Miseensonni maadhe (madda walabu 2010) jedhu jalatti gurmayan walgayani haala yeroo irrattifi haala QBO irratti mariyatani, qarshii 200 gumachun ibsa ijjanna armaan gadi baafatan.
- Aarisa, ajeechaa, hidhaa fi biyya ariyatamu barattoota Oromoo fi ummata Oromon irra gahaa iru cimsine balaaleffanna.
- Barattoota fi ummata Oromoo amantii fi kutaan walitti buusuf shira wayyaane bakka garaagaraatti gootu ummani Oromo akka irratti dammaqee akeeka isii kana hanqisu gaafanna.
- Beelan dhumaatin har'a ummata keenna harkaa qabu bulchiinsa wayyane irra ta'u hubachuun sirnicha hundee of irra kaasu ta'u hubachiifna.
- QBO maddii dhaabbachuun wan nurra eegamu kamuu bahuufi wareegama yeroon gaafattu kamu baasuf waada kenya haromsina.
- Lafa keenya osoo ummanni keenya beelan harca'aa jiru ummataaf danta dhabuun biyya alaaf kennaa jiru cimsine balaalefanna akka ummanni dura dhaabatus wamicha goona.
- Shira dhaaba keenya keessatti gartuun wal ijaaranii deemsisaa jiran guddoo laalleffanna duras dhaabbana.
- Murtii ShGs ABO farreen keeysa irratti fudhate guututti fudhannee tarkaanifii saffisaa tahe kanas itti gammannee irratti hojechuuf qophii tahuu keenna ibsina.
Injifannoo Ummata Oromoof!