CAMSAA 28, 2006 (Toronto, Kanada) - Walga’iin uummataa kan Adda Bilisummaa Oromoo Kutaa Kanadaatiin waamame guyyaa har’aa Caamasaa 28, 2006 magaala Torontootti adeemsifame. Walg’hii kana irrattis uummatni Oromoo magaala Torontoo fi naannoo ishii jiraatan hedduun argamaniiru. Walga’ii kana irrattis ittigaafatamtoonni fi miseensoonni ABO kan kutaa Kanaadaa fi kan konyaa -Mul’is Abbaa Gadaa argamanii jiru.
AKEEKNI WALGAHII KANAA
Haalaa fi sadarkaa qabsoon uummata Oromoo ABOn geeggeffamu arra irra jiru ilaalchisee ummataaf ibsa kennuu fi Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii (TBD) kan durummaa ABOn dhaabbate ilaalchisee ibsa barbaachisu kennuun .Tumsa kana irratti gaaffii ummanni keenya qabuuf deebisaa laachuu fi ilaalchaa fi ,, yaadaa, uummatni keenya qabuu baruu fi irrratti marii’achuudha.
IBSA KANNAME
Haalaa fi Siyaasaa biyyoota Gaanfa Afrikaa kan yeroo ammaa illaalchisee ibsi bal’inaan godhamee jira. Jeequmsi fi lolli naannoo sanatti yeroo ammaa kana ademsifama jirus qabsoo ummata Oromoo irratti dhiibbaa fi midhaa inni irraan ga’u irrattis ibsi kennameera. .Mirgi uummata Oromoo fi cunqurfamoota biroo hanga deebii hin argatinitti rakkinni yeroo ammaa kana gaanfa Afirikaa mudatee jiru furmaata akka hin qabnees ibsamee jira.Akkasumas, haalli siyaasa impaayera Itoophiyaa kan yeroo amma bal’inaan eega ibsamee booda Qabsoon uummata Oromoo yeroo ammaa kana yoom iyyuu caalaa sadarkaa guddaa fi amansiisaa ta’e irra jiraachuu isaa ummanni akka fudhatu taasifamee jira. .Uumamuu TBD (ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY) ilaalchisee ibsi bal’inaan kennameera. Uummatnis dhaabbachuu tumsa kanaa irratti baay’ee gammaduu isaanii sagalee guutuun ibsanii jiru maayyii irratti ummanni walgahii kana irratti argaman gaaffii qaban hundaa gaafachuun deebisaa quubsaa kan argatan yoo ta’u Tumsa kana ilaalchisee deeggarsa qabanii fi yaada gorsaa dhaaba ABOf qaban dabarfachuun ibsa ijjannoo qabxii 11 of keessaa qabu baasuun walgahii isaanii injifannoon xumuranii jiru
Caamsaa, 28,2006
Walgahii Ummataa
Toronto,Canada
|