Hagayya 18, 2008 - Miseensoonni maadhee LIIBAN AMUUMAA lakk. 1---7, tokkummaa sabaa, habruu guddoo, burqaa tirtiraa, furmaata bilisummaa (lakk.550 fi549), jaalataa biyyaa lakk.11, zoonii bahaa, falmattuu walabummaa fi laga saaqataa lakk.A04 jaltti ijaaraman walitti dhufuun haala QBO yeroo ammaa irratti marii ballaa erga godhataniin booda ibsa eejjannoo bafataniin
1. Tarkaanfii SH.G ABO namoota badiif dhaaba keessatti raawatan irratti fudhatte ni deeggarra.
2. Namoonni olola namoota kanaan sobaman atattamaan akka of sirreessanii gara qabsoot bilisummaa Oromootti deebi'anii dhaaba keenya ABO akka cimsaniif waamicha goona.
3. Ummanni Oromoo marti olola farreen kanaatti osoo gurra hin kenniin QBO tan duraanii caalaa akka cimsitan wamicha keenya dabarfanna.
4. Dhaba keenya Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hiriiruun qabsoo teenya hanga galiin geenyutti kan of duuba hin deebine ta'uu waadaa keenya ni haara'oomfanna.
5. Caasaa farreen kana saaxiluun qabsoo teenya balaa irraa baraaruuf ni hojjanna.
Maadheelee ABO biyya keessaa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
|