Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa Ejjannoo Manguddoo Baqattoota Oromoo keenyaa Naayroobii irraa;

               Hawaasa Oromoo hundaaf!

Ummanni Oromoo roorroo sirna alagaan irraan ga¢uu irraa kan ka¢e gariin mana hidhaatti gidiraa argaa turee carraa miliquu argatuun baqattummaan biyya badhaatuu qabu irraa abbaa biyyummaa sarbamee, Manguddoon, dardarri, daa¢imman fi dubartoonni jireenya baqattummaa biyya ollaatti jiraachuu kan jalqaban waggoota dheeraa lakkoofsiseera.

Akkuma baqattoota Oromoo biyyoota olla kan biro nutis hawaasni Oromoo Keenyaa waggoottan dheeraa darban keessatti osoo rakkoolee hawaasummaa qabnuuf hin jilbeeffatin qabsoo bilisummaa saba Oromoo kan kaleessa waloon qabnuu galmaan ga¢uuf hanga dandeettii Keenyaa qabeenyaa fi humnaan gumaacha hin tuffatamne gumaachaa turreerra.

Keessumaa biyyi baqattummaan keessa jirru kun bakka haalli nageenyaa mijataa nuuf hin haanjofnetti illee fi farreen, faallaa qabsoo bilisummaa gaggeessan iddoo itti xiyyeeffannoon ilaalcha tokkummaa saba Oromoo kolaasuuf carraaqanitti osoo isaaniif daandii hin saaqiin hawaasni keenya bal¢aan qooda qabsoo saba isaa fudhatee mooraa qabsoo Oromoo keessa of-utube akka dhaabbatu sochii fi shoorri manguddoota caayaa manguddoota Oromoo Keeniyaa kan nama gammachiisuu fi itti boonnu ta¢ee mul¢ata. Hanga tokko diinotni Oromoo uuda /ogdii gufuulee qabsoo bilisummaa saba Oromoo kan ta¢an bakka itti omishatan gochuudhaan biyya kana Keenyaa kaadhimmachuun carraaqaa turanis tokkummaa hawaasa keenyaan jalaa fashaluu danda¢eera. Har¢as baqattootni sababa  dhiibamuu mirga saba keenyaaaf jecha baqattuumaan yommuu as jiraannu baqattummaan keenya osoo nu hin daangessiin kaayyoo qabsoo bilisummaa saba Oromoo dhaaba keenya ABO tiin gaggeeffamu sammuu fi miira keenyaan hawaasa Oromoo biyya alaa, Hawaasa biyya keessaa fi WBO bira dhaabbachaa turre.

Haa ta¢u malee dhiyeenya kana dhaaba keenya ABO keessatti rakkinni yeroof addaan hin baafanne dhalateera jechuun hoggana olaanaa fi gad aanaan gidduu haala uumame irraa ka¢ee miseensonni tokko tokko olola hin dhugoomneen liqinfamuun haasaa ceceetuu deemaa jiruun hawaasni baqataa shororkaa¢ee jira. Kanaaf jecha Mangudootiin Oromoo bakkeewwaan adda addaatii walitti dhufnee dhimma dhalate kana ilaalchisee yaada qabnu waliif hirree murtee tokkoo irra geenyee jirra.

Bu¢uruma kanaan mootummaan wayyaanee osoo ummata keenya irratti dararaan raawwataa jiru daran jabaatee jirutti tokkummaan diina keenya irratti fuulleffachuun hojii jalqabaa fi dursi kennamuuf ta¢ee osoo jiruu bilisummaan ummanni keenya dheebotee jiru abjuu ta¢ee akka hafu tallistoonni miseensa hoggana dhaabaa ta¢an gandaa fi amantiin wal-qooduun qabsoo keenya qoobxeessuuf sochii godhamaa jiru gonkumaa kan nuuf hin liqinfamne ta¢ee nutti mul¢ata.

Jaarraa amma keessa jirrutti saboonni addunyaa gabrummaa jala jiran hundi tooftaa ammayyaa gidduu galfachuun tokkummaa irree godhatanii yeroo itti milkaa¢aa jiraatan kan saba keenyaa immoo adeemsa jiru hundaa keessatti kan qabsoo keenyaa qancarsuu dhalataa ba¢uun isaa nama gaddisiisu irra darbee kaleessa hundeefamuu ABO irraa kaasee hanga har¢aatti yoo gootowwan Oromoo dhiiga baasanii dhangalaasanii fi lafeen isaan caccabdee awwaala isaan irra dhaabbachuun qoosuu ta¢ee nutti mul¢ata.

Waan hundaafuu adeemsa qabsoo keessaatti bu¢aa ba¢iin guddoo fi takaallaan hinumaa dhalataa kaleessas dhaaba keenya ABO keessatti umamaa turee haa ta¢u iyyuu malee dammaqinaan furmaata itti kennamaa hanga har¢aatti geenyeerra.  Akka amantaa keenyaattis rakkoon armaan duraa irraa kan xiqqaatu malee kan cime ta¢ee miti. Ammoo rakkoo dhalate kana hogganni ol-aanaa akkaataa heeraa fi seera jaarmiyaatti furmaata itti kennuu osoo irra jiruu harkifataa dhufuun isaa hoggantoonni madda rakkoo kanaa ta¢an dawoo imaanaa sabaa itti kennameen gaachana godhachuun miseensonni fi hawaasni itita hin qabne itti hirkachuun hawaasni akka sororkaa¢u ta¢ee kana irraa kan ka¢e Mangoddoonni baqattoota Oromoo keeniyaa callisnee ilaaluu irraa dhimma kanaaf furmaata ta¢uun itti gaafatamummaa seenaa jalaa ba¢uuf jecha murteewwan ejjannoo kanaa gadii dabarfachuu dandeenyeerra.

  1. Rakkoolee ykn dhibdee dhaaba keenyaa ABO kessatti dhalate jedhamu kana akkaataa heeraa fi seera jaarmiyaatti hogganni ol-aanaa kun mari¢atee fala akka itti kennu cimsinee gaafatna.
  2. Hawaasni Oromoo biyya keessa fi biyya alaa jirru olola kanaaf osoo hinjilbeeffatiin sadarkaa sadarkaadhaan miseensonni tokkummaa dhaaba keenya ABO tiksuuf of-keenninsaan akka fuula furmaataatti fuulleffatanii yeroo gabaabaa keessatti furachuun jijjiirama adeemsa Qabsoo bilisummaa saba oromoo keessatti mul¢isuu akka dandeenyuuf gara kuteenyaan qabsaa¢uu qabna.
  3. Hanga rakkoo ykn dhibdeen jiru kun furmaata argatutti baqataan naannoo keenyatti argamu waan kaleessa biyyaa nu baasee raasaa irratti nu dararuu diina keenya Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun qabsoo bilisummaa saba oromoo fuula duratti gaggeessuu malee maqaa Afooshaa, Gandummaa fi Amantiin ilaalacha nu qoodu hunda kan hin keessumsiifne ta¢uu keenya fi miseensota gochaa akkanaa irratti hirmaatan dura dhaabbachuun ni balaaleffanna.
  4. Akka murnaattis ta¢ee akka nam-tokkeettis tokkummaa keenyaa fi adeemsa qabsoo bilisummaa saba Oromoo kan gufuu ta¢an hundaa gara kuteenyaan dura dhaabbanna, ilaalcha diigumsaa qaban akka nu keessatti hin saaqqanne cimsinee of-irraa eegganna ykn tiksin.
  5. Manguddoonni Oromoo biyyoota adda addaa keessa jiraatan hundi bu¢ura yaada keenyaa waliin akka yaada wal-fakkaataa qabdan abdii waan isinirraa qabnuuf dhibdee kana furuuf adeemsa dhaabni keenya godhu keessatti akka wal-faana hirmaannu isin gaafanna, nutis gama keenyaan madda rakkootiif fala kan ta¢an hundaa sacaanee tumsaa fi gumaacha nurraa eegamu ni raawwanna.
  6. ABOn dhibdee ololamuuf ijoo furmaataa falachuuf kora miseensotaa bakkawwan adda addaatti gaggeessa jiru ni deeggarra.
  7. WBO dheebuu fi beelaaf osoo gadi hin jilbeeffatiin qabsoo saba isaa gaggeessaa jiru bira humnaa fi dandeettii qabnuun bira dhaabbanna, galmaan gahuumsa kaayyoo dhaaba keenyaaf hanga wareegama lubbuutti haarsaa bu¢aa qabsoo ta¢uuf waadaa galla.

Dhuma irrattis Manguddoon, beektonni, dargaggoonni, dubartoonni keenya olola kanaan diinaaf balbala saaquun akka tokkummaan saba keenyaa fi egereen dhaaba keenya ABO akka gaaffii keessa hingallee dallaa cimaa kan nu tiksuu dhaabbachuun akka sagalee tokkoon injifannoo keessa baanu isinitti dhaammachaa bu¢uua  yaada keenyaaf tumsa nuu godhamu dursinee galateeffanna.

               Manguddota baqattoota Oromoo Keenyaa, Nayroobii, irraa;

Keenyaa, NBI

Maqaa manguddootaa(Waliigala manguddoota 13 mallatteese. Maqaalee Manguddota oduu tana keessaa hanbifne)                            


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net