Waxabajjii 4, 2006 (MN USA) - Hundeen Oromummaa keenyaa afaan fi aadaa keenya ta'uun gaaffii hinqabu. Eega
ummanni keenya Gabrummaa habashaa jalatti kufee eegalee dulli afaan fi aadaa
keenya irratti godhamaa ture ummanni keenya afaan fi aadaa isaa tuffatuu
bira taree akka lagatu taasisee ture. Haala kana deebisanii wayyeesuuf
baroota 20 dabran kana keessa qoonnii artiistonni keenya gummaachan kan
hangana jedhamee himamuumitti. Bali'innaa afaan keenyaa fii guddina ummata
keenyaa wajjiin tattaaffiin godhame salphaa ta?uu dhabullee arrallee afaan
keenyaa fii aadaan keenya sadarkaa guddinna adunyaa wajjiin wal madaale jira
jechuu hindandeenyu.
Haala sadarkaa guddinaa fii irri'ina artii Oromoo, haala yeroo ammaa qabsoon
ummata keenyaa irra jirtuu fii qooda artiistota oromoo irraa eeggamu irratti
Ibsa Miseensonni Gumuu Sabaa J. Gashu Lammeessaa fi J. Odaa Xasee akkasumas
Ogeeyyoonni adda addaa fi Qondaaloonni Kutaa USA fi Canada nuuf keennan
irratti nuti artiistonni Oromoo hedduminaan 24 marii bal'aa gaggeefanne
jirra.
Kanuma irratti hundoofne nu artistoonni biyyaa ameerika Kaabaa ti argaminnu
Waxabajjii 3 hamma 4 magaalaa Minneapolis keessatti walgayii seena qabeessa
geeggeffannee waladaya artiistotaa ijaarachuun walgayii keenya milkiin
xumuranne jirra.
Walgahii kanaan waliiniis agarsiisa aaddaa kan oromoonni 700 ol qooda irraa
fudhate Waxabajjii2 garsiifne milkiin galii isaa QBO olchii jirra.
Xumura Walgahii seena qabeessa tahe kana irratiis murtii fi kutannoolee
armaan gadii dabarfannee jira.
1. Aadaa fi afaan Oromoo guddisuu fi dagaasuuf murrannoon hojjachuu fi
sadarkaa amma jiru irraa fuuldura tarrkaanfachiisuuf murteefanne.
2. Rakkoolee jiru irra aannee dandeettii keenya walitti fiduun gamtaan
hojjachuuf furmatii artistoonni Oromoo ijaaramuu t`au isaa waligalee koree
kana qindeessuu utubuannee.
3. Nu Artisonni Oromoo ka roorroon alagaa biyyaa baaftee sochii FDG ummani
Kenya gegeessa jiru ni degarra.
4. Ummanni keenya roorroo alagaa jalaa bahuuf qabsoo bifa hundaa gaggeefachu
malee filmaata akka hin qabne itti amannee, gama keenyaaniis waan dandeenye
hunda gochuuf qophii dha.
5. Tumsa ABO dhaaboota motummaa Wayyaanee mormaan adda addaa walin gocha
jiru ni deegarra.
6. Artistoonni Oromoo hundi bakka jiranitti akka bifa kanaan ijaarmaan
waamicha kenya dabarsina.
7. Hawaasin Oromoos akeeka keenya kana hubate akka nu bira dhabatu waamicha
keenya dabarsina.
Walliftoota Qodda fudhatan:
1. Nuhoo Goobanaa, 2. Gaddisaa Abdullahi, 3. Qamar Yuusuf 4. Elemo Alii, 5.
Shabee Sheeko, 6. Kiloolee Itichaa, 7. Mahamad sheeka, 8.Dawit Makonin, 9.
Tujii Muudee, 10. Shamsii Quxoo
11. Ahmed Layyinaa, 12. Muhamed Shankifee, 13. Shoolee Tafarra 14 Geetuu,
15. Kamal Ibrahim, 16. Fooziyaa Mohamed, 17. Yadannee Lammi 18. Ahmad
Layina.
Barreesitoota,booharsitoota,muuzishiyaanota fii namoota kaamera Qooda
fudhatan:
1. Dararaa maatii, 2. Amin Jundi, 3 Jamel Sulee,. 4. Ahmedyassin Ali, 5.
Turaa Adam, 6 Habtaamuu fi 8. Abdii
Gadaan gadaa bilisummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Waxabajjii 4, 2006
|