Bitoteessa 14, 2006 (Oromiyaa) - Odaalee kabajaamoo fi gurguddaa godina jimmaa jiran keessaa inni tokko Odaa Battee kan aanaa Qarsaa naannoo magaalaa Sarbootti argamu dha. Odaan kun kan waggaa hedduu jiraateef uummata oroomoo biratti bakka araaraa iddoo yaa’ii fi bakkaa tuman itti tumamu yoo ta’uu daandii Finfinnee-Jimmaa cinatti kan argamuu fi bara Xaaliyaan daandii sana hojjetanitti daandiin irra ba’ee Odaan kun akka muramu yoo murteeffamu abootiin ba’anii “Kun muka miti;Odaa dha malee,muruun isiniif hin ta’u” jechuu dhaan dhorkataanii ganna/waggoota 70 ol kan tiksanii itti fayyadamaa turani dha. Dandii finfinnee-Jimmaa bara kanaa waggaa 70 booda yeroo haaromfamee ijaaramaa jiru kannatti hoggeessotni daandii akka daandii irra ba’uu fi Odaan kunillee akka muramuuf murteessinaani.jiru.
Uummanni Oromoo naannoo sanii ammas kun muka miti ,inni mukaa oli dha; inni odaa dhaa dha;Odaan qabannaa ,itti qabaneeffaanna,kaanaafuu muruun’balleessuun isiniif hin ta’u jechuu dhaan uummannii aanaa qarsaa ganga Gellee ni dhorke.Odaa keenya muruun hin danda’amu jechuudhaan mormii isaa yeroo dheeraaf itti fufan.
Isa kana seera qabsiisuuf gara bulchiinsa aanaa qarsaa godina Jimmaa argamuutti iyyatan ;namni jalaa qabullee hin argamne;achii booda uummanni akka namni hin murreef ofii isaa eeguu itti fufe.Bulchaan Aanaa sanaa kan ofitti amanee hin beekne,gaaafii uummataa sanaaa achi dhiisee,tuffii fi ilaalcha gadi aanaa uummatasanaa qabuun human Poolisii ergee jarri daandii ijaartu sun aka muranii balleessaan ajaje.Odaan battees kan Umurii waaggaa dheeraa qabu murameetu bade.
Yaa uumata Oromoo kunoo ilaalaa,yeroo tokko bosona,yeroo biraa magaalaa keenya gubaa ,amma immoo uummata Oromoo hidhanii reebaniis ajjeesaanii fincila diddaa gabrummaa dhaamsuu dhadhabnaan har’a immoo anaa Qarsaa irrattii mararaa Odaallee otoo hin dhiisn balleessanii badaa jiruuttii walitti dirmaannee warrittii kana ofirraa haa geggeesinu.
Ummanni ganda keenyaas bakka Odaaan kun murametti tajaalla kamillee akka dhaabus asumaan dhaamsa dabarfataa, badii Odaa keenya irra ga’e kanaa uummanni Oromoo bakka jiruttii akka yaadatu dhaamsa kenya nuuf dabarsaa.
Uumata Aanaa Qarsaa ganda Gellee irraa
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|