Wal – gahiin Ummataa London UK keessatti gaggeeffame!
Sambata, Hagayya 19, 2006 Wal gahiin ummataa magaala London keessatti bifa ho’aa fi gammachiisaan gaggeeffamee jira. Wal gahii kana kan qopheessan deggertoota ABO fi gurmuu hawaasa Oromoo biyya UK ti. Wal – gahiin ummata hirmaatchisuun gaggeeffame kun, waaree duuba sa’aa 4:30 irraa hanga halkan walakkaatti ture.
Dhimmooti irratti mareen tahes:
- Dhiittaa Mirga namoomaa laalchisee, Fincila Diddaa Gabrummaa Ummatni Oromoo yaroo ammaa itti jiruu fi hirmaatnaa dargaggoota Oromoo biyya UK,
- Haala bilbiltuu Gaanfaa Afiriikaa yaroo ammaa fi sochii qabsoo Oromoo,
- Ijaarsa Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Addi Bilisummaa Oromoo qooda keessa fudhate ture.
Ibsaa fi mareen bal’inaan ka gaggeeffame oggaa tahu, guyyaa kana biyya Ingiliziitti argamuun ibsa ka kennan, Miseensa Gumii Saba ABO, Damee dantaa Alaaa ABO keessatti gaafatamaa haajaa dipilomaasii kan tahan Dr Taaddasaa Eebbaa ture.
Waldaa Dargaggota Oromoo biyya UK bakka bu’uun jaal ibsa godhe, haalli dargaggootni Oromoo biyya keessaa maal akka fakkaatuu fi nuti warreen biyya ambaa jiraatnu leeyyoo fi shakkii tokko malee, dargaggoota keenya biyya keessa haala hamaa keessa jiran bira bifa kamiinuu bira dhaabbatchuun barbaadchisaa fi dirqama seenaa tahuu gad – fageenyaan hubatchiise. Dargaggootni Oromoo biyya keessaa guyyaa gaafa bosonni Oromiyaa gubate ibidda irraa dhaamsuuf duulan irraa eegalee, qabsoo eenyummaa isaanii seenaa Oromoo keessatti gad – dhaabanii jiru jechuun ibse.
Haala amma jiru keessattis, dargaggoota Oromoo irraa hirmaatnaan eegamu dachaa tahuu addeessan. Egaan oggaa warreen biyya keessaa diina dura dhaabbatchuun wareegama lubbuu kennan, nuti warri biyya ambaa jiraatnu maal tu nurraa akka eegama yoomiyyuu dagachuu akka hin qabaatnee fi bifa barbaadchisuu maraan Fincila Diddaa Gabrummaa cinaa dhaabbatchuun akka nurra jira jechuun akeekkatchiise.
Haala yaroo ammaa godina Gaanfa Afiriikaatti mumul’ataa jiru ilaalchisees bakka bu’aan ABO biyya UK, J/Liidiyaa Namarraa tartiiba qabsiisuun ibsa gootee jirti. Mootummaan Wayyaanee biyyoota ollaa keenya jiran mara keessatti bobba’uun, ofuma isaatiin nagaa ummatootaa booressuun akka waan ABO ummata nagaa dhorkateetti diraamaa xumura hin qabneen oggaayyuu dhiheessaa akka jiru dubbatte.
Itti aansee Dr Taaddasaan waayee ijaarsa Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii laalchisee ibsa bal’inaan kennaniiru. Ibsa kennan keessattis:
- Tumsi qabsoo mooraa mirmitoota humna siyaasaa keessatti barbaadchisaa tahuu,
- Warreen kanas bakka tokkotti walitti fiduun qindeessuun biyyatti keessatti nagaan waaraa akka gad – dhaabbatu gochuun murteessaa tahuu,
- Feesisuun Tumsa kanas qabsoo ABO keessatti haaraa akka hin turre/taane gad – fageenyaan addeessaniiru. Akka fakkeenyaattis, wal – gahiin bara 1993 biyya Farasna’i, magaala Paaris keessatti, isaan asittis, yaroo gara garaa humnoota adda addaa waliin nagaa fi Dimokiraasii dhugaa argamsiisuuf jechaa carraaqqii gochaa turuun,
- Nagaa waaraa akka bu’uuf jecha humna kamii wajjinuu hojjachuun barbaadchisa akka tahee fi kunis eenyumma keenyaa fi sagantaa keenya ka hin faallessine tahuu isaa ibsan.
- Ummata Oromoos tahe ummatootni ollaa Oromiyaaf nagaan fi tikni mirga namoomaa dursa tahuu hubatuun, Tumsi kun akka barbaadchise addeessan.
Waltajjiin maree banamee gaaffii – fi – deebiin bal’inaan erga gaggeeffameen booda, hirmaattotni sab – boonon ibsaa fi maree taheen gammachuu qaban ibsachuun gama isaaniin gumaacha irraa eegamu maallaqa baasuun hirmaattotni kaanis fakkii kana akka hordofan gaafatan. Sana booda, namuu duraa duubaan baasii ofirratti muran roobsuun deggersa qabsoo Adda Bilisummaa Oromoof qaban mirkaneessan.
Maayii irrattis, haala yaroo ammaa mooraa waraana wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo finciluun gara mooraa ummata isaaniitti dabalamuuf cabsanii bahuu isaanii fi keessahuu fakkiin Janaraala Kamal Galchuu fi kanneen isa waliin bahan tarkaanfii seena-qabeessa fudhatchuu isaaniif gammachuu itti dhagahame ummatni wal – gahicha irrati argame himee jira. Warreen mooraa wayyaanee keessa jiraniifis, fakkeenya seena – qabeessa kana akka hordofan dhaaman.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
IUOf!
London, UK