Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Shira wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti xaxaa jiru

Adooleessa 15, 2006 Shira wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti xaxaa jiru Oromoon irratti dammaqee fashaleessuun tokkummaan diina tokkoffaa wayyaanee fi lukkee irratti eeboo isaa naanneeffachuu qaba!

Wayyaanonni Yeroo ammaa kana waan hundumtuu karaa hundaan yeroo too’annoo isaanii jala bahee jiru kanatti umurii bittaa isaanii dheereffachuuf jecha, wayyaaneen sabaa fi saba; obboleessaa fi obboleessa; abbaa fi ilma walitti naquu toftaa uumurii dheereffaannaa godhatanii bal’inaan socho’aa jiru. Haaluma kanaan yeroo ammaa kana Somaalee fi Oromoo gidduu, naannoo siraarootti Oroomoo fi warra kibbaa gidduutti, booranaatti waraana obboloota Gujii fi Booranaa idduutti adeemsifamaa jiru akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’hama. Haaluma kanaan, Godina baalee keessatti ilmaan Oromoo baalee fi ilmaan Oromoo Shawaa godina kana keessa jiran walitti naquudhaan faayidaa polotikaa argachuuf yeroo ammaa kana kittillayoota wayyaaneen shira guddaatu hojjetamaa jira.

Shirri kunis yeroo ammaa kana kan hoogganamaa jiru itti gaafatamaa waajjira dhimmaa daangaa Godina Baaleettiin yammuu ta’u, namichis yeroo ammaa kana aanolee baalee keessatti argaman irra deemuudhaan namoonni shawaa wayyaanee jala seenuudhaan uummata arsii fi baalee irraatti shira hojjechaa waan jiraniif ilmaan Oromoo dhalootaan Shawaa as keessa jiran nuy immoo dhabamsiisuu qabna jechuudhaan namoota wal irraatt dadammaqsaa akka jiru oduun naannoo sanaa nu qaqqabe ni ibsa. Sababa kanaan kan ka’e yeroo ammaa kana aanaa Robee, Ginnir fi Adaabbaa keessatti waraansi obbolaa lamaan idduutti yeroo gababaa keessatti ni ka’a kan jedhamu soda ni jira.

Kanaafuu, yeroo ammaa kana irree gabroonfattootaa cabsuuf yerootti sabaa fi sablammootni waliin ta’ee irree jabeeffachaa jirutti obbolaa lamaan walitti naquudhaan dantaa siyyaasaa argachuuf warra akka saree marattee olii fi gadi fiiganitti dammaquudhaan uummatni Oromoo hundi rakkoo jiru hundaa keessatti wal dandae’e irreesaa wayyanee fi ergamtoota isaa OPDO irratti akka kaasu, sabni gabrumaa wayyaanee gidiraa argaa kan jiranis kanuma beekanii hubannoon akka socho’an atattamaan dhaamsa kana irra deddebitanii akka qilleensa irra oolchitan. Keessumaa dargagootni fi Barattootni kana beekanii namoota maatii tokko walitti naquuf socho’an akka of irraa deebisan dhaamsa atattamaa nuuf dabarsaa.

Gadaan gadaa bilisummaa ti!

Injifannoo ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net