Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Arsii Lixaatti jiraataa magaalaa Shaashamannee ganda 08 kan tahan sabboonaan Oromoo Sheek Alii Baraartii dararaa mootummaa wayyaaneen ajjeefaman.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 2,2008) Magaalaa Shaashamannee jiraataa ganda 08 kan tahe Sabboonaan Oromoo Sheek Alii Baraartii Oromummaa isaaniin yakkamanii dararaa mootummaan wayyaanee yeroo gara garatti irraan gahaa tureen miidhamanii lubbuun akka dabaran baramee jira.

Sheek Alii Baraartii  mootummaa gabroosaa wayyaaneen qabamanii manneetii hidhaa sirnichaa kanneen akka Ma'akalaawii, Qaallittii fi bakka biroo keessatti ganna 8 guutuuf dararamaa akka turan odeessi nu gahe ni mirkaneessa.

Sirni awwaalcha isaanii ammoo bakka maatiin, hiriyoonni fi ummanni Oromoo dhibbootaan lakkaawamu argametti raawwatamee jira.

Maddi Oduu ABO fi Sagaleen Bilisummaa Oromoo maatii, hiriyoottanii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwaa lubbuu isaaniif ammoo rabbiin jannata haa kennuuf jedha.

************** 

 

Godina Harargee Lixaa keessatti barattoonni Oromoo manneen barumsa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa haala QBO irratti mari'atan. 

(Madda Oduu ABO/MOA/ Adoolessa 2,2008)Godina Harargee Lixaa keessatti barattoonni Oromoo manneen barumsa sadarkaa gara garaa barataan Waxabajjii 29/2008 barumsa isaanii erga xumurataniin booda dirqama qabsoo bahuuf walitti dhaammatanii jiru.

Marii godhataniin booda ibsa ejjennoo qabxiilee gara garaa qabu baafataniin, QBO ABOn durfamu cinaa hamma wareegama lubbutti ni dhaabbanna jedhan. Barattoonni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessatti argaman hundi yeroo booqannaa isaaniitti waan dandeettii isaaniin qabsicha akka jabeessan yaamicha godhaniiruuf. 

Sochiin barattoonni Oromoo biyya keessa fi alatti godhaa jiran jajjabeessaa waan taheef daran cimee akka itti fufu dhaammanna kan je'an barattoonni Oromoo Godina Harargee, duguuginsa sanyii mootummaan wayyaanee bakkoota gara garatti ummata Oromoo irratti raawwataa jiru cimsanii balaaleffatan. Ilmaan Oromoo dantaa yeroof jecha biyya keessaa fi alatti diina tajaajilaa jiran gara qabsoo haqaa ummanni isaanii godhaa jirutti akka deebi'anis gaafatanii jiru.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net