Walgahiin Ummataa Tan Magaalaa Menneapolis ti Geggeeffamte Milkiin Xumuramte
Walgahiin Ummataa kun Walgahii kora gamtaa miseensoota ABO Kutaa Amerikaa fi Kaanaadaa Waliin bara baraan gaggeeffamu, kun Eebba manguddoota Oromoo tiin jalqabame. Itti aansuun dargaggoon Oromoo Caayaa Bokku jalatti gurmoofte faaruu alaabaa dhageesisani ummanni walgahicha irratti argamees dhaabbachuun waliin kabajaa Alaabaa QBO tii fi jaallan qabsoo bilaummaa irrati wareegamaniif qaban garsiisani jiru.
Walgahichiniis itti fufuun H/D ABO J/Daawid Ibsaa Bilbilaan ibsa bal’aa ummataaf kannanii jiru. Ibsa H/D kannattiis ummanni kan gammadan ta’uu isaanii sagaleen mirkaneessaani jiru. Ibsa H/D booda ajajjoonni Waraanaa Zoonilee haala deemaa jiru irratti wal duraa duubaan bilbilaan haasawa godhanittiis ummanni hedduu gammade, Walgahii kana walgahiilee kana dura dhaabni gaggeessaa ture irraa wanni adda godhu kan Ajaa’ibaa ibsa kanname irratti Gaaffii qabdan dhiheeffadhaa yeroo ja’amu manni guutuun sagalee tokkoon nuti dhaabaa fi hoggana keenya irratti Amntaa guutuu qabna, waan deemaa jiruus sirritti hubannee jirra waan gaafannu tokko illee hin qabnuu gargaarsa diinaggee gochuu barnaanna jachuun diinagdee guddaa tin’isa dhaabichaaf gumaachani jiru. Kun kan nama agarsiisuu ummanni Oromoo dhaaba isaa ABO balaa fedhe irraa tiiksuuf qophii ta’uu isaati maayyii irrattiis Ibsa Ijjannoo kan armaan gadii kana dabarfachuun walgahiin kun milkii kana dura hin argamin galmeesse xumurame.
IBSA IJJANNOO WALGAHII
ABOn dhiigaa fi Lafee Ilmaan Oromoo Kumaatamaan Lakkaawamuun biqilee sadarkaa amma irra jiru kana irra kan gahe waan ta’eef dhaaba kana tiiksuuf kan durii caalaa hojjachuun dirqama Ilmaan Oromoo hundaati janna.
- Namoota fedhii isaanii guutachuuf jacha dhaaba kana keessatti garee uumanii dhaabicha kana facaasuuf tattaafatan hundiigochaan isaanii kun gochaa diinaatin tokko waan ta’eef jabeesinee balaaleeffanna.
- Murni dhihoo kana of moggaafetee dhaaba keenya ABO irratti fincile, Olola tokkummaa qabsaawota fi tokkummaa ummata keenyaa booreessu gaggeessaa waan jiruuf hujii akkanaa kana irraa daddaffiin dhaabbatu akeekkachiifna
- Kabajaa fi tokkummaa ummata keenyaa eeguu fi heeraa fi seera dhaaba keenyaa kabachiisuuf murtii dhaabni keenya hogganoota garee fincila kana qindeessan irratti dabarse ni deeggarra.
- Namoonni fedhii murna kanaa osoo hin beekin hubannootaan maletti yaada Abaaramaa murna kanaa fudhattanii waliin dhaabbatan summiin gareen kun QBO fi ummata keenya jiddutti facaasaa jirtu, hegaree ummata keenyaatiif kan nama yaaddeessu ta’uu hubattanii garee kana jalaa akka dhaabbattan isiniif dhaamna.
- Hogganni keenya Hoggana fageessee yaaduu, kan bilchinaan murtii kennu ta’uu isaa ni hubanna, garuu murni farra qabsoo dhaabuma keessatti if jaaree jeequmsa akkanaa yeroo uumu obsuun keessan karaa miti. Kanaafuu, haalli akkanaa yeroo dhalatu yeroon tarkaanfii barbaachisu akka fudhattan isinitti dhaammanna.
- ABOn bu’aa bahii hedduu keessa qaxxaamure dhaaba as gahe, Haala amma uumame kanaas jabinaan irra aanee dhaaba cimaa kaayoo ummataa bakkaan gahu ta’ee kan as bahu ta’u hin shakkinu, kana mirkaneessuufiis karaa keenyaan jabaannee hojjanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
August 1, 2008
Minneapolis, Minnesota