Sirni golessituu ABUT/TPLF-EPRDF, ammas maqaa ‘ayyaana Itoophiyaa’ jedhuun gaaffilee siyaasaa fi qabsoo mirga hiree murteeffannaa ummatoota biyyattii yeroof illee dagachiisuuf bashannanaa lallabaa jira.
Sirni hannaa siyaasaan guddate, hannumaan kooraa angorraa jiru kun, amma ammoo ‘ayyaana waggaa 112ffaa Injifannoo Adwaa’ jechuun, gaafa jalqaba Bitotteessa 2008-tti dhiichisa marsaa biraaf of-qopheessurratti argama. Sirnichi yaadannoo seenaa olaantummaa abbootii isaani kanas, kan ummatoota hafani illee laalu fakkeessuuf dhaadabboolee Itoophiyaa jedhan afuufaa jiran.
Bashanannan kabajaa ayyaana Adwaa jedhamu kunis, ar’aa illee osuma naannolee biyyattii akka Kibbaa Oromiyaa, Ogadeniyaa fi Afariitti ummatootni beelaa fi dhukkuboota dadabraaf saaxilamuun dhaabbatoota namoomaan gabaafamaa jiru kan ittiin bohaaran tahuun galmaa’e jira.
Koreelee ayyaanaa dhuma hin qabnee kabaja baananiif utubuu fi baajjata qarshii miliyoonotaa dhangalaasuun sirna nama-nyaataa kanaas hubatameera.
Akkuma lolaa fi Injifannoon Adwaa jedhamu kun Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biyyattii hin ilaalle, kabajaan ayyaan isaas, ummatoota kanneen biraatti bakka hin qabne. Sababni isaas seenaan achuma biyyattii sana keessatti kaabaa fi Kibbaa jidduuti seenaan ummatootaa adda addaa waan taheef.
Lolli Adwaa bara 1896, kan gartuun bicuu Wayyanee ittiin dhaadatu kun, lola Kolonii waan ture. Lolli Adwaa gaafa Bitotessa 1 fi 2, bara 1896, Lola olaantummaa, kan qabeenna lafaa dhunfachuuf fi ummatoota biyyattii kolonii ofiitti booji’uuf Minilik fi Musoliiniin irratti wal lolaan turan.
Lola sirnoota faashistummaa Xaliyaanii fi hattummaa siyaasaa Habashaa kan jalaba baatii Bitoteessaa bara 1896, kanaan kan harki caalaa ummatoota biyyattii irratti hiddii gabrummaa fi abbaa Irrummaa hiriyaa dhaalmayaan diriirfame jiruuf. Kana malees, aadaan dabaa kan loloota isaan hin ilaalleetti ummatoota fayyaaleyyii biyyattii maqaa Itoophiyaa jedhuun hiriirsuu ar’aa illee raawwatamaa jiru kan gaafas Minilikiin gad dhabbame tahuun falamsiisaa miti.
Bara 1896 Adwaatti jagnummaan kan Faashistoota Xaliyaanii kufisani kufan harkii caalaan ummatoota cunqurfamoo Kibbaa turan. Oromootni akka Gabayyoo Gurmuufaa kanneen Minilik irraa salphina dandamachiisan keessatti argamu.
Garuu wareegamaa fi gootummaa ummata Oromoo fi ummatoota Kibbaa gaafas baasan kan itti of faarse, badhaafamee, ittiin badhaadhe fi seenaan galmeeffameef dhaloota koloneffatootaa ture. Ar’as waggoota dhibbaa fi kudha-lama booda illee kunoo kan itti dhiichisuu fi dhaadatu isaanuma ta’e itti fufaa jira.
Wareegamni olaanaan Oromoo fi ummatootni maqaa Itoophiyaan baasaan kamuu kan deebi’e isaan miidhu malee, isaaniif hin oolle tahu seenaan kaleessaas ta’e ar’a ragaa dha.
Ar’as yeroo sirni Faashistii TPLF/EPRDF, ‘Injifannoo Adwaa’ jedhamuun akkuma sirnoota Habashootaa isaan dura turaniitti bashannanan, hireen ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biyyattii hafani ajjeefamu, saamamuu, hidhamuu, torchiin waadamuu, dhabamsiisfamu, biyyaa ari’atamu fi roorroo dhuma hin qabne tahuun itti fufee jira.
Kanaafu, ayyaani injifannoo Adwaa jedhamuu kun, gaafa ummatootni itti koloneffataman; gaafa bu’urri hidda sirnoota faashistii, abbaa irrummaa, hanna Siyaasaa, gooltummaa fi imaammata dabaa ummatoota cunqurfamtoota Itoophiyaa irratti gad dhaabbame ta’urraa, gaddaan kan yaadatamuu dha.
Waan ta’eef, ayyaanni injifannoo Adwaa jedhamu kun kan ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biyyattii ilaallatu hin taane.
Koloneffataa ofirraa cabsuuf fi hundeedhaan buqisuuf, guyyaa sabboontotaa fi nagaa jaalattootni biyyattii itti waadaa falmaa itti haaromfatan, qabsoo waliitti qindeeffatani fi lola bilisummaa isa injifannoo dhugaa kan mataa isaani mirkaneeffatuuf qabsicha finiinsan ta’u qaba jenna.
Kun Ejjennoo Adda Bilisummaa Oromoo ti!