Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oduu Biyyaa

Hagayya 18, 2006 (Oromiyaa) - Wal Dhibee Loltoota Wayyaanee Gidduu Ture. Waldhabins loltoota wayyaanee giduu jiru jabaatee itti fufee jira. Akka kanaatti gaafa guyaa 15/2006 [qibtata] halkan keessaa Sa’aa 3:00 booda dhukaasi guddaan Aanaa Calliyaa magaa geedoo keessatti sa’aa eeraaf loltoota Federaalaa fi human darbatamaa gidduutti gaageefamee jira.

Kana keessatti yerooma sana loltoota federaalaa keesaa namoon lama yoo du’an heedduun immoo maddaa’ani jiru. Kan madaa’an hedduunis akka du’uu  hin ollee nidubatama. Yeroo amma kana magaal Geedoo loltuu Fedraalaan jeeqamaa akka jirtu beekameera.

*********

Waraanni Wayyaanee Duula Somaalii Akka Deemuuf Dide Dhagahame.

Saboonni Cunqurfamoo waraan wayyaanee keessa jira Gara Sumalee deemuu mormaa akka jiran keessa beektonni dubbataan. Keessa beektonni kun akka dubbatanitti, kanaan dura yamuu waraanni gara Biyya Laayibeeriyaatti ergamu, Qarshii guddaa waan argamsiisuf  Warra waggaa dheeraa warana keessatti tajaajilan jedhanii Lammii Tigree qofa kan ergan yoo ta`u, Amma gara Sumaaletti kan ergaa jiran Harkki caalu Saboota Cunqurfamoo dha. Kun maaliif ta´a? Yeroo dantaa fi fayidaan argamu ilmaan Tigree ergamu? Yeroo du´a ta´u ammoo ilmaan cunqurfamootu itti oofama? Jechuun diddaan guddaa muldhataa jira.

Waan qarshii hin argamsiifnefi jedhanii mootummaan kun ilaachaa gaarii nuuf hin qabu jechuun hojii kan gadi dhiisani kan badaa jiran heddudha jechuun keessa beektonni kun dubbatanii jiru.

Keessa beektonni kun itti dabaluun Edda J/Kamaal Galchuu waraana fudhatee socho´ee, Wayyaanonni Waraana irratti amantaa kan dhanaban yoo ta`u, Mobaailii keessan cufaa jechuun akka  halkkan halkan walga`ii teessisaa jirtu dubbatan.

*********

Wayyaaneen Waraana Kaadhimuuf Beeksisa Baaste 

Wayyaaneen waraana filuu jalqabdeetti jedhama. Akkuma amala ishee dargaggoota Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo waraana sanyii duguuggaa gageessuuf ´´nama tokkoon qarshii 700 mindaa isinii kaffala´´ jechuun beeskisa baaftee jirtu maddeen muldhisiu. Dhimma kana irratti akka ilmaan Oromoo fi saboonni cunqurfmaoo marti waraana dabre irraa baratuun ilmaan isaanii ibiddatti hin ergine sabboontonni Oromoo dhaamu.

Waraanni isheen somaali irratti gageessuuf wixxifataa jirtu, warra dhiyaa gammachiisuun gargaarsa ittiin meeshaa bitattee ummata ittiin cunqursituu fi hacuuccuf akka ta´e hubatamuu qaba. Akeekanii yeroo ammaa wayyaaneen Somalii irratti karoorfatte fashallaan yeroon dhuma isheetii akka fagoo hin taane hubatamee, Oromoon bakka jiru maraa kan waraana, polisa, tika, ishee keessa jiru ummata isaa waliin harka wal qabatuun, hawaasi Oromoo barataa, daldalaa, qonnaan bulaa, hojjetaa marti keessaa fi alaan hiriiree biyya isaa dhuunfachuuf gumaacha irraa eegamu gochuun socho´uuf qophii isaa xumuratuu qaba.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net