Dabaan Yakkamuu Hoggantoota Qindoominaa Irratti Labsa TBD
Waxabajjii 14, 2007 (TBD) - Woggootii 16 dabran ummatoonni Itoophiyaa sirna abbaa-irrummaa Wayyaanee jalatti dararamaa turaniiru. Dhiitamuun mirgoota namoomaa, faalleffamuun sirna seeraa, wolumaagalatti mirgoonni dimokraasii kan bu’uraa, kan akka manni seeraa raawwachiiftota taytaa siyaasaa irraa walaba fi bilisa ta’uu, akka gonkuma hin jirre jaarmonni tika mirga namoomaa akka gaaritti galmeessanii jiru. Dhugaan fokkataa fi qaanfachiisaan kun mootummoota dhihaa kaneen afaanin birmadummaa fi dimokraasii faarsaa mootummaa deeggarsa ummatoota biyyattii hoongaye kanaatti arjoomanii isa jiraachisaa jiran irraa dhokataa miti. Haalli biyyaa kan akkanaan yeroo dheeraaf bulbulamaa ture Filmaata Caamsaa 2005 kan ummatoonni biyyattii lakkoofsa wayyaba ol’aanaan diddaa mootumicha irraa qaban itti agarsiianiin booda daranuu jeeqama hamaa keessa lixe. Mootummaan ummatootaan balfame kun garuu fedhii ummatootaan alatti meeshaa humnaa harkaa qabuun aangoo irratti of tiiksaa jira.
Tumsi Bilisummaa fi Dimokraasii (TBD) himata dharaatin yakkamuu hoggantoota Qindoominaa gadi-jabeessee balaaleffata. Murtiin dabaan kun kan fedhii siyaasaa shiraan guuttachuuf tasaa fi karaamalee mana murtii dharaatin fudhatame kun mallattoo abbaa-irrummaa mootummaa Wayyaanee guutummatti kan mirkaneessuu fi abdii kutannaa isiin keessa jirtus kan agarsiisudha.
Kana gubbatti, tarkaanfiin gara-nyaattii malee ummata Ogadeen meesha-maleeyyii irratti xiyyaafatee fudhatamaa jiru, hidhaan naannoo Oromiyaa, Sidamaa fi Amaaraa keessatti barsiistotaa, barattoota fi ogeeyyota akkasuma ummata nagayaa irratti raawwatamaa jiru, wolumaagalatti gochi shororkeessummaa wayyaaneen uumame haala biyyattii sodaachisaa fi kan dingata dhuka’uu danda’u taasisee jira.
TBD karaan gaariin hacuuccaa biraa ykn ammas seera fedhii ofiif dabsuuf dharaan namoota nagayaa yakkuu osoo hin ta’in daddaffiin kora humnoota dhimmi biyyattii nu galcha jedhan hunda wolitti fidu yaamuun marii godhanii nagayaan sirna ce’uumsaa kan kana irra haqaa fi dimokraatawaa ta’e woliin saaquudha. Rakkoolee Itoophiyaa danqanii hudhanii qaban karaa nagayaan furruuf yaalii heddu kan armaan dura godhame hunda kan fashalsiise “dhaabaddhuu” diddaa Wayyaaneeti. TBD yeroo cittee kan irra darbuun hin danda’amne irra waan ga’ameef badii dhufuu maluuf kan itti gaafatamu Wayyaanee qofa ta’uu akeekkachiisaa karaa maraatinsaa kana irraa akka of duuba deebitu yaada dhiyaate akka fudhattu akeekachiisa.
Hawaasni addunyaa hoggantoonni CUD fi hidhamtoonni siyaasaa hundi daddaffii fi haal-duree malee akka gadi lakkifaman Mootummaa Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhu yaamicha gochaa yaamicha nagayaa fi araara waaraa haasa’an argamsiisuu godhameef akka fudhatus gaafata. Mootummaa kana yakka abbaa-irrummaa inni raawwachaa jiruuf gaaffitti dhiheessuuf gaafatamani duraa kan ummatoota biyyattii ta’us deeggartoonni mootummichaa obsi ummataa dhumachuu fi kanaan booda afaan qawweetinis bitamuuf akka hin jirre hubachuu qabu.
Yeroo dhipphinaa fi qorumsaa kana keessatti miseensonni TBD hoggantoota CUD kan dabaan yakkamanii fi hidhamtoota siyaasaa kanneen manoota hidhaa Wayyaanee kan dhoksaa fi kan gara garaa biyya guutuu keessatti daramaa jiran hundaa wojjiin dhaabbachuun ejjannoo isaa ta’uu ibsaa firoottan isaanii hundaaf harka mararfannaa itti hiixata.
Qabsoon bilisummaa fi dimokraasii Itoophiyaa keessatti ni milkaaya!
Tumsa Bilisummaa fi Dimorkaasii (TBD)