(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 10,2008) Burqaaleen keenya akka gabaasanitti ergamaan wayyaanee perezdaantii Yuunversitii Madda Walaabuu tahe lukkeen wayyaanee Awwal Abdii je'amu kan yeroo dheeraaf barattoota Oromoo dharaan ajjeesisaa, hiisisaa fi barumsa irraa ariisisaa ture hujii irraa kaafamee jira.
Hujii irraa kaafamuu ergamaa kanaaf sababaa kan tahe barattoota Tigree lama barumsa irraa ari'uu isaatiin jedhameera. Dabballeen wayyaanee Awwal Abdii je'amu kun dhimma Yuunversitii kamuu keessa akka hin seenne akeekkachiifamuu isaas odeessi kun dabalee addeessan.
Namni kun duraan wayyaanee biratti of jaallachiisuuf barattoota Oromoo irratti yakka hojjetu illee, dhuma irratti lammii Tigraayitti bu'ee waan argameef, ari'amuu danda'eera. Kunis kan mul'isu wayyaanotni imaammata loogummaa akka hordofanii dha.
**********
Gootowwan barattoota Oromoo Koollejjii barsiisota Roobee alaabaa gabroofattuu wayyaanee sassabanii ibiddaan guban.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 10,2008)Maddeen keenya naannicha irraa akka gabaasanitti, barattoonni Oromoo Koollejjii Barsiisota Roobee guyyaa kabajaa alaabaa wayyaanee je'amee qophaayame irratti alaabicha hirameef ibdaan daaressanii jiru.
Wayyaanotnii fi ergamtootni isaanii guyyaa eebba barattootaa waliin walqabsiisanii guyyaa alaabaa isaanii akka kabajaniif itti qophaayanis itti hin milkooyne.
Barattoonni Oromoo alaabicha hirameef walitti qabuun ibidda itti qabsiisanii sirboottan qabsoo leellisan dhageessisaa akka oolan odeessi kun dabalee addeessa.
Gama biroon Godina Arsii Lixaa naannoo Gadab Asaasaa keessatti kabajaa guyyaa alaabaa wayyaanee ummanni bahee kabajuu diduun walqabatee ergamoonni wayyaanee wal nyaachaa jiru.
***********
Maqaa investimentiin Oromootni biyya alaa irraa sirna wayyaanee jalatti galan saamamaa jiraachuu maddeen gabaasan.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 10,2008)Akka maddeen oduu keenyaa gabaasanitti, maqaa biyyatti deebi'anii lafa fudhachuun biyya misoomsuu jedhuun Oromootni biyya alaa irraa wayyaaneen gowwoomfamanii biyyatti deebiʼan qabeenya isaanii saamamaa jiran.
Qabeenya namoota kanaan kuufame birokiraasii wayyaaneen saamamaa jira jedha oduun nu ga'e.
Akka fakkeenyaatti namni Jamaal Abdullaxiif jedhamu Baankii Adaamaa irraa birrii 200,000 baafatee osoo deemuu humnootni tikaa sirna wayyaanee karaatti ukkaamsuun akka irraa saaman maddeen keenya ifa godhaniiru. Namni kun erga saamameen booda harka qullaa akka meeshaa cabee darbatamuun isaas ifa ta'eera.
Gochi akkasii kun bakka adda addaatti muml'achaa jiraachuu maddeen ibsaa jiran.
**********
Godina Gujii Ona Adoolaa keessaa basaasaan wayyaanee barattootaa fi sab-boontota Oromoo rakkisu tokko saaxilame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 10,2008)Basaasaan wayyaanee Dheekkamaa Baallii jedhamu Godina Gujii Ona Adoolaa keessatti barattoota Oromoo fi sab-boontota basaasee hojii diinummaa irratti raawwachiisaa jiraachuun isaa saaxilame.
Basaasaan Dheekkamaa Baallii jedhamu kun barattootni akka miseensa dhaaba jalee wayyaanee OPDO ta'aniif hojii farrummaa irratti hojjechaa jiraachuun isaas ibsameera.
Barattootni miseensummaa dhaaba jalee wayyaanee ta'uu waan didaniif basaasaan kun diinaan akka hiraarfaman shira irratti xaxaa akka jirutu gabaafame.
Namni kun gocha isaa diinummaa kana irraa daddaffiin hin deebi'u taanaan tarkaanfiin kan isa eeggatu ta'uun akeekkachiifame.
***********
Sab-boontonni Oromoo maadheelee garaa garaa jalatti ijaaraman haala QBO irratti mari'atanii ibsa ejjennoo baafatan.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 10,2008)Imaan Oromoo maadheelee Baalee Gadab Laga akkoo, Biqiltuu Bilisummaa, Raayyaa fi Faarachuu jalatti ijaaraman bakkoota adda addaatti walgahii godhatanii haala QBO ABOn gaggeeffamaa jiruu irratti mari'atan.
Sab-boontonni kunniin ibsa ejjennoo baafataniin, gochaa diinumaa wayyaaneen ummata Oromootti saboota biroo dulchisee ficcisiisaa jiru cimsanii balaaleffatan.
Dhumaatii Godina Wallagga bahaa keessatti qindoomina wayyaaneen Gumuzoootaan Oromoo irra ga'e addunyaan akka qoratuu fi wayyaanee irra dhiibbaa kaa'an gaafataniiru.
Dhaaba keenya ABO jajjabeessuuf beekumsa, qabeenyaa fi hanga lubbuutti cina dhaabbannas jedhan.
Shira Diinni QBO ABOn durfamu irratti xaxu akkuma duraanii dura dhaabbannee ni fashalsina jechuun maadheleen kanneen beeksisaniiru.
|