Ijoo Dubbii (ABO)
Ammajii 27, 2008
Waltajjiilee kutaalee Amerikaa gara garaa keessatti yeroo ammaa haasawa godhaa jiraniin, Obbo Seyyee Abrahaa ‘Itoophiyaatti manneen hidhaa Oromiffaa haasa’u’ isaani, ragaa seenaa bahuun galmaa’ani jiru.
Itoophiyaatti jumlaan hidhamuu Oromoo laalchisee ragaaleen galmeelee iyyannoo hedduuni fi ragaan namootaa keessaa fi alaatti kan argaman ta’u illee, sababaa Obbo Seyyeen ragaa seenaati jennuufiittu jira.
Obbo Seyyee Abrahaa, qaama bu’uressitoota dhaabaa fi sirna nama-nyaataa Wayyaanee-adda Bilisummaa Ummata Tigray (ABUT-TPLF/EPRDF) keessaa nama tokko turan. Kana malees Obbo Seyyeen miseensa politbuuroo ABUT/TPLF fi hammaa hidhamaniitti ministera Ittisa sirna faashistii Mallas Zenaawiin durfamuu ta’ani sirnicha tajaajilaa turan. Hooggana sirna farra ummatoota Itoophiyaa turan. Mootummaa ummata Oromoo akka sabaatti itti diinneffate, akka bineensa daggalaatti adamsaa as gaheetti warra mataa turani dha.
Akka ragaa addaa kanaatti, hidhamtootni mana hidhaa Qaallittii dhibantaa 99 Oromoo dha. Manneen hidhaa kanneen keessatti Oromootni murtii seeraa tokkoon maleetti barootaaf dabaan ukaamfamani ittifamaa jiran kun, hidhamtoota ta’u bira dabranii, gara hawaasa hidhamaa Oromootti cehani jiru.
Hidhamtootni Oromoo kun, daa’imman, haawwan, shammarran, dargaggoota, hojjatoota, qonaan bultoota, horsiisee bulaa, maanguddoota, abbootii fi haadhoti warraa, hayyoota, ogeeyyotaa, sabboontotaa fi Oromoota qaama hawaasaa sabichaa tahan hundumaa kan keessatti argaman tahuunis kanuma waliin himameera. Haala fokkisaa kana ABOn balaaleffataa as gahe.
Dhugaan jirtu, haallii qabatamaan mana hidhaa Qaallittii akka kanaa oliitti Obbo Seyyee Abrahaa himan kun, manneen hidhaa Oromiyaa fi dabree ammo kanneen mootumama federaalaa jedhaman guutuu keessattu wal fakkaataa dha.
Haala jumlaan hidhamu Oromoo kanaatti keessatti kan hubatamu qabu, miidhaa ulfaataa fi daba ifaa jiru kan manneen hidhaa kanneen keessatti addaatti Oromoota irraan sirnichii geessisaa jiruu dha. Hawaasni Oromoo manneen hidhaa biyyattii keessatti barootaaf tortorfamaa jiran kun, haalota sadarkaa namummaa namaa tuqan kan dabalatu tahuun galmaa’e jira.
Hidhamtootni kun wal’aansi itti waakkatamuun, dhibdeelee gara garaan dhumaa jiraachuu, nyaata dhabuu fi torchiin waadamaa jiran. Hidhamtootni hedduun hammaa qaamaa fi qalbii hir’ifamuu geessifamuu fi hedduun biro ammo ajeechaa dabaan hin dhagahamneen lafarraa duguugamaa jiran. Hidhamtootni jawwee Kenyaa fi kibbaa Afrikaa irra bitameen waliin mana tokko keessaa jiraachifamuun gosa toorchii sirna TPLF/EPRDF keessaa isa tokko ta’e beekkama. Hunduma acaalaa kan nama dhibu garuu, sirni TPLF/EPRDF kutaa qorannoo yakkaa caasaa isaa manneen tohannoo fi hidhaatti diriirfame jalaatti birkiin addaa hidhamtoota dhibdee baraa HIV/AIDS dhaan faalu utubuun hujiitti bobabasuu dha. Dhugumaatti sabboontotni hedduun ABO waliin shakkamani hidhaa wayyaanee turan harkii caalaan dhibdee kanaan faalamuun galmaa’eera. Faashistummaan TPLF/EPRDF ummata bulchurratti hojjate seenaa keessatti kan hiriyaa qabuu miti.
Ar’a Oromiyaan mana hidhaa akka Qaallittii, ammo irraa bal’aa ta’u isaa Oromootni tolchanii beeku. Laakofsii Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf biyyattii sana keessatti sirna Wayyaneen jireenyi itti waakkatamee hidhaatti tortorfamaa jiran kan ummata kami iyyuu caalaatti guddaa dha. Oromiyaa qofaatti Oromootni 25, 000 ol hidhamuun sirnaan galmaa’eera. Manneen hidhaa federaalaa jedhaman ammo Oromoota qofa 10, 000-15, 000tti ta’u ukaamsee hiraarsaa akka jiru ni beekama.
Ummatootni biyyatti daba addaa Oromoota irratti deemaa jiru kanaa callisani laaluun dogoggora seenaa ti. Lammiileen biyyattii sirna nama-nyaataa TPLF/EPRDF ummatoota lafarraa duguugaa jiru kanaaf hiree kana caalaa ittiin isaan miidhuu kennuufiinis badii dha. Hayyoota, sabboontotaa fi dhaabotni walabni mirgoota ummatootaaf dhaabbatan haalota kanneen dura dhabbatuuf dirqama seenaa qaban. Sirna faashistummaan cuuphame TPLF/EPRDF karaa nagaa, haasawaa fi marii waliinii ta’ani jijjiiramaa dhugaa fi buqqaasaa ummatoota, biyyattii fi naannichaaf fidna jechuun abjatuun bu’aan isaa gaabbuu qofaati.
Fallii jiru, afaan takkicha sirna Mallasiif galuun dubbatani furmaata dhugaa argachuu dha. Kunis, humna fakkaataa tahuu dhaan, sirna fashistii TPLF/EPRDF akka deebi’e hin kaaneetti awwaalu danda’uu dha.