Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ijoo Dubbii ABO
Caamsaa 2008 

Kaayyoon Diinagdee mootummoota Ethiopia dandayan
saammachuu, dadhaban kadhachuu dha.
 
Saaminsa fi kadhaan ala hujii-dhaa fi tattaaffii ofii-tiin guddachuu fi dagaaguun imaammata sirna bulchiisa Ethiopia keessa jiraatee hin beeku. Mootummoonni dhufaa-dabraan maqaaEthiopia-tiin sirna gabrummaa-dhaa naannoo sanitti sirneessanii ummatoota bitaa as gayan hundinuu, hoojum (sagantaan hujii) isaanii tan duraa, takkaa ummata naannoo isaanii jiru weeraruu ykn, qabsoo ummatoota weerarame, kan bilisummaa ufiitif qabsaawu, ukkaamsuu-dha malee, guddina ummata weeraranii inumaa hin laalan. Kana qofa osoo hin ta’in ummatuma keenya jedhan, kan maqaa isaatin weerara kana geggeessanif illee, takkaa yaadanii hin beekan.
 
Seenaa jedhamee wanni barreeffamee barsiifamaa-dhaa jirus, faarfannaa jagnummaa/shiftummaa dhaa ti. Hayyummaan, dandeettiin waa uumuu, ogummaan bulchiisaa bakki itti dhaadheeffamtu; sirni kabajaa ilma namaa, demokrasii fi nagayni bakki itti quudhamuuf (dinqisiifatamu) keessa hin jiru. Kanaaf qaalominni (mi’aan gatii) midihaanii dhiheenya kana ummanni itti yaaddawaa-dhaa jiru Wayyaanootaaf mala korjoo dhoortoo isaanii ittiin bal’ifatan malee, waan itti rakkatan tahee hin mul’atu.
 
Colonel Mengistu Hailemariam gaaf tokko barattoota Ethiopia kanneen biyya ambaa keessatti barachaa jiran walitti qabee, hammam akka biyya guddisan yoo himu “Dhugaa dha ummanni keenya hedduun kophee malee deema; garuu mataa gadi qabatee hin deemu, jedhe.
 
Yeroo sanatti qabsoo bilisummaa ummata Oromoo , Eritrea fi Ogaden, humna Kiyuubaa fi meeshaa Sovietirraa liqiidhaan argatetti gargaaramee ittisa irratti deebisee ture. Sana dhaadachuu isaa ti. Ummanni yeroo sanatti miila qofa osoo hin tahin garaacha fi qaamni isaallee duwwaa yoo deeme dhimma isaa akka hin tahin agarsiisa.
 
Wayyaaneen dhuftee akka angoo qabatteen Meles Zenawi murannoo qabu yoo himu Ummanni Tigray lammata akka hin beelofne murteeffannee jirra. jedhe. Sana yaaduun isaallee waan hamaa miti. Yeroo sana akka mataa Ethiopiatti jira. Ummatoota biraa kan weeraran sanaaf illee silaa itti gaafatama qaba. Sanilleen haa hafu. Garuu taadhummaa (productivity) Tigraay ol kaasuudhaan osoo hin tahin ummata kaan saamuudhaan Tigray badhaasuu tahuu isaa-tu nama yaaddeessa.
 
 
Dhugaan jirtu ammo, maqaa ummata Tigrayin haa saaman malee Tigraay irraa beela hin balleessine. Wanni sodaatames hin hafnee, Oromiyaan beela agartee hin beeyne fi naannooleen biroos hiriira kadhattootaa seenan.
 
Imaammanni Wayyaanee ti fi kan warra dabraniitis biyyaa irraa beela ittisuu fi achumaanuu guddina fiduudhaaf tarsiimoo waan hin qabneef, beelti ammaa amma deddeebitee dhufte. Mallasis faraqaa ufii yoo dhaadatu Nuti beela biyya seente akka mootummoota nu dura taranii osoo hin dhossin daddaffiidhaan addunyaa hubachiifnee gargaarsa argamsiifnee jirra. jedhee dhoortoo-dhaan warra isa duraa akka caalu saalfii malee labsate.
 
Beelti Ethiopia keessatti deddeebitee yoo dhuftu waanuma uumaa kan jalaa bahuun hin dandayamne fakkaattee namoota fi gareelee hedduutti mul’achuun ni mala. Kun dhugaa irraa fagoo dha. Qaalominni midhaanii kan amma uumame kun silaa hiree qotataan Ethiopia keessa jiru ittiin duroomuu malu malee, kan mootummaan murna Wayyaanee ogummaa dhoortoodhaa tan gammoojjii Tigray irraa jalqabdee moyxeeffatte, itti addunyaa agarsiifattu hin turre. Kana mirkaneessuudhaf fakkeenya tokko qofa fudhanna.
 
Biyya Masri (Egypt) fi Ethiopia, data bara 2004-tin, wal bira qabnee laalla: lafa dhunfaa Ethiopia jala jirtu keessaa 80% caalaatu oomishaaf (qonaa fi horsiisafis) taha; tan Masri ammoo 5% hin caaltu. Masri keessa laga tokko qofaatu yaa’a; Ethiopia keessa dhibbaan lakkaawama.
 
Heddummina ummataa fi bal’ina lafaa yoo walitti laalle Masri keessa lafa Kiiloo Meetir kaaree (KM2) takka irra nam 79 yoo jiraatu, Ethiopia keessa nam 67 qofatu jiraata. Oomishni Masri waliigalaa kan qonna irraa argamu 15.1% yoo galu  kan Ethiopia ammoo 46.9% tu qonnarraa dhufa.
 
Ummanni Masri 58% yoo baadiyyaa jiraatu kan Ethiopia keessaa 84% tu baadiyyaa jiraata. Inni baadiyyaa jiru hujiin isaa qonnaa fi horsiisa tahuun ifaa dha. Inumaayyuu addunyaa keessaa qotataan irra ciminaan hojjatu kan Ethiopia akka tahes ni dubbatama. San bira taree Afrikaa keessaa lakkoofsi loonii lakkoofsa namaa-tin yoo hirame kan irra guddaa Ethiopia keessa akka jirutti himama.
 
Gaaffiin namuu gaafachuu qabu ummanni 58% lafa qonnaa 5% hin caalle irraa oomishee yoo beelti Masri hin jiraanne, ummanni 84% lafa qonnaa 80% caalaan oomsihaaf toltu irra hojjatee, idda silaa gatii ol kaate tanaan akka warra benziina baasuu duroomuu, akkamitti beelawa? Kun waan uumaa-dhaa akka hin tahin ifaa dha.
 
 
Gabaabaamatti, mootummoonni itti wal dabranii Ethiopia bitaa turan qotataa Ethiopia akkaatuma waan inni oomishu itti harkaa saaman malee, akkaataa inni oomisha isaa itti guddisu takkaa yaadanii hin beekan. Sana birayyuu taree Oromoo fi ummatoonni biraa kan weerarame, lafti isaa tan gamtaadha qabaachaa ture irraa saamamtee warra horii qabuf hiramuun haala kana ni hammeesse.
 
Wayyaaneenis karoora kana ittuma fuftee qotataa tax/gibira humnaa olii irra kaayuudhaan, dikee/xa’oo yeroon itti dabarte tan lafa masheensitu dirqiidhaan gatii hin malleen bichisiisuun, warra summii lafa raphee ilillii magarsuuf fi warra mana irratti ijaaruuf lafa gurguruu hujii taasifattee jirti. Wanni achi  irraa galu ammoo humna waraanaa fi tikaa miliyoona gayu, kan saamichaa fi qabsoo ummataa ukkaamsuu  irratti bobbaheen, jiraachisuu fi kaan baankiilee biyya alaatti godaanaa jira.
 
Egaa, hamma sirni fi mootummaan ummataaf hojjattu gadi dhaabbattutti, roobaa fi gatiin midhaanii cabuunis ummatoota Ethiopia bal’aaf waa takka jijjiirraa fiduudhaaf hin ta’u. Inumaayyuu dhaloota dhufuuf liqii kaffalamuu qabu walitti kuusaa-dhaa jira malee.
 
Addi  Bilisummaa Oromoo sagantaa isaa lakkofsa 6, (tuqa-jalee takkaa hamma torbaatti) diinaggee guddisuudhaaf; abbummaa, sirna fi seera dhimma-bahiinsa lafaa, akkasuma qabeenya uumaa-dhaa kan biraa (dhaloota ammaa ti fi kan hegeree-tifis akka tolutti) akkaataa dhimma itti bahamu, qabeenya dhuunfaa fi kan gamtaa, magaala(gabaa) walaba, seera qabeenyaa kan nam-tokkee fi murnaa; dabrees kan tax/gibira mootummaaf galuu qabuu ifaa tahe qaba.
 
Sirna akkasii hujii irra oolchuudhaaf sirni Wayyaanee, kan kaayyoo diinaggee saamichaa fi kadhaa irratti hundoofte dhaalee gabbisee geggeessaa jiru kun, karaa tahe hundaan buqqifamuu qaba.
 
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof !!
Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net