Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu
Wayyaanonni Humna ABO fi Oromoo Basaasuuf Toftaa Adda Addaa Dhimma Bahuuf Karoorfatan

1. Koreen tokko Caffee irraa, Zoonii L/Shawaa, Kaaba Shawaa fi Baha Wallaggaa(Horroo Guduruu, Wallaggaa) irraa Qindaa'ee Sababa Dargagoota Hojii hin qabne Naannoo Suulula Abbayaa keessuumaayyuu Nannoo Lafa duwwaa jiru naannoo Daangaa Qawoo(Guduruu), Jalduu, Gindabareetii fi Kaaba Shawaa Naannoo Goota Oromoo akka Agarii Tuuluuffaa iddoo Qabisaa'anitii, koreen tokkoo naannoo sana deemun qorannoo akka gageessu waajjiroota Oromiyaa keessumaa secteroota Misooma Baadiyyaa jala jiran irraa ijaaramee jira.

Koreen kun kan hojjetu rakkoo siyaasaa biyyittiin keessa galte bakka kanatti Oromoon bakkoota kana duubbee qabsoo hidhannoo godhatee biyya nurraa fudhata  shakkii jedhuu irraa akka ta´e xiinxaltooti siyaasaa dhaamu. Kanaaf :

a. Ilmaan Oromoo marti koree kanaf odeessa kennuu dhiisuun

b. Jaroota kana saree itti gad dhiisuun, Naata dhorkachuun, karaa isaan konkolaataan socho´an boolleessuun akka konkolaataan isaanii galgaltu gochuun, gargaaruu dhiisuun fi kkf

c. Haala sochii koree kanaa hordofuun bakka argamanitti tarkaanfiin akka irratti fudhatamu gochuun

d. Karaa gara dabarsuun balaa adda addaaf saaxiluun akeeki isaanii akka galma hin geenye irratti hojjetuun waan sabboonaa Oromoo mara irraa eegamu dha. Kana keessatti polisii fi waraanni ilma Oromoo Oromummaan itti dhagahamu cinaa ummata isaa dhaabbatuun tarkaanfii laalessaa namoota akka Oromoon humna hin taane  gaaffii Oromoo ukkamsuuf hojjetan kana, warra humna Oromoo miciliqsuuf hojjetan kana tarkaanfii harka lafa jalaan irratti akka fudhatuun qabsoo irraa hirmaatan sabboontonni Oromoo dhaammatu.

2. Sektera misooma baadiyyaa jalatti  Ulaa Misooma (Development Corridor) jechuu dhaan Naannoo Godina Harargeee Bahaa fi Lixaa, Baalee fi Booranaa keessaati Daandii Qorannoo tokkoo malee hojeechuuf projectoota harayaa (almost 16 Projects) socho'aa waan jiraniif dhimmii kunis rakkoo gama somaali irraa isaan mudate sochii ABO dirree bahaa fi ONLF (Adda bilisummaa Oogaadeen) wajjin waan walqabatuuf Dandiilee kan siritti addaan baasani Qorrachuun irraatti hojeetamu akka qabu akeekkatame dha. 

Kanas Ummatni Oromoo fi Somaali dhimma kana itti dammaqee

a. karaa, hulaa, odeessa naannoo beekaa haga daa´immanii hojjettoota kanaaf kennuu dhiisuun

b. tarkaanfiilee adda addaa fudhachuun akeeka projectoota kun dhaabbataniif fashalsuun basaasa of irraa dhorkun barbachisaa dha.

3. Gammachuu Tarkaanfii Kamaal irratti

Waa'ee Namoota akka Kamaal Galchuufa Nammona Gara QBO deebia'anii Ummata Oromoo duukaa akka dhaabatan Dhaabinii Hojeechuun isaa Saboonota Oromoo bayyee cimmisun Tokkoummaa Diina diiguun Walshakiif sooda isaan giduu waan naquuf hojii hojeeteme baayyee waan nama boonsuu dha. Waan nama caalmaat hojiif dirqama adda addaati nama kakaasuu dha. Baayyee itti Gammanee jira.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net