaramee bilisummaa fidu dhala namaati. Namni
jaaramee, qindoomee, jijjirama jiru irraa faayidaa argachuu qaba.Yoo
nuti jabaanne malee, eenyu illee waa nuuf gochuu hindanda’u. Waan
ummata Oromoo irra gahaa jiru, kan hiiku numa Oromoodha. Qindoomnee
lollu malee diina ofirraa hinbuqqifnu. Nuti jabaannu malee waanti nuuf
dhufu hinjiru. Yoo nuti hinjabaanne eenyu illee dhufee bilisummaa
keenya nuuf fiduu hindanda’u. Humna dhabuun keenya akka garboofnu nu
godhee jira.”
Jaarraa 16ffaa keessa dhalooti diina dhawanii baasan, Gaammeen
gootummaa bara sanaan biyyoofi biyya keenya kabachiisanii turan.
Gootummaan
Gaammee sun, akka sabni keenya kabajamee jiraatu godhee
jira. Haata’uutii, gootummaan Gaammee sun akka bara diinabaas sanatti
jabaatee waan itti hinfufneef, Oromoon humna diinaan cabuu danda’e.
Yeroo ammaattis, diddaafi fincilli bakkayyuutti belbelaa jiru,
bilisummaa sabni keenya dhabee garbummaa jalatti kufe san deebisanii
bilisoomsuuf; mirga dhalootaa sabni isaanii sarbaman san deebisanii
ittiin bilisummaan jiraachuuf. Dhalooti keenyas har’a biyya egere
bulchuuf deeman dursanii tifkachuu qaban. Dhalooti keenya biyyoofi
biyya isaanii harqoota garbummaa jalaa kan baasan jaarmayaa isaanii
itichanii, beekumsaafi qaroominaan yoo humneessanii dha. Gaammee Oromoo
bara durii sanis akka haaraatti deebisanii ijaaruun Gaammee Warraaqsaa
taasisuun, akka qabsoon bilisummaa saba keenyaa fardiitti galii isaa
gahutti hojjachuun nu irraa eegama.
Har’atti dhimmoota hayyoota Oromoo akka Dr Asaffaa Jaalataa yaaddessan
keessaa inni muummees waan ummati Oromoo keeessatti argamu callaa miti.
“Ummati Oromoo dhibdeefi roorroo olaanaa keessa akka jiru, biyya isaa
keessatti diina murna xiqqootiin dhaabbiitti gubataa akka jiru otuu
arginuu akkamiin callisnee teenya? Nuti, yoo waan kana otuu agarruu
dhiifne namummaa akkamii qabna ree? Akkamitti akka saba keenya rakkina
keessaa akka baafnu irratti yoo walgaafachuufi walmaryachuu dhiisne,
akkamiin diina irraa adda baana? Dhibdeefi roorroo hamaa ummati keenya
har’a keessa gale keessaa akkamiin akka bahamu akeekuun, waa hunda dura
dhimma ijoo qabsoo bilisummaa Oromoo eeggatuudha.” Kanaaf, Dr Asaffaan,
qorannoo dubbayyuu ijoon dubbii, “qaroomaafi beekumsaan ummata Oromoo
ijaaruun humna bilisummaa tolchuu qabna,” jedhu qabatanii dhiyaataa
jiran.
Qabsoon bilisummaa tokko fuulduratti akka furga’u gochuuf waantoti
hedduu guutaman jiraachuu malan. Qabsoon sammuu dhala namaatiin
hogganamus, waa hunda dura beekumsaafi qaroominaan ijaaramuun ba’aa
garbummaa ofirraa buusuu irratti bobba’uu qaba. Beekumsaafi qaroominaan
ijaaramuun kunis, waa hunda dura waan duraan qabaachaa ture, garuu
immoo laafee ture, deebisee jaarrachuufi jabeessuu irratti
xiyyeeffachuu qaba. Dhalooti keenya waan keessa jiran hubatanii beekan,
akkamitti waan sana keessaa akka bahan illee malachuu danda’an.
Marayyuun keenya har’aas ta’ee, egeree Gaammee keenya Gaammee Jaarmayaa
Warraaqsaa beekumsaafi qaroominaan jabaate geessifachuudha. Dr Asaffaa
Jaalataas waanuma qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuufi fardeessu
mul’isuu irratti hojjachaa jiran. “Ummanni Oromoo ummata baay’ee ta’ee
otuu jiruu, ofijaaru illee, jabaatee diina isaa hinmoone. Kun immoo
akkanatti itti fufuu hinqabu. Fuulduratti rakkoo akkasii keessaa
bahuudhaaf ummata Oromoo beekumsaafi qaroominaan ijaaruufi dammaqsuun
akka jabaatanii diina ofirraa kaasuu danda’anitti humneeffamuu qaban.”
Xurreen Xirroo bara 1970moota keessa banames haga jabaatee bakka galii
isaa hingeenyetti, ba’aan garbummaa ummata keenya irratti fe’amee jiru
bu’uu hindanda’u. Diinni keenya nuun nu ajjeesaa ofii isaatii immoo
badhaasamaafi faarfamaa jiraatuunis furmaata hinargatu. Hundee
garbummaa kan ummata keenya irraa buqqisee kaasu, jaarmiyaa keenya
jabeeffachuun lola rogmaraa belbelchuu danda’uudha. Jaarmaan keenya
diina akka lamuu hindeebinetti, kan nu irraa fonqolchee kaasu,
beekumsaafi qaroomina humna waraana keenyaatiin yoo qindeessamee dha;
haleellaa laalessaa goototi keenya humna qubattuu diinaa irratti
fudhataniin ta’a. Ayyaana guyyaa gootota keenyaa wayita kabajachaa
jirruttis, waanti jabeessinee eeggachuufi irraatti hojjachuu qabnu,
akka Dr Mahaammad Hasan nu hibachiisanitti, waan qabnuun jaarmayaa
keenya jabeeffachuudha. “Abdii murachuun, siyaasaa keessatti gatii
hinqabu. Abdiin siyaasaa tokkoof dhiiga. Namuu waan itti amane, of
kenninsaan hojjachuu irratti jabaachuu qaba. Ummati keenya mataa isaa
olqabachuu qaban. Bakka tokkotti dhufanii, waliin dubbatanii galuun
duuba, hojiin jabaachuu qabna. Bakka jirrutti, waan dandeenyu maraan
ABO gargaaruun hojii keenya duraa ta’uu qaba. Afaaniin, qofaa otuu
hintaane, maallaqaan, beekumsaafi qaroominaan jabeessuu irratti
hojjachuu qabna.”
Har’as akkuma kaleessaa sanatti ummati keenya biyya isaa keessatti
salphifamaa jira; akkatti bahu malee akkatti galu wallaalee raakamaa
jira. Kana biraan, diinni keenya waan danda’u maraan ummata keenya
cabsuufi garbummaa keessatti hambisuuf hojjataa jira. Yeroo ammaa
kanattis waanti ummata k
eenya irra gahaa jiru, waanuma waggaa dheeraa
dura tureedha. Malli wayyaanee, maqaan jijjiirame malee hojiin akkuma
kan warra isaaniiti. Namni keenya immoo wayyaanee nituffata. Wayyaaneen
yeroo qabdu mara karaa itti Oromoo cabsitu irratti hojjachaa jirti.
Afaan keenya barachaa jirti; aadaa keenya barachaa jirti; lafa keenya
barachaa jirti; yaadaafi qalbii keenya barachaa jirti. Kun immoo diina
keenya nihumnoomsa; nuun immoo ni laaffisa. Kanaaf, akka ijoo dubbii
Xirrootti, beekumsaafi qaroomina jaarmayaa warraaqsaan qabsaa’uun
dhimma fardii dhaloota keenya eeggatuudha; beekumsaafi qaroominaarratti
xiyyeeffachuun qabsoo keenya qabsoo furmaataa taasisuudha. Xirroonis
akkuma Xurree Bilisummaa ta’ee fulla’etti, sagalee seenaa qabsoo
hidhannoo bilisummaa ta’uun faarfamuun itti fufa. Qabsoo keenya qabsoo
furmaataa gochuuf har’uma haakaanu! Gumaa gootota keenyaas Bilisummaan
haakaffallu!
Barruulee XIRROO: XURREE WDO_KEENYA
XIRROO: XURREE WDO_K
P.O.Box 68558-00622
E-mail:irree_sabaa@yahoo.com
NAIROBI, KENYA