(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 28,2008)Maddi oduu keenyaa akka gabaasetti ergamtoonni Wayyaanee godina Wallagga bahaatti ilmaan Oromoo dharaan yakkanii mana hidhaatti guruuf shira xaxuu irratti argamu.
Haaluma kanaan ergamtoonni ilmaan Oromoo irratti daba raawwachuuf qopheeffaman ona Shaambuu irraa gara onoota Fincaa’aa fi Guduruutti bobba’uuf qophii xumurachuu oduun nu gahe ni hubachiisa.
Shira dabballoota Wayyaanee kanaan sab-bontoonni sirnicha irratti gaaffii dhiheessaa turan mootummaa irratti mormii kaasan jedhamanii akka manneen hidhaatti guuraman itti murteeffameera.
Sab-boontonni Oromoo naannolee kanatti argaman shira diinaa kana fashlasuuf akka of eeggatan dhaamameera.
Godina Wallaggaa Bahaa keessatti Sabboontonni walgahii ergamtuu wayyaanee OPDO harkatti fashalsan.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 28,2008) Maddeen keenya akka dhaamanitti Godina Wallaggaa Bahaa Onoota adda addaa keessatti Sabboontonni Oromoo walgahii dabballoonni OPDO yaaman irratti diddaa sirnichaaf qaban mul’isanii jiru.
Sabboontonni Oromoo naannichaa walgahii ganna kanaa irratti gaafiilee ciccimoo kaasuun ergamtoota afaan qabachiisan.
Gaafileen isaan kaasan keessa osoo beelli ummata keenya fixaa jiruu, olola dimokrasii dharaa isin afuuftan maali? hin fudhannu jechuun diddaa qaban sodaa tokko malee dhageessisan.
Ummanni Oromoo ifiin if haa bulchu, mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoos haa dhugoomu jechuun gaafatanii waltajjii ergamtootaa dhiitanii akka bahan odeessi kun dabalee addeessa.
Namoonni Torbaan tokko dura Televisiona Wayyaanee irratti olola afaan fajjii gaggeessaa turan barattoota Oromoo dogoggorsuuf Yunivarsitiilee garaa garaa irra naannawaa akka jiran gabaafame, barattoonnis ergama gantoota kanaa fashalsaa jiru.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 28,2008) Gabaasaan maddeen keenyaa akka ifa godhutti namoonni dhiheenya kana TV. Wayyaanee irratti olola gaggeessaa turan, yeroo ammaa kana Konkolaataa mootummaan Wayyaanee ramadeefiin sosso’anii barattoota Oromoo keessatti afaan faajjii uumuuf naannawaa jiran.
Namoonni Labataa Fufaa fi Tashoomaa Qaabatoo (Mulugeetaa ykn Jabeessaa) jedhaman Adoolessa 25,2008 konkolaata tika Wayyaaneetiin gara Yun. Diillaa geeffamuu maddeen ifa godhu.
Namoonni kunniin akkuma dabballoota Wayyaanee olaanaa wanni fedhii isaanii hundi guutameefii, humnoota tikaatiin eegamaa barattoota Oromoo tokko tokko yaamanii hasofsiisaa turus oduun nu gahe dabalee hubachiisa.
Barattoonni Oromoo sabboonoon heddu isin eenyu, ergama wayyaanee fudhattanii dhufuun nu gowwoomsuu hin dandeessan, jechuun yaalii afaanfajjeessii gantoota kanaa dura dhaabbachuu, fi tufanii bira dabruunis beekemeera.
Labataa Fufaa kun maqaa isaa Taganee kan jedhutti jijjiirratee barattoota Oromoo afaan fajjessuuf dhama’aa akka jiru gabaasaan maddeen keenyaa saaxileera.
Namoonni kunniin Yunivarstilee fi Kolleejjota biroo irrallee naannawuuf qophii irra akka jiran beekuun danda’ameera. Waan taheef barattoonni Oromoo Yun. Diillaa fi bakkoota biroo olola diiggaa gantoonni sabaa kun wayyaaneetti maxxananii oofaa jiraniif gurra akka ergisuu hin qabne qaamni dhimmi ilaalu gadi jabeessee dhaamsa dabarseera.
Barattoonni Oromoo har’as jireenyi ummata Oromoo jiruu gabrummaan hudnee gadi itti jabeeffate tahuu osoo hin daganne afaanfajjii diinaa fashalsanii QBO, hogganummaa ABOtiin gaggeeffamu caalatti akka jabeessan dhaamameera.
Ummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaanee of irraa fonqolchuuf waan danda’e hundaan qabsootti akka jabaatu dhaamame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 28,2008) Sab-boontotni Oromoo maadhee Keenya Irraa Hin Deebinu jedhu jalatti gurmaa’an qotatee bulaan, daldalaan, barataan, barsiisaan, hojjettootnii fi walii galli ummatni Oromoo mootummaa gabroomfattuu wayyaanee of irraa fonqolchuuf qabsootti haa jabaannu jechuun waamicha dabarsan.
Miseensotni maadhee kanaa kana kan beeksisan torban kana walitti dhufuun marii geggeessaniin booda ibsa ejjennoo baafatan keessatti.
Ibsa ejjennoo baafataniin dhumaatii Wallagga bahaa keessatti qindoomina wayyaaneen ummata Oromoo irra ga’e balaaleffachaa, wayyaanotnii fi ergamtootni gocha kana raawwachuu fi raawwachiisuu keessatti hirmaatan gaafatamtoota ta’uu hubachiisan. Gumaa Oromoota dhumatanii baasuufis kan hojjetan ta’uu mirkaneessan.
Miseensa keenya ta’aa jechuun doorsisa ergamtuun wayyaanee OPDOn gootus dura dhaabbannee fashalsina jedhan.
Xumura irratti miseensotni maadhee Keenya Irraa Hin Deebinuu hanga Oromoon bilisoomutti wareegama feesisu bifa hundaan ni kafalla jedhaniiru.
Barattootni Oromoo waan gaaffii mirgaa gaafatan qofaaf Wayyaaneen hidhaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 28,2008) Godina Harargee bahaa Ona Dadar magaalaa Soqaatti barattootni Oromoo walgahii wayyaanotni godhaniif irratti gaaffilee waan kaasan qofaaf hidhamuu isaanii maddeen keenya ibsan.
Haaluma kanaan barattoota gaaffii mirgaa gaafatan keessaa ja’a sirna wayyaaneen hidhamaniiru. Barattootni Aadam Jamaal, Seeyfuu Muusaa, Jabbaar Abdii, Haafiz Mahaammadii fi Abdallaa Ahmed jedhaman kanneen hidhaman keessatti argamu.
Barattootni Oromoo hafan haga warri hidhame hiikamutti waliin haasa’uu hin dandeenyu jechuun akka walgahii isaanii dhiitanii ba’uu oduun kun dabalee hubachiisa.
Barattootni walgahicha dhiitanii ba’an poolisoota wayyaaneen adamsamuun miidhaan guddaan irra ga’aa akka jirus ibsameera.
Godina Shawaa Lixaa gandoota hedduu keessatti balaan beelaa mudate ummata miidhaa akka jiru gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 28,2008) Oduun gahe akka ifa godhutti, gandoonni 9 kanneen akka Saaxoo Lukkuu, Ambaltaa Godeetii, Itisaa, Somba Cittuu, Dirree Bareedaa, Hidha Busandii, Horoo Tooftichaa, Gosuu Mikaa’el fi Ginccuu kanneen akka malee baleen hubaman keessatti argamu.
Gandoota kana keessatti dabballoonni maxxannee wayyaanee OPDOn midhaan gargaarsaa kuntaala 400 ummataaf dhaqe keessaa kuntaala lama lama hiratuun dhimma mataa isaaniif oolfatanii jiru. Haalli kun ammoo daran beelli ummatatti akka hammaatuuf karaa saaqee jira. Gama biroon maatiin hedduun beela dadhabatanii qe’ee isaanii gadhiisanii akka godaananis odeessi kun ni mirkaneessa.
Ergamtoonni wayyaanee midhaan gargaarsa ummataaf laatame qooddatan, Itti gaafatamaa Ona Ilfataa Mardaasaa Gammachuu, Dura Taa’aa gandichaa kan tahe Caalaa Qaqqabaa fi Itti aanaa isaa Taaddasaa Birruu akkasumas Dalasaa Bayyanaa lukkeelee je’amanii dha. Keessattuu ergamtichi Dalasaa Bayyanaa je’amu namni miseensa OPDO hin taane gargaarsa namoomaa kamuu hin argatu jechuun ummata beela’e gidirsaa jira.
Kun kanaan osoo jiruu basaasonni wayyaanee Jimmaa Galataa, Tashomaa Galataa, Birhaanuu Andarsoo, Darajjee Miidhassoo fi Mangistuu Kaasaayee je’aman hojii farrummaa itti jiran irraa akka dhaabbatan Sabboontonni naannichaa akeekkachiisanii jiru.
Poolisootnii fi dabballootni sirna Wayyaanee Godina Harargee bahaa keessaa ummata rakkaa jiran.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 28,2008) Maqaa ABO sakatta’uu fi deggertoota ABO ti jedhuun poolisootii fi dabballootni wayyaanee Godina Harargee bahaa keessaa ummata rakkisaa akka jiran maddeen keenya gabaasu.
Maqaa ABO tu nu seene jedhuun magaalota Qobboo fi Soqaa keessatti poolisootni wayyaanee bobba’anii akka ummata saamanii fi gidirsaniif qopheeffamaa jiran.
Gama biraan dabballootnii fi bulchitootni lukkee wayyaanee ta’an Ona Haro-Maayaa ganda Daamotaa fi bakka biroo keessaa ummataan miindaa abbootii araddaaf kan oolu qarshii 50,50 kafalaa jedhanii saamaa jiru jedhameera.
Oduu biraan sirni wayyaanee ilmaan Oromoo Ona Haro-Maayaa keessaa beela’anii gargaarsa dhabanii jiraniif gargaarsa kennuu didee, kaabinootaa fi miseensota isaaf Awwadaayii fi Haro-Maayaa irraa xaafii fi gargaarsa adda addaa fichisiisuufiin raabsaafii akka jiru bira ga’ameera.
Bifa kanaan osoo miidhaa geessisaa jiruu Ona Qarsaa keessatti ammoo ummataan midhaan gargaarsaa isinii laatnaa qarshii 10, 10 kennaa jechuun ummata homaa hin qabne saamaa jiru.