 |
Guyyaa 11,03,2006 hiriirri nagayaa magaalaa Torontotti godhame injifannoo boonsaan xumuramee oole. Hiriira nagayaa kana kan qopheesse konyaa Mul’is Abbaa Gadaa, Toronto, Kaanaadaati. Ilmaan Oromoo keessattuu joolleen biyya tanatti dhalatanii guddatan daa’imman hedduun hiriira kana irratti argamuun hiriirri kun ummata alagaa biratti ija gatii qabuun akka ilaalamu taasiseeti jira. Hiriirri kuniis Qunsila Embaasii mootummaa Ameerikaa kan magaalaa Torontoo fi mana Paarlamaa mootummaa Ontario Kaanaadaa duratti gaggeeffame Dhaadannooleen dhagaasifamaa turaniis, Fincila diddaa gabarummaa ummanni keenya biyya keessatti gaggeessaa jiru ni deeggarra, ABOn kallacha qabsoo bilisummaa Oromooti, mootummaan Ameerikaa garagaarsa mootummaa wayyaaneef kennu haa dhaabu, mootummaan Kaanaadaa gargaarsa mootummaa wayyaaneef kannaa jiru daddafiin haa dhaabu, horii qaraxaa kan ummanni Kaanaadaa baasuun ilmaan saba keenyaa ficcisiisuun haa dhaabbatuu, ABON ni mooha kan ja’u ture, maayyii irrattiis wajjiraalee mootummoota lamaaniifuu xalayaa iyyanaa kennuun fincilli yeroo qabameefitti injifannoon xumurame. |
|
|
|
|
Walgahii Torontoo
Guyyuma kana galgala miseensoonni konyaa Mul’is Abbaa Gadaa, miseensoonni Biiftuu ganamaa jaarmaya hawwan Oromoo, kan Caayaa ABO Torontoo fi miseensoonni Bakkalcha Oromiyaa jaarmaya caayaa ABO Torontoo walgahii guddoo godhatanii jiru Walgahii kana irrattiis MGS ABO J/Odaan argamee ibsa bal’aa eega kenne booda miseensoonni walgahii kana irratti argaman gaaffii gaafataniifiis deebisaa quubsaa kennuun hamilee hirmaatoota walgahii kanaa olkaasuun akka isaan abdii guutuu horatan qooda olaanaa gumaachee jira. Walgahii kana irrattiis qophiilee turan keessaa tokko manguddoota hawwan Oromoo kan qabsoo tana irratti cichanii qooda olaanaa laachaa turaniif badhaasa kennuu ture sirni badhaasa kanaas bifa hedduu dinqisiifameen gaggeefamee. Hawwisoon dargaggoo fi shamaran magaalaa Torontoos walgahii kana irratti argamuun hirmaattoota walgahii kanaa gammachiisuun walgahii kana midhagsanii jiru, maayyii irrattiis keeka alaabaa Oromoo irraa tolfame bilisummaan Oromiyaa guyyaa borutti nuuf haataatuu hawwii ja’uun MGS ABO J/Odaa mursiisuun eebba manguddootiin walgahii isaanii injifannoon xumuran.
Walgahii Ummataa
Guyyaa itti aanuu 12/03/2006, walgahiin ummataa kan konyaan Mul’is abbaa Gadaa qopheesse injifannoo ciccimtuu galmeesuun xumuramee oole. Walgahii kana ummata Oromoo magaalaa torontoo keessa jiraatan heeddutu qooda irraa fudhate , MGS ABO J/Odaan walgahii kana irratti argamuun haala qabatamaa QBO kan ABOn gaggeessaa jiru irratti keessattuu fincila diddaa gabrummaa kan ummanni keenya biyya keessatti gaggeessaa jiru ilaalchisee ibsa bal’aa eega kenne booda gaaffii ummanni dhiheeseefiis deebisaa quubsaa kennuun hamilee ummataa jajjabeesee jira. Ibsa boodaas agarsiisa kaasseeta Viidiyoo WBO fi kan qophii TV, afaan Oromoo biyyatti dabraa jiruutu itti fufe, ummanni qophii fi sochii WBOn itti jiru irraa kan hedduu gammadan yoo ta’u qophii TV irratti roorroo mootummaan wayyaanee ummata keenya irratti gaggeessaa jirtu arguun heedduu kan gaddan ta’uu ibsachuun furmaanni gadda kanaa bilisummaa ummata keenyaa dhugoomsuu qofa jachuun bilisummaa ummata keenyaa argamsiisuuf ABO jalatti hiriirree qooda nu irraa eeggamu ni gummachina jachuun murtiilee ciccimoo eega dabarfatan booda walgahii kan injifannoo gaariin xumuratanii oolan.
|