(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 4,2008)Godina Baha Wallaggaa Ona Jimmaa Gannatii Saakureetti kan dhalatan sab-boonaan Oromoo Obbo Darajjee Sinyoor Dheeressaa mana hidhaa keessatti dararaa mootummaan wayyaanee irraan ga'aa tureen dhukkubsatanii addunyaa kana irraa du'aan boqochuu isaanii oduun nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Fincila ummataa yeroo darbe keessa Baha Wallaggaa keessatti geggeeffamaa tureen dharaan mootummaa cunqursituu wayyaaneen yakkamanii yeroo dheeraaf mana hidhaa kan turan Obbo Darajjeen achi keessatti dararaa fi miidhaa ulfaataan hidhattoota wayyaaneen irratti raawwatamaa turuu addeessa oduun nu ga'e.
Dararaa mana hidhaa keessatti irratti raawwatameen dhukkubsatanii kan du'an obbo Darajjee Sinyoor Dheeressaa abbaa ijoollee lamaa ti.
MOA fi SBOns maatii fi firoottan obbo Darajjeef obsaa fi jajjabina haa kennu jechaa, lubbuu isaaniif ammoo Rabbi jennata haa kennu jedha.
*********
Barattootni Oromoo Kolleejjii Barsiisota Mattuu diinaan hiraarfamaa jiru.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 4,2008) Godina I/A/Booraatti barattootni Oromoo Kolleejjii Barsiisota Mattuu wayyaanotaan barmoota isaanii irraa jeeqamaa jiru.
Koree nageenyaa fi misoomaa jechuun kolleejjicha keessatti lukkeewwan isaanii ijaarrachuun barattoota Oromoo sab-boonoo hiraarsaa fi barmoota irraa isin ariinaan gidirsuu irratti argamu. Barattootni Yohaannis, Geetahuun, Ahmedii fi Mohaammadnuur Girmaa jedhaman barattoota Wayyaanotni barmoota irraa isin ariina jedhanii sodaachisan keessatti argamu.
Barattootni Oromoo Kolleejjii Barsiisota Mattuu gama isaaniin wayyaanotnii fi ergamtootni isaanii OPDOn dhiibbaa fi sodaachisa barattoota irratti godhan daddaffiin dhaabuu akka qaban hubachiisaniiru.
*********
Godina Gujii Onoota hedduu keessaa balaan beelaa ummata qe'ee irraa buqqisaa akka jiru gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 4,2008)Godina Gujii Onoota Bulee Horaa, Dugda Daawwee, Malkaa Sooddaa fi Galaana Abbaayyaa keessatti beeelli dhalate ummata guddoo miidhaa akka jiru Oduun nu dhaqqabe ibse. Ummatni qe'ee isaa gad-dhiisee gara Ona Oddoo Shaakkisoo bakka Daallee Dagaa jedhamutti godaanaa akka jirus beekameera.
Balaa beelaa ummata mudate kanaaf haga ammatti qaamni mootummaas tahee miti mootummaa dirmannaa godhaafii jiru tokko illee akka hin jirre oduun nu ga'e ni hubachiisa. Godinoota Oromiyaa kan akka Harargee bahaa fi lixaa, Arsii Lixaa, gammoojjii Baalee, Booranaa fi Gujii akkasumas giddu gala keessatti beelli ummata akkaan hubaa akka jiru bal'inaan gabaafamaa jira.
Jaarmotni gargaarsaa Tokkummaa Mootummootaa ja'a (6) dheengadda ibsa Naayiroobii irraa kennaniin ummata miliyoona 14 ta'u Gaanfa Afirkaa keessaa gargaarsi hatattamaa isaan barbaachisu keessaa irra guddaan Itophiyaa keessa ta'uu ifa godhan.
*********
Sab-boontuu Oromoo Aadde Hayyuu Lubaabaa ergamtoota wayyaaneen qabeenya saamamte.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 4,2008)Burqaaleen keenya akka gabaasanitti sab-boontuu Oromoo Aadde Hayyuu Lubaabaa qabeenyi ishii guutuun ergamtoota wayyaaneen duraa saamamee jira.
Sirni wayyaanee Godina Walloo Ona Baatee ganda Waayyuutti hidhattoota isaa bobbaasuun qabeenya Aadde Hayyuu Lubaabaa sababa tokkoon maleetti duraa saamee naannoo biraa geessee akka gurgurateetu gabaafame. Aadde Hayyuu Lubaabaa yeroo ammaa qabeenyi ishii waan duraa saamameef rakkina hamaa keessatti kuftee jirti.
Waan taheef ummanni Oromoo karaa dandahee maraan gargaarsa lammummaa akka godhaniif Sabboontonni Oromoo dhaamanii jiru.
Qaruuteen WBO Godina Walloo keessa sochootus ergamtoonni wayyaanee daddaffiin qabeenya saaman hin deebisan yoo tahe tarkaanfiin kan isaan irratti fudhatan tahuu akeekkachiisan.
Aadde Hayyuu Lubaabaan ammaan duras manni jireenya ishii wayyaanotaan gubachuu fi qabeenyi hedduun duraa saamamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
*********
Shira walitti buusuu mootummaan wayyaanee Godina Shawaa Bahaa keessatti Ummata Oromoo fi Afaar jiddutti dhalcheen namoonni 5 ajjeefaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 4,2008) Odeessi nu gahe akka ifa godhutti, dabballootni wayyaanee Godina Shawaa Bahaa Ona Fantaallee naannoolee akka Gabee, Darnyi, Bantii fi Zuu je'amanitti milishoota Afaar waraana keessa hiriirsuun ummata Oromoo irratti duulchisan.
Walitti bu'iinsa dabballootni wayyaanee Oromoo fi Affaar gidduutti dhalchan kanaan namootni 5 ajjeefamaniiru. Walitti bu'iinsi ummataa kun amma illee hin dhaabbatin akka jiru oduun nu ga'e ni ibsa.
Manguddoonni Oromoo lolli kun karaa nagaan akka xumuramuuf manguddoota Afaariif waamicha dhiheessuufiinis hubatameera. Ummanni Afaar shira wayyaanotaa kanatti dammaquun dura akka dhaabbatus manguddoonni Oromoo hubachiisanii jiru.
Oduuma wal fakkaatuun sirni wayyaanee karaa ergamtoota isaan Waxabajjii 24,2008 Godina Booranaa Ona Yaabelloo bakka Bir'eessa Ogalee jedhamutti Oromoo Booranaa fi Gujii walitti buusuun namoonni 3 akka du'an godhee jira.
|