Onkololessa 29, 2006 (Oromiya) - Mallas Zeenaawwii paarlaamaa wayyaaneef gidduu kana haasawaa godhe keessatti ummata Oromoo irratti duula bal’aa banuuf sagantaa bal’aa akka qabu ibsuun ammas dhaadachuu itti fufee jira. Haasawaa isaa keessatti Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba Itiyoophiyaa biyya jedhamtu diiguuf hojjatudha jedhee dubbachuun ummata biyyattii biraa deeggarsa kan argatu itti fakkaatee xibaaree jira. Shira wayyaanee kana kan hin hubanne biyyattii keessa hin jiru. ABOn sagantaan inni qabtee socho’u ifaa dha. Kunis mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo fiixa baasuuf hojjachuu dha.
Mallasaan kana dubbachuun isaa itiyophiyaa diigama jalaa oolchuuf osoo hin taane, duula ABOf fi ummata Oromoo irratti bifa haarawaan banuuf sabaa fi sablammoota biyyattii ofitti hawwachuuf yaaluuf ta’uun beekamaa dha. Wayyaanotni itiyoophiyaa tursuufis ta’e diigama irraa oolchuuf akka hin dandeenye hubachuu qaban. Tokkummaan itiyoophiyaa kan tikfamu olaantummaan saba bicuu tokkoo saboota biraa irratti fedhamee osoo hin taane, ummatootni biyyatti kabjaa fi walqixxummaan waliin jiraachuuf murteeffachuuf hiree yoo argatan qofa dha. Wayyaanotni tokkummaa itiyoophiyaa tiksuuf hamilees ta’e dandeetti kan itti hin qabne ta’uu ifaa dha. Kana ammoo waggoota 15 darban aangoo irra turan keessatti ummattoota biyyattii irratti gochaa hammeenyaa hiriiyyaa hin qabne raawwachuun mirkaneessanii jiru. Kan Itiyoophiyaa diiguuf kutatee hojjataa jiru wayyaanee akka ta’e ummattoota biyyattii jalaa dhokataa miti. Wayyaaneen saboota Itiyoophiyaa keessa jiraatan keessaa kan inni hin dhiigsine tokkollee hin jiru. Tarkaanfiin sanyii duguuggaa Ummata Oromoo, ummataa Gambeellaa, ummata Amaaraa, Ummata Sidaamaa, fi sabaa fi sablamoota Kibbaa irratti fudhate Itiyoophiyaa tokkomsuuf osoo hin taane diiguuf akka ta’e kan hin hubanne hin jiru. Ummattoota mana hidhaatti guuruun, ajjeessuu fi dararuun itiyoophiyaa hin tokkoomsu ykn ammoo diigama jalaa oolchuu hin danda’u. Tokkummaan itiyoophiyaa kan tikfamu hawwii fi fedha wayyaaneen osoo hin taane, ol’aantummaan seeraa kabajamee ummatni biyyattii nagaan jiraachuuf carraa yoo argate qofa ta’a.
Mallas Zeenaawwii miseensota ABO jedhee yakkuun ummata Oromoo mana hidhaatti guuruu, ajjeesuu fi dararuu akka itti fufu dhaadatee jira. Dhaadannoon wayyaanee qabsoo ummata Oromootiin akka cabu shakkiin hin jiru. Ummatni Oromoo doorsisa abbaa irree sodaatee qabsoo bilisummaa gaggeessaa jiru irraa duubatti akka hin jenne hubatamuu qaba. Falmaa mirga isaa kabachiifachuuf godhu daran finiinsuun yeroon itti fufuu qabu amma ta’a. Ummatni Oromoo mootummaa abbaa irree isa dhabamsiisuuf abuurratee ka’uun itti dhaadataa jiru kana of irraa darbachuuf bifa haarawaan wal qindeessee falmaa finiinsuu qaba.
Wayyaanotni ummata Oromoo irraa sodaan qabu guddaa dha. Sodaan kunis kan madde ummatni Oromoo haqasaaf falamatee abbaa biyyumaa isaa yoo mirkaneeffate, qabeenyaa Oromiyaa akka barbaade saamuun Tigraay guddittii ijaaruuf hawwiin qabu ni fashala yaada jedhu irraati. Kanaaf kan raga ta’u ammoo dhiyeenya kana mataan wayyaanee Mallas Zeenaawwii dargaggoota Tigraay walitti qabuun “aangoon harka keenya yoo baate, dhabamuuf waan teenyuuf aangoo mootummaa wayyaanee tiksuuf halkanii guyyaa hojjachuuf dirqama qabdu” jechuun saboota biraa irratti waraana labsuu isaati.
Dargaggoonni Oromoos labsa Mallasaa kanaaf hojii qabatamaa hojjachuun deebbii kennuutu irraa eegama. Mirga ummata Oromoo kabachiisuuf har’as akkuma kaleessaa diina kuffisanii kufuuf qophii ta’uu qaban. Cunqursaa of irraa darbachuun kan danda’amu hojii qabatamaa hojjatanii qabsoo finiinsuutiin qofa ta’uu hubatamuu qaba.
Dhiyeenya kana Mallas hoggantoota dhaabota OBKO fi OFDM ofitti waamuun ABO akka balaaleffatan kadhachaa jira. Kun hundi falmaan ummatni Oromoo wayyaanee irratti gaggeessaa jiru abdii waan isa kutachiiseef deeggarsa gaafachuu isaa ifatti mul’isa. Abdii kutachuun qabsoo Oromoo dura dhaabbachuuf daboo kadhataa jira. Duulli wayyaaneen Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti gaggeessuuf itti qophaawaa jiru kun injifannoo ummata Oromoon akka xumuramu shakkiin hin jiru. Wayyaaneen mormitoota sosobachuun qabsoo Oromoo irratti duulanii umurii isaanii kan dheeressu itti fakkaatee haa wixxifatan malee sirni isaanii yeroon itti awwalamu fagoo hin ta’u.
Mallasaan Tumsa Dimokraasii fi Bilisummaa mormitootni impaayera Itiyoiophiyaa keessatti nagaa waaraa argamsiisuuf walitti dhufanii hundeessan mormee yeroo dubbatus dhagahameera. Dhaabotni akeeka wal fakkaataa hin qabne tumsa yoo uummatan illee, tumsi kun abidaa fi bishaan akka walitti fiduutti ilaalama jedhee xibaaruu yaaleera. Cunqursaan jabina dhaabota isa mormanii dhagahuu ykn arguu hin barbaadu. Tokkummaan dhaabota mormitootaa umurii isaa akka gabaabsu hubachuun watwaataa jira. Mallasaaniis inaaffii fi sodaan liqinfame waan isa hin ilalle irratti yaada kennuuf dhidhiitatee jira.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!