
Caamsaa 17, 2006 (Oromiyaa) - Barataan kun haftiin dhuka’aa summaa’aa sadii qaama isaa keessatti osoo hafee jiru, osoo akka malee madaa’ee osoo jiruu; mana yaalaa geessuu irra mana hidhaatti dararamaa jira. Barataa balaa hamaa ta’e jedhamee shira Wayyaneen miidhamee kun erga gaafa Jimaataa 11/05/06 tii osoo inni jiraachuu isaa illee hin beekiin, fayyaan isaa maal irraa akka jiru akka quba hin qabne godhamnee jirra. Bulchiinsi yuniversiitichaa barattoonni ijoollee Oromoo mucicha yaalchisuuf gara hospitaalaa geessan poolisoonni akka duukaa bu’anii to’annaa jala oolchan erga goosisee booda, hanga har’aatti nageenyi mucaa kanaa maal irra akka jiru wanti beeku tokkollee hin jiru. Council barattootaa irratti dhiibbaa gooneen mucaan kun yoo xiqqaate jiraachuun isaa akka nuuf ilaalamu jennee isaan illee akka hin argine dhorkamanii jiru.
Himataan poolisii haala ta’e kana keessatti gaafa wiixataa barataa akkana miidhame otoo barattootatti hin argisiisiin dhoksaan mana murtiitti dhiheessanii, barataan kun waan Oromoo ta’e qofaaf poolisiis ta’ee abbaan alangaa “barataan kun dhuka’aa baatee mana kitaabatti erga galee booda dhukaasuuf sodaatee bahee otoo deemuu isa harkatti dhohee isa miidhe“ jedhani malee raga qabatamaa tokko illee hin arganne. Wayyaaneen duraanuu shira isheen uummata irratti hojjattee akkuma uummatatti qabachuu barte ammaan kana wanti isaan jechaa jiran“ Barataan kun hanga amanutti yookaan ammo nama gochaa kana guyyaa saafaa sana irratti raawwate himutti qaamaa kamitti illee hin agarsiifnu, hin gadhiisnu jedhanii jiru. Barattooni Oromoo yuniversiitichaa kana dhagaahan Kibxata ganama barataa kana kan qabee poolisiif laate bulchiinsa yuniversiitichaa waan ta’eef akka har’a nuuf gadhiisisee moonaa keessatti arginuu fi muccichis akka yaalamu, yoo kana ta’uu baate tarkaanfii dandeenyu cufa fudhachuuf akka of duuba hin deebinne yuniversiitichaaf ibsinee 4:00pm eegnee mucaan akka hin gadhiifamne hubannee barattoonni Oromoo yunivarsiitichaa kaleessa sa’aa 4:30pm hanga 6:30pm tti dhaaddannoolee adda addaa qabachuun hiriira baahanii foonaa yunivarsiitichaa naanna’uun dhaadannoo dhageessisuun dhuma irratti afoo bulchiinsa yunivarsiitichaatti walitti qabamanii dhaadannoolee armaan gadii dhageessisaa oolan:
Ø Barataan Isheetuu Nugusee nuuf haa gadhiifamu!
Ø Yakka malee hidhamuun haa hafu!
Ø Oromoo ta’uun yakka miti!
Ø Orommummaan nama hin hiisisu!
Ø Bulchiinsichi Oromoo dhaaf hin dhaabbanne!
Ø Eenyummaan keenya nuuf haa kabajamu!
Ø Mirgi keenya nuuf haa eeggamu!
Ø Wabii jireenyaa hin qabnu!
Ø Mirgi wabii isaa haa eeggamuufi!
Ø Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa kennamu! fi kkf jechuun sa’aa 2:00 dhaadatanii dhuma irratti poolis koomishinarii naannoo Tigiraay, security naannichaa, bulchiinsi yuuniversiitichaa fi council barattootaa dhufanii ammallee jibbinsaa fi tuffii nurraa qaban erga nutti agarsiisaniin booda cirumaa mucaan odeeffannoo hanga hin laannetti akka hin gaadhiisne nuuf himan. Nuti ammo barattooni Oromoo yunivarsiitii Maqalee:
1. Haala irra jirru kana uummanni Oromoo nuuf hubatee gumaa keenya akka nuuf bahu irra deebinee waamicha goona.
2. Wayyaneen tooftaa dhaantee maqaa dhaadhesitu yakkamaa gochuutti jirtu hubatee Oromoon damaqinaan haaloo bahuufi diina of irraa faccisuuf of qopheessuu qaba
3. Qaama Oromoo ukkamsuu barbaadu kan finciluuf mormu cufa ni deeggarra, isaan waliinis ni hiriirra
4. Dargaggoonni Oromoo jala deemtuu diinaa ta’an yeroon Oromoota haqaaf qabsaawanitti makamanii dirqama isaanii akka bahan waamicha goonaaf!
Gadaan Gadaa Billisummaa ti!!
Injifannoon uummata Oromoof!!
Waldaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yunivarsiitii Maqalee(WTBOYM)