Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

AYYAANNI GUYYAA GOOTOTA OROMOO, EBLA 15, SIRNA HO’AAN KABAJAMAA JIRA!

(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 18, 2009)  Ayyaanni Guyyaa Gootota Oromoo,EBLA 15, bakka ummanni Oromoo kuma lamaa ol ta’an argamanitti sirna haa’aafi miira olaanaan Naayiroobii, Keenyaa keessatti kabajamee ooluun gabaasame.

Maddi Oduu ABO, MOAn, Naayiroobii irraa akka gabaasetti, ayyaanni guyyaa Gootota Oromoo Sanbata ,Ebla 18, 2009, kabajamee oolee irratti sabboontoti Oromoo xiiqiifi hamlee jabaan  sirna ayyaanichaa miidhagsanii jiru.

Ayyaana eebba manguddoota Oromoon baname kana irratti dargaggooti Oromoo argaman,xurree bilisummaa dhiigaafi lafee gootota Oromoon baname galmaan akka gahan DUNGOO qabsiisame maanguddoota harkaa fuuchuun mirkaneessanii jiru.

Daa'immaniifi kaa'imman Oromoo huccuu aadaa Oromoon faayaman kunneenis, waytuma kana gamtaan harka walqabatanii baandii eenyummaa waliin faaruu Tokkummaa faarfachuun tokkummaa isaanii jabeeffatanii diina Oromiyaa irraa akka buqqaasan waadaa isaanii haaromfatanii jiru.

Daa'imman Oromoo uffataa fi callee aadaa Oromoon miidhaganii waltajjii guyyaa yaadannoo gootota Oromoo kana irratti dhiyaatanis, tokkummaan faaruu ALAABAA Oromoo faarfachuun ayyaanichaaf miidhagina olaanaa kennanii jiru. Hawwaniifi kaa’imman huccuu aadaa oromoo uffatanis, waltajjiitti bahuun fuula mimmidhagaa fi simboo bareedinaan mallattoo eenyummaa Oromoo dhiiga goototaan dhabama irraa baraare agarsiisuun guddina sabboonummaa Oromoo mul’isanii jiru.

Jaal Murataa Teessoo Dura taa’aa Ittaanaa Waldaa Dargaggoota Oromoo_KENYAA ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo magaalaa KEENYAA keessatti kabajame irratti dhaamsa dabarseenis, xurree bilisummaa goototi ilmaan Oromoo dhiigaafi lafee isaaniin tattaraaran haga galii isaa gahutti qabsoon diddaafi fincilaa yoomiyyuu kan hindhaabbanne ta’uu hubachiiseera.

Dargaggooti Oromoos qabsoo bilisummaa Oromoo roga maraan finiinaa jiru keessatti qooda fudhannaa olaanaa gochuun, biyya egere bulchuuf deeman harqoota garboonfattuu jalaa bilisoomsuuf daran akka qophaa’an  beeksisee jira.  “Dhalooti keenya qabsoo bilisummaa Oromoo ammayyeessuun akka dafee galii isaa dhaqqabu gochuu irratti dhuunfaanis ta’ee gamtaan birmatanii gahee isaanii bahuuf tarkaanfachuu qaban.”

Qabsoon dheerattus, wareegamni baay’attus, hanga qabsoon keenya injifannoo furmaataa hinfidiinitti, injifannoon argaman tifkachaa, qabsoon bilisummaa Oromoo furmaata dhumaa akka shiffisaan argamsiisuuf kan hojjatan ta’uu, itti dabalee kan hubachiise, Jaal Murataa Teessoo, murna Irree Sabaa kan ta’an dargaggooti Oromoo  tokkummaa isaanii jabeeffatanii diina innikaa Oromiyaa irraa akka buqqisan waamicha godhee jira. “Dhalooti keenya hoggansa egere isaan eeggatuufi fudhatanii biyyaafi saba keenya ittin tajaajilan bira gahuuf dursanii of qopheessuu qaban.”

Bakka Bu’aan koree bulchiinsa Jaarmiyaafi siyaasaa Naayiroobii, gama isaatiin, dhaamsa ayyaana guyyaa gootota Oromoo kana irratti dabarseen, ilmaan Oromoo faandhahii gootota kaleessaa hordofuun kaayyoo dhiigaafi lafee goototaan ijaaramee yoona gahetti xumura akka godhan dhaameera.

“Goototi keenya kan bilisummaaf jecha wareegaman kana guyyaa tokko duwwaa yaadannee kan dhiifnu osoo hin taane, bara baraan seenaan kan isaan yaadataa jiraatuu dha,” kan jedhe dhaamsi koree bulchiinsa Jaarmiyaafi Siyaasaa Naayiroobii kun, ‘gootonni ilmaan Oromoo boruullee bilisummaa saba isaani mirkaneessuuf wareegaman tarree gootota kanaatti seenanii yaadatamu,” jedhee jira.

 “Gootota kaayyoo sabaaf of dabarsanii xurree fi daandii bilisummaa irra nu buusan yaadachuun kanneen hubatanii arganiif kabjaa fi ulfina guddaa dha,” kan jedhan sabboontoti ayyaana kana irratti argaman, Warreen kaayyoo kanatti qoosanii qabsicha gufachiisan, otuu yeroon isaanitti hindarbiin qabsoo saba isaaniitti deebi’anii gahee Oromummaa isaanii akka bahan dhaamsa sabboonummaa dabarsaniifii jiru.

Daabboon halluu alaabaa Oromoo kuulames dhiyaateemaanguddootaan muramee jira. Ayyaana kana irratti faaruun alaabaa Oromoos daa’imman Oromootiin dhiyaatee  ummata bohaarsee jira. Baandiin Eenyummaas faaruu goototaafi sirboota warraaqsaa addaddaan ummata kabaja ayyaana wareegamtoota Bilisummaa Oromoo kanaa irratti argaman bahaarsaa ooluushii gabaasaan MOA hubachiisee jira.

Ayyaana sirna hoo’aan kabajamee oole kana irratti ilmaan Oromoo ayyaana jaallummaafi Oromummaan waliin hirmaachuun, diina kaayyoo Oromoo kan ataate, wayyaanee kuffisuu irratti s waan danda’an maraan kan birmatan ta’uu mirkaneessanii jiru.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net